Waggaa haaraa kan wal lole osoo hin araaramiin hin kabjamne - Dishtaa Giinaa

Maxxanfame

Waggaan haaraa Itoophiyaatti kabajamu A L I Fulbaana 1, 2016 jalqabee amma ji’a sadaffaatu xumuramaa jira.

Haata’u malee, Itoophiyaa keessatti hawaasi gara garaa kabaja waggaaa haaraafi sirna aadaa isaanii itti kabajatan kan ofii qabu.

Kutaa Itoophiyaa bakka baayyeetiif Fulbaanni akka ji’a jalqabaatti kan ilaalamu yoo ta’u, Kibba Itoophiyaatti kan argamu Saba Arriif ammoo Fulbaanni ji’a 10ffaa isaaniiti.

Itoophiyatti Fulbaana akka ji’a jalqabaa isaaniitti kan hin ilaalle Saba Arrii qofaa miti, fakkeenyaaf akka Dhaha Oromoottillee ji’i jalqabaa Fulbaana akka hin taane hayyoonni argaa dhageettii ni dubbatu.

Sabi Arrii waggaa haaraa kan kabajataniifi ji’a tokko jedhanii kan jalqaban Mudde keessadha.

Warra Arrii biratti ji’i jalqabaa ‘Loongaa’ jedhamee beekama. Loongaa jechuun Mudde jechuudha isaaniif. Akkaataa isaan itti guyyaa lakkaawwatan marsaa Addeessaa hordofeeti.

Maanguddoon biyyaa Saba Arrii Obbo Daanyee Gabiree, akkasumas Itti-gaafatamaan Komunikeeshinii godinichaa Obbo Taammiraat, warri Arrii ji’oota 12 qofa akka qaban dubbatu.

Sabni Arrii guyyaa kan lakkaa’u guyyaa Addeessi itti mul’atterraa kaasee hanga guyyaa isheen itti lixxutti waan ta’eef, akkaataa Kalaandarii Itoophiyaatti ji’a 13ffaa kan taate Qaammeen herrega keessa hin galtu.

Dishtaa Giinaan maali?

Sabni Arrii kanaan dura Naannoo Sabaoota, Sab-lammootaafi Ummattoota Kibbaa, godina Oomoo Kibbaa keessatti ture kan argamu.

Amma garuu naannoo haaraa hundaa’e Naannoo Itoophiyaa Kibbaa keessatti argama.

Godina Arrii keessa aanaalee afuriifi bulchiinsa magaalotaa lamatu jiru.

Waggaa waggaan ji’a jalqabaa, guyyaa jalqabaarratti guyyaan ayyaana haala ho’aa ta’een kabajamuu maqaan isaa ‘Dishtaa Giinaa’ jedhama. Maqaan kun jechoota lamarraa uumame.

Jechi ‘Dishtaa’ jedhu hiika baayyee qaba. Inni jalqabaa kan ibiddarra kaa’ame jechuudha. ‘Giinaa’ jechuun ammoo kan bilchaate jechuudha. Kanaaf, hiika ibiddarra kaa’amee kan bilchate jedhu qaba” jechuun ibsu Obbo Taammiraat.

Obbo Daanyeen gama isaaniitiin ‘Diishtaa’ jechuun arrii Kibbaa biratti galata, gammachuu jechuudha jedhu. Ginaan ammoo Arrii Kaabaa akka itti dubbatanidha. Walumatti garuu hiika ayyaana galataa jedhu kenna jechuun ibsu.

Sabni Arrii bara moofaa gaggeessanii wagga haaraa simachuudhaaf.

Ji’oonni wagga 12 afaan saba Arriitiin Loongaa-Mudde, Tooraa-Amajji, Maaken-Guraandhala, Oyidii-Bitootessa, Dolaa-Ebla, Laa-Caamsaa, Taabzaa -Waxabajji, Zeetaa-Adoolessa, Saglaa-Hagayya, Taamaa -Fulbaana, Bekissaa – Onkoloolessaa, Somzaa – Sadaasa jedhamu.

Jaarsa biyyaa Arrii kan ta‘an Obbo Daanyee Gabree, ayyaana Dishtaa Giinaa kabajuudhaaf ji’a Sadaasaa irraa kaasee maatiifi dhuunfaatiin qophiitu taasifama jedhu.

Ayyaanni kun waldhibdeefi haaloo bara darbe uumaman dhiisuudhaan bara haaraa nagaafi abdiin fudhachuuf kan taasifamu waan ta’eef haala ho’aa ta’een kan kabajamudha.

Obbo Taammiraat gama isaaniitiin, warr Arrii ji’a Sadaasaa irraa kaasee wal lolanii, akkasumas walitti dallananii Ayyaana Dishtaa Giinaa haala kamiiniyyu hin kabajamu jedhu.

Sirni aadaa kanaa namoonni akka walitti arraraman dirqisiisa. Kanaaf, sadarkaa dhuunfaatti kan wal-lole ni araarama, akka hawaasaattis gareewwan gara garaa gidduutti wal dhibdeen uumamee kan ture yoo ta’e araarri akka bu’u taasifama.

Dishtaa Giinaa nagaafi jaalala fiduudhaaf ayyaana baayyee gaariidha jedhu Obbo Daanyeen.

Dishtaa Giinaan hawaasa naannichaa gidduutti jaalalaafi waliigaltee kan uumu, walitti bu;insi yoo jiraatellee dhiifama gochuudhaan ayyaana dhiigni akka qooru godhudha jedhu Obbo Daanyeen.

Waggaan haaraa maaliif Mudde ta’e?

Midhaan lafa Arrii irratti margu kan gahu dhuma ji’a Onkoloolessaa gara dhumaa waan ta’eef waggaa haaraa simachuudhaaf Loongaa-Mudde mijataadha.

Baddaafi gammoojjii Arrii keessatti Boloqqeen, boqqolloon, bisingaa, qamadii, garbuu, xaafiifi midhaan hundee kaan kan gahan waqtii kanadha.

Waggaa keessatti qotee oomisha gaarii, horii horsiisee gaarii kan elmate, gaagura hidhee damma kan baafate Uumaa isaa kan galateeffatu Dishtaa Giinaattidha.

Dishtaa Giinaa ji’a Loongaa (Mudde) keessa kan kabajamuuf sababa biraa baruudhaaf waqtiiwwaniifi ji’oota Arrii ilaaluun barbaachisaadha.

Arriin waqtiiwwan bakka afuritti qoodu.

Hashen (Bona, Walii (Arfaasaa), Bargii (Ganna) fi Shukilii (Birraa).

Hashaniifi Waliin yeroo eebbaafi gammachuu akka ta’etti yoo fudhataman, Bargiifi Shukiliin garuu yeroo itti harki nama gabaabbatuufi yeroo rakkoon itti hammaatudha.

Barri haaraa Harrii ji’a Muddee akka ta’u kan itti mirkanaa’e moggaasa ji’ootaafi tartiibi isaa yeroo lakkaa’amu ji’i ja’affaa lakkoofsaan taa’e, Caamsaa-Laa sirriitti kan arguma waqtichuma keessatti ta’uu isaatiif jedhu Obbo Daanyeen.

Afaan Arriitiin Laa jechuun ja’a jechuu yoo ta’u, Waxabajji ykn afaan isaaniin Taabzaa kan jedhu ammoo torba jechuudha. Ji’oonni ja’affaafi torbaffaa kunneen lakoofsa kanarra kan oolan Mudderraa lakkaa’uu yoo jalqabanidha.

Waqtiiwwan rakkisoo Bargiifi Shukilii darbanii omisha qonnaatiin quufti yeroo jiru, haalli qilleensaa roobaafi qorraafi dhoqqee ture jijjiiramee aduun bahee waqtiin Birraa kan jalqabu ji’a Muddee keessa waan ta’eef wagga haraa kabajuudhaaf mijataadha jedha Obbo Daanyeen.

“Loongaa beellii darbeerra, laga ce’ee deemeera. Amma yeroo quufaati hiika jedhu qaba.”

Obbo Taammiraat gama isaaniitiin, ji’i qonnaa darbee waqtii itti boqotan ta’uun isaa wagga haraa kabajuuf ji’a mijataadha jedhu.

Abbaa lafaa Arrii salgan

Sabni Arrii duree aadaa qabu. Hawaasichi Baabbii jechuun isaan waamu. Baabbiiwwan sirnawwan hawaasummaa garaagaraa adda duruummaadhaan hogganu.

Ittaansee ammoo Goodiliiwwantu jira. Isaanis kan sirna aadaa hawaasichaa, dambiiwwan kan rawwatan, fi hawaasicha kan dhimmoota garaagaraa irraa ittisuudha.

Isaan gadiitti kan argaman ammo ummata. Ummnni ykn akka hawaasni Arrii jechuutti, Kayis hawaasa gara jalaatti argamudha.

Ayyaanni Dishtaa Gunaa wallakkeessa Sadaasaa irraa kaasee yoo kabajamu dursa kan kabajan Kayisaawwan ykn ummaticha.

Yoo sadarkaa maatiitti kabajamu ammo tokkoon tokkoo abbaa warraa, haatiiwwan, namni dhuunfaa kan wagga guutuu itti dadhabe, yeroo gammachuudhaan walitti qabatufi itti galateeffatu, fi kan warra kaan waliin itti dhandhamatuudha.

Haala kana keessatti kan namatti tolu wal gargaarsaadha jedhu Obbo Taamiraati. Namni milkaa’e isa hin milkaa’in hafeef qooda.

Dureewwan maatii hawaasa idilee bira jiran erga kabajaniin booda ammo Godimaawwan biratti kabajama.

Hawaasni Arrii erga midhaan facaasan walitti qabatanii booda dursa akka abbootiin lafaa (Godimiiwwan) dhandhamatan godhu. Itti aansee akka miseensoonni hawaasaa kaan dhandhamatan godhu.

Kunis erga angafni naannichaa dhandhamatanii booda kaan akka dhandhamatan taasifama.

Midhaan wagga guutuu itti dadhabe yeroo mana galuutti abbaa lafaa irraa kaasee sirni midhaan dhandamachuu adda baasuun abbaan warra dursa erga dhadhamateen booda wara kaan dhadhamachiisu jedhu Obbo Daanyeen.

Kunis yeroo ayyaanni mummeen kabajamutti guyyaa shan yoo hafu Sadaasaa ALI 25-28tti kan gaggeeffamu yoo ta’u, dureewwan maatii, Tooyiidii ykn Baayiiraawwan gara warra Guudiimiiwwanii deemuunkabaju.

Muddee 1 kan kabajamu ayyaanni Diishaataa Guunaa guddichi mana abbaa lafaa hawaasichaatti.

Arriiwwan abbaa lafaa sagal qabu. Abbaan lafaa salganis qabeenya lafaa naannoo mataasaanii qabu.Raawwachiiftoonni sirnaa abbaa lafaa salgan jalatti argamanis, Gudiimiiwwan akka ayyaana Diishitaa Giinaa haala ho’aan kabajan taasisu.

Tokkoon tokkoo Arrii naannoo mana jireenyaa abbaa lafaa ykn bakka kabaja ayyaanichaatiif adda baafameetti uffata aadaa qunceefi oofichoo irraa hojjatame uffatanii, kan miidhee dhiifama jedhee, uffata Tiiriizaa jirbii irraa hojjatame uffatanii hirmaatu.

Yeroo ammaatti uffanni aadaa oomishaalee warshaaleetiin bakka waan bu’aniif, uffannichi haallu jaha kan qaban aadaa hawaasni itti beekamuudha Obbo Daanyeen dubbatan. Arriiwwan yeroo ayyaanicha kabajaniitti sirba aadaa garaagaraa xabatu.

Yeroon isaa kana hojiin itti hin baayyannee waan ta’ef dargaggoonni halkan halkan bahanii sirbaa fi shubbisaan qe’ee ho’isuu.

‘Beerii’ nyaachaa dhugaa taa’anii kan taphatan yoo ta’u, dhiiroonniifi shamarran sirbu barbaadan ammo lama lama ta’uun ka’anii sirbu.

Keessattuu dubartoonni Beerii taphachuurratti kan amma isaanii gahu hin jiru jedhu Obbo Daanyeen.

Tibba tapha aadaa kanattis Waaqni ni galateefama, qonnaan bulaa cimaan, gara laafeessiifi goonni ni jajama.

Arriiwwan qabeenya abbaa lafaarratti Gudiimiiwwaniin ijaaramuun nyaataa, dhugaa, dhiiroonni dhaabbatanii giingoo umuudhaan kan sirban sirba ‘wayyaa’ jedhamutu jira.

Dirree ayyaanichi itti kabajamurratti dargaggoonni kan wal hammatanii sirban ammo sirba ‘Dutile’ jedhama.

Dargaggoonni dorgomii ispoortii adda addaa (mukimii. Shaaqimii, Dobimii, Maangaa, Haaziimii) jedhaman waqxii bonaa kanaan ni taphatama.

Qulqulinnaafi Dishiitaa Giinaa

Diishitaa Giinaan Waaqa galateeffachuu, araara buusuu, kan rakkatee gargaaruu, jaalalaafi waliin ta’u lallabuu akkasumas alaafii keessoo qulleessuu/barreechuu fa’I akka hammatu dubbatu Obbo Daanyeen.

Akka ibsa jaarsa biyyaatti, Arriiwwan Sadaaraa irraa kaasee wal dhabanii waliin oodaa haala kamiinuu ayyaana Dishiitaa Ginaa hin kabajan.

Sirni aadaa akka waliitti araaraman dirqisiisa. Kanaaf sadarkaa dhunfaatti kan wal dhabees walitti araarama. AKka hawaasaattis, akka gareettis wal dhabdeen yoo jiraate araarri akka bu’u taasifama.

Arriiwwan bordee mana manatti dhugamu, nyaata nyaatamus gosa gosaan yoo qopheessan, osoo ayyaanichi hin eegaliin dura qulqulluu ta’u mirkanneeffachu akka qabaatan kaasu Obbo daanyeen.

Qulqulliinni kunis manaafi naannoo ofi qulleessuun oliidha. ‘‘Ayyaanichaaf jecha haaloo fi komii keessootti qabaatanii, beekaniifi osoo hin beekne balleessaa qabaatan naannawuun dhiifama yeroo itti gaafatamuudha.’’

Qulqullinniifimiidhaginni duudhaa ayyaanichaa biro ta’uu dhalataan sabichaa Obbo Taammiraat ni himu.

Warri Arrii walakkeessa ji’a Sadaasaarraa kaasee wagga haaraa simachuudhaaf naannoo isaanii ni qulqulleessu. Mana isaaniis halluu gara garaatiin miidhagfatu.

Ayyaanni kun qulqullinni naannos, kandhuunfaas akka jiraatu waan dirqisiisuuf, haaraa uffachuu, kan qabu miicatee qopheeffachuun qama sirna ayyaana kana kabajuuti.

Qulqullina dabalatee hojiinmiidhanginaas kan raawwatamu yoo ta’u, ibsi isaas halluu uumamaatiin keenyan bareechuu (Baartisii) fi dubartoonni ammoo maddiifi adda isaaniirratti tumaan tumatan (Zi’ii) kan jedhamu jira.

Dishtaa Giinaan uffanni haaraan kan itti uffatamu, manni haaraan kan itti ijaaramuufi manni moofaan kan itti haara’udha.

Wal gargaaruu, warra rakkatan waliin ta’anii tumsuu, mana dadhabootaa waliin haaressuu, warra dhukkubsatan kunuunsuun duudhaawwan wagga haaraa kanaati.

Ayyaanni walakkeessa ji’a Sadaasaarraa kaasee kabajamu kun, Mudde 1 goolabama. Wayita Kabaja Dishtaa Giinaan irratti Baabbiiwwan fi Godimoonni wayita eebbisan waggaan haaraa (Kilaa Boon) kan fayyaa, jaaalalaa, nagaafi kan itti waliif yaadan, kan eebbaa akka tau hawwuudha.

Afaan Arriitiin “Usaa Yaam Zhahishee!” Baga ittiin isin gahe jenneerra.