Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Beelaaruus miisaa’eela ittisa haleellaa qilleensarraaYukireen kuffise jette
Beelaarus misaa'ela ittisa haleellaa ittisa qilleensa Yukireen daangaa koo keessatti rukutee kufiseera jechuun ambaasaadara Yukireen Beelaarus keessaa gaaffiidhaaf waamte.
Michuu Raashiyaa cimtuu kan taate Beelaaruus waa’ee miisaa’ela rukkuttee kufsiteerratti Yukireen qorannoo akka gaggeessituuf gaafatte.
Buufanni TV Biyyaaleessaa Beelaaruus caccabaa miisaa’eelii lafa qonnaa bulchiinsa Beelaaruus keessatti argamu keessatti kufee agarsiisera.
Dubbii Himaan Waraanaa Yukireen taatee kana ilaalchisuun yaada kennaniin, ‘‘bu’aa ittisa qilleensaati’’ jedhan.
Erga rookkeettiin S- 300 rukutamee kufee as, Beelaaruusitti Ambaasadarri Yukireen misnitira Dhimma Alaa Miniisikitti argamuutti waamamiiniiru.
‘‘Lammiileen Beelaaruus taatee kun balaafamaa akka ta’etti ilaaluu’’ jedhe dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Beelaaruus madda Oduu Rooyitarisitti wayita himanitti.
Dubbii himaan kunis taatee walfakkaataan lammata akka hin raawwatamneef, haala rookeetichi itti dhukaafame Yukireen qorannoo gadi fageenyaa akka taasiftuu akeekkachiise.
Ministeerri Ittisaa Yukireen gamasaatiin, mirgi naannoo qilleensaa biyyattii eeguunsaa kan eegamee ta’u kaasuun, taatee kana ilaalchisee, qorannoon garee oggeessoota biyyoota “mootummaa shororkeessaa Raashiyaatiif‘‘ deeggarsa hin goonee irra bahan qorachu ni danda’u jedheera.
Misaa'eliin kun daangaa Yukireen irraa fageenya 15km irratti kan argamtu daangaa Beelaaruus bakka Biraast jedhamutti ta'uutu himame.
Michuu Mooskoo kan taate Miiniiskiin, baatiiwwan 10 dura wayita Raashiyaan Yukireen irratti weerara raawwatuutti daangaashee Raashiyaan akka fayyadamtuuf hayyamtee turte.
Guyyoota muraasa dura aanga‘oonni Yukireen Raashiyaan gama Beelaaruusiin haleellaa haaraa raawwachuuf qophaa’aa jirti jechaa turan. Aanga’oonni kana haa jedhan malee, warri lixaa garuu kanaaf ragaa homaatuu hin qabnu jedhaniiru.
Oduun meesaa’eelii ittisa haleellaa qilleensarraa Yukireen kun Beelaaruusiin rukutame kufuunsaa kan dhagahame, tibba haleellaa qilleensaa Raashiyaan Yukireen irratti raawwattu cimsitee itti fufteettidha.
Mooskoon kaleessa Mudde 29, 2022 magaaloota Yukireen kan akka Keyiv, Kaarkiiv, Laaviiv fi Odeessaa irratti miisaa’eeloota hedduu dhukaaftee turte.
Pirezidantiin Yukireen Volodimiir Zeeleenskiin haleellaa miisaa’eelii sana hordofee, waqxii qorraa kanatti eddoowwan biyyattii hedduu keessatti ibsaan adda citeera jedhaniiru.
Itti dabaluunis Zelensiikiin Mooskoon "ofumashee gara dhuma badiitti oofaa jirtii’’ jedhuun akeekkachiisaniiru.