Kirkira lafaa Tarkiin 'lammiin Itoophiyaa miidhaan irra gahe hinjiru'

Maxxanfame

Kirkira lafaa balaafamaa Tarkii fi Sooriyaatti dhaqqabee lubbuu hedduu galaafateen, lammiileen Itoophiyaa Tarkii keessa jiran irratti miidhaan akka hin geenye himame.

Embaasiin Itoophiyaa Tarkii jiru akka beeksiseen, odeeffannoo haga ammaa walitti qabameen namni miidhame yookaan lubbuun darbe akka hinjirre BBCtti himeera.

Hoollannaa lafaa akkaan balaafamaa Tarkii fi Siiriyaatti gaafa Wiixataa mudateen, lakkoofsi namoota lubbuu dhabanii 24,000tti dhiyaachaa jira.

Odeeffannoo hawaasarraa, barattootaafi maatii Tarkii fi Itoophiyaa jiranirraa ragaa walitti funaanuu Tarkiitti Ambaassaaddarri Itoophiyaa Adam Mohaammad Maahmud BBCtti himan.

Tarkiitti hawaasa Itoophiyaa wajjin marii taa'aniin, barattoonni naannoo balaan kun dhaqqabe keessaa nagayaan bahuun, dawoo keessa seenuu akka hubatan himan.

Barattoonni bakka dahoo keessa seenanii bilbilan akka jiran kan eeran ambaasaaddarichi, gariin gara magaalaa Ankaaraa dhufaa jiru jedhan.

Odeeffannoo barattoota kanneenirraa argameen, namni balaan irra dhaqqabe akka hinjirre eeruun, lakkoofsi barattoota dahoo seenanis 10 hin caalu jedhan.

Bakka barattoonni kun dahatanii jiranitti "akkuma lammii Tarkii kamuuf godhamutti, qarqaarsa argachaa jiru," jedhan.

Gama bakka bu'oota barattootaafi hawaasaan haala jiru dhiyeenyaan hordofaa akka jiran kan himan ambaasaaddar Adam, wanti haaraa yoo jiraates hawaasa Itoophiyaaf akka beeksisan himaniiru.

Lakkoofsi isaanii baramuu baatus, dhalattoonni Itoophiyaa Tarkii keessa jiran, gara caalu barattootaafi daldaltoota kan jedhan ambaasaaddarichi; lammiileen kun bakka taateen kun mudaterraa fagaatanii akka argamanis himan.

Lammiileen Tarkii fi Siiriyaa hoollannaa dachii kanarraa hafan kumaatamaan lakka'aman, qorra hamaa keessa guyyootaaf dahoo malee dabarsaa jiru.

Erga balaan kun dhalate torban tokko tahuuf dhiyaachaa kan jiru oggaa tahu, jijjigaa keessa namoonni danqamanii jiran lubbuun bahu abdiin jedhus hir'achaa dhufeera.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa-WHO qabbana hamaarraa kan ka'e kanneen balaa kanarraa hafan rakkoon fayyaa isaan mudata jechuun kan akeekkachiise ennaa tahu, hawaasni idil-addunyaas qarqaarsa taasisaa jiru akka itti fufu dhaame.

Kanneen kumaatamaan lubbuu dhaban bira dabree, namoonni miiliyoona 23 ol rakkoon akka akkaaf saaxilamaniiru.

Lubbu-baraartonni qorra hamaafi rooba wajjin wal'aansoo taasisaa, jijjigaa gamoowwan kumaatamatti lakka'aman jalaa namoota lubbuun hafan baraaruuf yaalaa jiru.

Tarkii iddoowwan gariitti yaaliin hojjettoota lubbuu baraaranii kan harkifatedha jechuun, jiraattoonni meeshaalee qaban fidanii bahuun, firaafi maatii barbaachutti kahaniiru.

Bulchiinsota Tarkii kirkira kanaan haalaan miidhaman 10 keessa, labsiin yeroo muddamaa ji'a sadiif turu labsameera.

Haalli Siiriyaa keessa jiru ammoo inumaa Tarkiirraa kan hammaatedha. Maaliif jennaan, waraana waggoota dheeraaf biyyattii keessa adeemaa jiruun, bu'uuraaleen misoomaa akkaan miidhamuu isaaniin, qarqaarsa barbaachisu qaqqabsiisuuf rakkisaa taasiseera.

Gamtaan Awurooppaa - EU yeroo balaa Siiriyaa keessaa Yuuroo miiliyoona sadii kan kenne ogguu tahu, qarqaarsi kun bakkeewwan harka finciltootaa jala jirus tahe kan mootummaa keessa walqixa akka hiramu hubachiiseera.