Baarseloonaan mo'icha darbii booda chaampiyoonaa La Liga ta'an

Madda suuraa, Reuters
Baarseloonaa erga bara taphaa 2018-19 as yeroo jalqabaaf taphni afur odoo hafuu chaampiyoonaa La Liga tahuu isaanii mirkaneessan. Kanas morkattoota isaanii magaalaa tokkoo Espanyol erga injifatanii boodadha.
Baarselonaa 3-0n dursaa boqonnaan bahan - Robert Lewandowski galchiisaa 20ffaa bara kanaa lakkoofsise; dargaggeessi ganna 19 Alejandro Balde ammoo itti lammeesse.
Achiis Lewandowski galchiisaa lammeessoo itti daruun, Jules Kounde ammoo goolii afreessoo lakkoofsise.
Espanyol boodarra Javier Puado fi Joselu'n galchiiwwan lama kan lakkoofsise tahus, taphichi 2-4n obba'e.
Kanaanis Espanyol sadarkaa gadaanurra argamuun muddama keessa galeera.
Baarseloonaan qabxii 85 kan qabu ennaa tahu, morkataan isaanii ittaanee jiru Riyaal Maadrid qabxii 14n irraa fagaata. Taphoonni hafan afur garuu, qabxii 12 callaa kan qabanidha.
Baarseloonaan erga urjiin isaanii Liyonel Meesii 2021 keessa kilabicha dhiisuun godaanee duuba, yeroo jalqabaaf Waancaa kana mo'achuu isaanii mirkaneessan.
Kana malees leenjisaan isaanii Xavi 2021 keessa erga hojicha qabatee marroo jalqabaaf mo'atan.
Gama kaaniin, Espanyol waggoota afur keessa yeroo lammaffaaf liigii gadaanutti bu'uuf balaarra jira - sadarkaa 19ffaa irra jiru torban kana.
Taphoota 11 taphatan keessaa, marroo sagal injifatamaniiru.
Liigichatti taphoonni afur kan hafan oggaa tahu, gadi bu'uu fi isaan jidduu garaagarummaa qabxii afurtu jira.

Madda suuraa, Getty Images












