Tilmaama taphoota Piriimiyer Liigii Ingiliizii Liiverpuul, Arsenaal, Chelsii ...

Taphoonni Piriimiyerliigii Ingiliiz torbee 18ffaa Kamisaa fi Jimaata ni taphatama.
Taphoonni saddeet Kamisa taphatamu, taphoonni hafan lamaan ammoo Jimaata taphatamu.
Xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Saatan kilaboonni akka Liiverpuul, Arsenaal fi Chelsiin waancaa liigii kanaaf wal morkaa akka jiran dubbate.
Tilmaamni firii taphoota liigii torbee 18ffaas kunooti.
Kamisa
Maanchistar Siitii vs Evertan
Maanchistar Siitiin carraa uumuu fi goolii galchuu qofa osoo hin taane kallattii hundaan rakkoo hamaatti seene.
Namoonni hedduun gareen kun rakkoo qabaachuu kaasanillee tapha kana injifachuu qabu.
Evertan taphoota 6 keessaa shanirratti gooliin irratti hin galle.
Garuu Etihaaditti ni mo'amu.
Tilmaama: 2 - 1
Barnimaaz vs Kiristaal Paalaas
Paalaas hanga torbee darbe yeroo lama Arsenaaliin mo'amuutti fooyya'eera ture.
Barnimaaz gahumsa gaariirra jira.
Gareen Adoonii Iraa'olaa torbee darbe Maanchistar Yunaayitid injifachuun bu'aa argateera.
Gareen kun gurmuun taphachuun sochii miidhagaa agarsiisaa jira.
Tilmaama: 2 - 1
Cheelsiin vs Fulhaam

Fuulhaam bara 1979 irraa eegalee Istaanfoord Biriijitti hin injifanne.
Tapha kanarratti qabxii sadii waan argatu hin fakkaatu.
Cheelsiin dirree isaatti injifachuun, torbee darbe Evartan waliin qixa erga bahee booda gara injifannootti ni deebi'a.
Tilmaama: 2 - 1
Niwukaastil vs Astoon Viilaa
Astoon Viilaan torbee darbe salphaatti Maanchistar Siitii injifate. Niwukaastil ammoo gahumsa gaarittii deebi'aa jira. Jifataan garichaa Isaak goolii adumsuutti cimeera.
Niwukaastil tapha kanas waan injifatu fakkaata.
Tilmaama: 3 - 1
Nootinhaam Forast vs Tootanaam
Tootanaam taphattoota hedduu dhabus tapharratti jijjirama hin qabu.
Nootinhaam Forast garee ittisa dandamachuun taphatu.
Tootanaam Ispaars gahuumsi irraa sababa jijjiramuuf tilmaamuun rakkisaadha.
Tilmaama: 3 - 1
Saawuzhaamptan fi Weestihaam
Leenjisaan haaraan Saawuzhaampitan Ivaan Yuurich tapha kanarratti qabxii tokko argachutti ni gammadu.
Weestihaam taphattoota jajjaboo qabaatus, gareen kun gahuumsa amasiisaa agarsiisu hin dandeenye.
Weestihaam gahuumsa agarsiisu dadhabuu fi Yuurich haaraa ta'uu isaatiin yoo firii tapha kanaa tilmaamuun rakkisaadha.
Tilmaama: 1-1
Woolviis vs Maanchistar Yunaayitid
Maanchistar Yunaayitid tapha kana sababa itti injifachuu danda'u dhiyeessuun rakkisaadha.
Leenjisaan Maanchistar Yunaayitid Ruuben Amorim taphattoota ittifufiinsaan taphachuu danda'an adda baafachuuf yaalaa jira.
Woolviis akkasuma garee tilmaamuuf rakkisaa ta'e.
Taphichirratti morkii walitti dihyaatutu mul'ata jedhamee eegama.
Tilmaama: 1 - 1
Liivarpuul vs Leestar Siitii
Liiverpuul gahuumsa fi saffisa tapharratti qabu Tootanaam waliin wayita taphatan mul'iseera.
Leestar ammoo faallaa kanaa carraa hedduu dhabe.
Ofirraa ittisaa taphachuuf Leestar yaalus, haleellaa Liiverpuulirraa waan hafu hin fakkaatu.
Gaaffiin ka'uu qabu yoo jiraate Liivarpuul goolii meeqa galchuu akka danda'udha.
Tilmaama: 4 - 0
Jimaata
Biraayitan vs Bireenfoordii
Biraayitan taphoota shanan darban injifachuu dadhabus, gahuumsi garichaa laafera jechuu miti.
Tilmaama: 2 – 1
Arsenaal fi Ipsiwich
Torbee darbe sababa adabbiitiin tapha rraa kan hafe Liyam Deelaap tapha kanaaf deebi'uu danda'us, jijjiirama guddaa waan fidu hin fakkaatu.
Gabri'eel Jeesus Arsenaaliif goolii lakkoofsisaa kan jiru yoo ta'u, Bukaayoo Saakaan miidhaan hiriiru dhabus garichi taphattoota sarara fuulduraa hiriirsisu ni qaba.
Ipswich kilaba garee gaditti gaditti bu'uu malu keessa jiraatus, carraa liigicha keessa turuu qaba.
Gareen kun liigicha keessa turuuf dirree isaarratti injifachuu jalqabuu qaba.
Tilmaama: 2 - 0












