Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Madaan hidhiirratti bahu ganna 5000 dura kan eegale tahuu mala - Qorannoo
Madaan hidhii keenyarratti bahu bara durii, Bara Boorrajii jedhamu keessa kan jalqabe tahuu akka danda’u qorannoon bira gahe.
Saayintistoonni Yuunivarsiitii Keembriij vaayirasiin ‘herpes virus’ jedhamu infeekshinii naannoo afaaniifi qaama saalaa irratti madaan akka bahu taasisudha jedhan.
Vaayirasiin kunis yeroo uummatni Yurooshiyaa gara Awurooppaa godaane ganna 5000 dura kan uumame yoo tahu yeroo ammaa, namoota biliyoona 3.7 tahan qabeera.
Qorattooonni samuuda DNA waggaa kumaatamaan dura qorachuun vaayirasichi akkatti of madaqse baruu yaalaniiru.
Godaansi uummatni baayyee iddoo tokkotti akka jiraatu taasise, sun ammoo tamsa’ina vaayirasichaa dabale, aadaan haaraa kanneen akka wal-dhungachuu fa’is kana keessatti shoora qabu jedha bu’aan qorannoo kanaa.
Kana dura achi dhuftee sanyii vaayirasii kanaa irratti ragaan kan jiru hamma bara 1925 qofa dha.
Qorattoonni kunneen garuu samuuda haftee qaama namaa waggaa 1000 lakkoofsisan afur fayyadaman.
Samuuda kunneen irraa gareen kuni yeroo jijjiirama tirannaa vaayirasii kanaa tilamaamuu danda’aniiru.
Qorattoonni kunneenis DNA vaayrasii ilkaan namoota adda addaa jalaa baasuun samuuda qorannoo isaaniif fayyadaman.
Vaayirasiin fuula keenyarraaa illee afaaniin daddarbe, akka qorannoon kuni jedhutti ragaan galmaa’ee as dhihootti beekamu barreeffama Bara Boorrajii kan Kibba Eeshiyaatti argame dha.
Jaarraa baayyee booda, Mootiin warra Roomaa Tibeeriiyas iddoo hojii idilee ykn namni walitti qabamutti namoonni akka wal-hin dhunganne dhorkee ture, kunis sababa vaayirasii kanaan hin tahin hin oolu jechuun ciicatu qorattoonni kunniin.
Dr Kiriistinaa Sheeb Kooleejii Seent Joon, Keembriijitti qorattuufi hoggantuu qoarannoo DNA durii, mana yaalii Yunivarsiitii Taartuu dha. ‘lubbuu qabeessi kamiyyuu gosa vaayirasii ‘herpes’ kana qaba, akka nuti yaadnutti vaayirasiin inni kunis sanyiin ilmoo namaa erga Afrikaarraa bahee as jiraachuu kan jalqabedha.
‘’Haa tahu malee waggaa 5000 dura waan tokko dhalate, vaayirasiin inni kuni hunda caaluun tatamsa’uu jalqabe kuni immoo wal-dhungachuurraan kan ka’e tahuu hin oolu,’’ jette.