Seerri Itoophiyaa waayee of ajjeesuuf yaaluu maal jedha?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Namootni akka of ajjeesan sababootni taasisan hedduun haa jiraataniyyuu malee taateen hedduun fayyaa sammuu wajjin walqabatu.

Rakkooleen diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa akkasumas nama jaalatan dhabuun namootni murtee lubbuu ofii baasuutti jajjabeessuu danda'u.

Biyyoota addunyaa hedduu keessatti yaaliin of ajjeesuu akka yakkaatti osoo hin taane akka rakkoo fayyaa sammuutti ilaalama.

Biyyoota kaan keessatti ammoo yaaliin of ajjeesuu yakkaan kan nama gaafachiisuufi adabbii kan qabuudha.

Afrikaa keessaa Gaambiyaa, Malaawii, Naayijeeriyaa, Sudaan, Sudaan Kibbaa, Taanzaaniyaafi Ugaandaan yaalii of ajjeesuu akka yakkaatti lakkaa'uun seera yakkaa keessatti labsaniiru.

Biyyoota kunniin keessatti yaaliin of ajjeesuu hidhaa hanga waggaafi adabbiiwwan salphaa biroon adabsiisa.

Seera yakkaa Itoophiyaa keessatti of ajjeesuuf yaaluun yakka jedhamee ifatti kaahamee hin jiru.

Ammoo gochaan seera yakkaa keessatti ifatti hin labsamne akka yakkaatti lakkaa'amee adabsiisuu akka danda'u seera yakkaa biyyattii keewwata 2 jalatti eeramuu Yunivarsiitii Walaayittaa Sooddootti barsiisaa seeraa kan ta'an Obbo Abebaayyew Geetaa himaniiru.

Seera yakkaa Itoophiyaa keessatti of ajjeesuu wajjin walqabatee wanti yakkaan nama gaafachiisu namni tokko akka of ajjeesu kakaasuu fi deeggarsa gochuu ta'uu keewwata 542 keessatti eeramee jira.

Dabalataanis namni gargaarsa godhee ykn kakaasee adabbii cimaa hanga waggaa 10 gahuun adabamuu kan danda'u namni akka of ajjeesu deeggarsi godhameef nama umrii 18 gadii yoo ta'e ykn rakkoo fayyaa samuu yoo qabaate ykn umriin raaguurraa nama rakkoo qabu yoo ta'edha.

Barteedhaan yaaliin lubbuu ofii baasuu kan adabsiisu akka ta'e ibsamus seera yakkaa Itoophiyaa keessa ifatti wanti lafa taa'e hin jiru.

Ammoo keewwatni yakkootni seera keessatti hin tarreeffamne akka yakkaa ilaalamuu danda'uun isaanii garuu seerawaa ta'u ogeessi kun ibsaniiru.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.