Dhimma hojjetaa waajjira Abbaa Alangaa Dambi Doolloo of ajjeesee waan hanga ammaa beeknu

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Magaala Dambidoollootti abbaa alangaa magaalichaa ta'uun hojjechaa kan ture dargaggeessi Gadaa Ambaayee jedhamu fuula miidiyaa hawaasummaa isaa irratti ergaa "My Last Breath" yookan hafuurakoo ishee dhumaa jedhu erga maxxansee booda akka of ajjeese himame.

Itti gaafatamaan Waajjira Abbaa alangaa Magaala Dambi Doolloo Obbo Jabeessaa Dheeressaa BBCtti akka himanitti Gadaan, Wixata Guyyaa guutuu waajjiratti hojii hojjechaa akka oole himan.

"Wixata waajjira hojumarra oole. Guyyaa laaqana waliin nyaanne. Xiqqoo garaacha na dhukkuba naan jechaa ture. Booda hiriyaansaa Heenook jedhamutu 'Gadaan sidhoksateeti malee bar ni dhukkuba. Kalee isaa dhukkuba' jedhee natti hime," jedhu Obbo Jabeessaan.

Erga hiriyaan isaa kuni waa'ee dhukkuba isaa kana itti himees Gadaa Waajjira isaaniitti waamuun waa'ee dhukkuba isaa fi akkaataa itti yaalamuu danda'u waliin dubbachuus himu.

"Waajjirakootti waameen maaliif dhukkubakee na dhoksite? jedheen gaafadhe. Innis dura kalee isaa baayyee akka dhukkubaa turee fi amma fooyyee akka qabu natti hime. Anis boqonnaa akka fudhatuu fi mana yaalaa deemee akka ilaalamu gorse."

"Maallaqa yaalaaf ta'u yoo dhabde ani akkan qindeessu naaf heeyyami. Waajjirarraas sideeggarra, karaa abbootii alangaas deeggarsi akka walitti qabamee yaalamtu haala nan mijeessa jedheen. Innis akka naaf heeyyame natti himee wixata gargar galle," jedhan.

Wixata hiriyaan isaa isa gaafachuuf dhufe kuni isa bira akka bulee fi ganama ciree nyaachuuf akka bahan yeroo gaafatu akka isa dhukkubee fi bahuu hin barbaanne itti himuus dubbatu.

"Inni hin bahu nadhukuba jennaan hiriyaansaa isa bira bule kuni ciree manatti biteefii deeme. Anis Wiixata na dhukkuba waan jedheef tarii boqochuuf hojiirraa hafe jedheen hin bilbiliniif dhiise. Sa'aatii laaqanaatti bilbiluufiin yaadaa ture," jedhu Obbo Jabeessaan.

Fuula miidiyaa hawaasummaa isaa irratti ergaa sana maxxansee yeroo gabaabaa booda ''Gadaan of miidheera poolisii qabii koottu'' ergaan jedhu akka isaan qaqqabes himu.

Qorattoota poolisii waliin yeroo mana jireenyaa dargaggeessa kanaa gahanittis ''mooraa keessatti funyoodhaan of fannisee'' argine jedhan.

Reeffi dargaggoo abbaa alangaa kanaas Hospitaala Dambi Doollootti erga qoratameen booda bakka dhalootasaa Godina Wallagga Lixaa Aanaa Ayiraatti gaggeeffamuus himan.

Abbaa alangaa Gadaa Ambaayee ogeessa seeraa dargaggeessa, quuqama uummataa qabuu fi hojii isaa amanamummaan raawwatu akka turee fi erga gara abbaa alangaa magaala Dambi Doolloo dhufee reefu ji'a sadii akka ta'es himan hogganaa mana hojichaa.

Sana duras ogummaa seeraa barateen aanaalee akka Anfiilloo fi Sayyootti abbaa seerummaan tajaajilaa akka turee fi sababuma rakkoo fayyaa isa mudateen jijjiirraan gara Dambi Doollootti dhufuu himan.

Manni Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaas du'aan boqochuu abbaa alangaa kanaatiin gadda itti dhagahame ibseera.