Monoksee jaalalli barnootaa gadaamidhaa baase qorumsa kutaa 12 fudhachaa jiran

Qomoos Taklawaldi Walda Tsaadiq

Madda suuraa, Selale University

Maxxanfame

Qomoos Taklawaldi Walda Tsaadiq abbaa amantaa yoo tahan, dhalatanii kan guddatan Godina Baalee aanaa Gololchaatti.

Bara dargii keessa barnoota jalqabanii kutaa 8ffaatti darbanillee eegasii barnoota itti hin fufne.

“Bara 1982 kutaa 8ffaatti darbeetan barumsa dhaabee qonna mootummaa keessatti hojii argadheen hojjechaa ture. Yeroo sana umuriin kiyya waggaa 16 ture” jedhan abbaan amantaa kun.

Dargiin kufee mootummaa haaraan aangootti dhufuun walqabatee hojiin dhaabbatee jennaan gara maatii isaaniitti deebi’uu himu.

Ergasiis waggoota lamaaf hojii qonnaatiin maatii gargaaraa erga turaniin booda umuriin isaanii waggaa 19 yeroo ta’utti ammoo jireenya biyya lafaa dhiisuun gadaamitti galuus dubbatu.

“Waggaa 19'tti gadaamii galeen barumsa biyya lafaa dhiiseen barnoota amantaa barachuu jalqabe. Yeroo kana guutumatti hojiin kiyyas, barnoonni kiyyas kan amantaa qofa ture” jechuun attamiin barnoota irraa akka itti fagaate himan.

Turtii isaanii kanaanis barnoota amantaatiin gulantaalee amantichaa adda addaarra gahuu fi boodarra hoggaansa mana amantaa ta’uunis tajaajilaa turuu dubbatu.

Barnoota amantaa kanaaf Baalee fi Shawaa Kaabaa keessatti barachaa akka turanii fi yeroo ammaa aanaa Dabra Libaanos keessatti bulchaa gadaamii tokkoo ta’uun tajaajilaa jiru.

Barnoota addunyaa waggoota hedduuf dhiisanii turan deebi’anii barachuuf kan murteessan ammoo hojii bulchiinsaa fi hubannoo addunyaa qabaachuun haalan barbaachisaa ta’uu waan amananiif akka ta’es himu.

“Barnoota bara 1982tti adda kute kana bara 2009tti deebi’ee itti fufuu akkan qabun murteesse. Haala hojii kiyya waliin akka naaf mijatuun aanaa Dabra Libaanosii fi Magaala Fiicheetti kutaa 9-12 baradheen amma qorumsa fudhachaan jira,” jedhu.

Barnoota idilee kana barachuun fedhii barnoota amantaa itti fufanii barachuuf qaban galmaan gahuufis akka isaan fayyadus himu.

“Kutaa 12 xumurtee jennaan barnoota amantaa ‘Sinamalakot’ jedhamu barachuu dandeessa. Isaaf kutaa 12 xumuruun dirqama. Dandeettii afaan Ingilizii gabbifachuus barbaada. Barnoonni amantaatuu amma hanga digirii saddaffaa (PhD)tti kennamaa jira,” jechuun barbaachisummaa barnoota idilee himu.

Qomoos Taklawaldi Walda Tsaadiq

Madda suuraa, Selale University

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Abbaan amantii umuriisaanii ganna 50 ta'e kun, barnoota idilee waggoota 27'f adda kutan itti fufuun kutaa 12 gahan kunoo tibbana qorumsa biyyaalessaa kutaa 12 bara kanaa yunvarsiitii Salaaleetti qoramaa jiru.

Karaa amantiitiin Gulantaa Lubaan olitti jiruu fi ‘Qoomoos’ jedhamurra gahuu fi fuula duratti barnoota idilees ta’e kan amantaa daran cimsanii itti fufuuf mul’ata akka qaban dubbatu.

“Barumsi hin dhumu. Waan barnoota jedhamurraa qalbii kiyya kaasuu hin barbaadu. Nan baradha, nan barsiisa, hojiis nan hojjedha, kaayyoon kiyya kanumadha. Ani Monokseedha. Waan biraa waanin yaadu hin qabu. Amantaa kiyya, uummata kiyya tajaajiluudha” jechuun karoora isaanii gara fuulduraa dubbatan.

Waan kaayyeffatan kana fiixaan baasuuf ammoo fedhii barachuu keessa isaanii jiru kana dheebuu bahuuf akka carraaqan himu.

Yeroo qurumsa kutaa 12 fudhachuuf Yunvarsiitii Salaalee seenanittis namoonni kutannoo isaaniitti akka raajaman dubbatu.

“Namni baayyeen na dinqisiifata. Namni kaan ammoo barsiisaadhamoo, hojjetaadhaamoo jedhanii walgaafatu ture. Kaan anuma na gaafatu. Qorumsa qoramuuf dhufuu yoon itti himu na dinqisiifatanii deemu,” jechuun miira namoota kaan waa'ee isaanii hubatan kaasu.

Namni hin baranne akka nama dukkana keessa jiruuti'' kan jedhan abbaan amantaa kun, namoonni hamilee dhabuu fi umuriidhaan of daangessuun barnootarraa fagaachuu akka hin qabaaneef muxannoo anarraa fudhachuu qabu jechuun dhaamu.