Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Duula Gadaa beeksisuu Ruwaandaa hanga US: Gumaacha Abbaa Gadaa duraanii Aagaa Xeenxanoo
Abbaan Gadaa duraanii dooktarri Kabajaa Aagaa Xeenxanoo dhukkubsachaa erga turanii booda torbee darbe kan boqotan yeroo ta'u, Dilbata darbe Mudde 25 magaalaa Adoolaatti sirni awwaalchaa isaanii kabajaan raawwatameera.
Boqochuu isaanii hordofees namootni hedduun miidiyaa hawaasaa gubbaatti gumaacha Abbaan Gadaa duranii Aagaa yaadachaa turan.
Yuubni Aagaa Xeenxanoo ALI bara 1990'oota keessa gara jalqabaa baallii Gadaa fudhatanii bara 2000 irratti baallii dabarsanii kennan.
Hedduun Yuubni Aagaa Xeenxanoo bara baallii harkaa qaban sirna Gadaa utubaniiru, kabaja maluuf itti horuuf tattaafataniiru, beeksisanii duudhaa isaas deebisaniiru, simboo akka qabaatus godhan jechuun leellisu.
Ogeessi Yuuba kana waliin waggootaaf hojiilee Biiroon Aadaa fi Turizimii Oromiyaa hojjetu hojjechaa turan obbo Olaanaa Tashoome gumaacha isaanii ilaalchisee BBC'f yaada kennaniiru.
Sirna Gadaa jabeessuu, beeksisuu, UNESCO'tti galmeessuu fi sirna barnootaa keessatti galchuu keessatti gumaacha olaanaa abbaan Gadaa fi Yuubni hamma isaanii bahe hin jiruu jedha ogeessi kun.
''Dhugaa dubbachuuf Yuubni Aagaa Xeenxanoo bara baallii harkaa qaban Sirna Gadaa Gujii laafee ture iddootti deebisanii jiru. Gujiin alattis guutuu Oromiyaatti sirna Gadaa dadammaqsaniiru'' jedha qorataan aadaa Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa Obbo Olaanaan.
Yuuba erga ta'anii booda ammoo Sirna Gadaa hambaa addunyaa gochuun muummee Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti (UNESCO) galmeessuuf duula godhamaa ture beekumsaan utubaniiru.
''Gaafa sirni Gadaa Oromoo UNESCO'tti galmeessuuf ciicata galmee qopheessinu, haala dhaabbatichi barbaaduun ibsa gahaa akka dhiyeessinu kan gargaaraan Yuuba Aagaa Xeenxanoodha.''
'Jiruu fi jireenyi kiyya kanuma, waa’ee Gadaati'
Yuubni Aagaa Xeenxanoo sirni Gadaa barnoota idilee ta'ee akka kennamu qophii godhamaa ture keessattis gaheen isaanii olaanaa akka ture ogeessi kun ni dubbata.
''Kutaa tokkoo hanga saddeetiitti kitaaba yeroo qopheessinu qindeessaan ture. Kitaaba barataa kana yeroo qopheessinu duudhaa Gadaa barsiisuuf akka ta'utti yaada fidanii gara qajeelcha barsiisaafi Siilabasiitti jijjiiruuf namni adeemsa kana milkeessuuf gargaare Yuuba Aagaadha.''
''Kitaabni qophaayee erga xumuramees Bishooftuu Hoteela Piraamiditti nu waliin taa'anii kitaabicha gulaalaniiru'' jechuunis yaadata Olaanaan.
Kitaabichi erga bahee boodas hanqinoota jiran irratti yaada dabalataa argachuuf nama jalqabaa itti bilbilan akka turan hima.
Dabalataanis Yuubni kun, Yuuniversitiin Bulee Horaa kan Sirna Gadaa akka gosa barnootaatti barsiisu akka isaan beekumsa duudhaa Sirna Gadaa kana barsiisaniif affeeraa akka ture ji'oota dura BBC waliin gaaffiifi deebii taasisanii turan irratti dubbataniiru.
''Doktaroonnillee nu affeerti. Anaa qofa osoo hin taane, gogeessi kaanillee ni gumaachan. Wayitan dhibamee ture waan tokko gaabbeen ture, Osoon qabiyyee Gadaa sirnaan itti hin himiin dhibamee kan jedhu yaadda’een ture. Amma Waaqnillee na deebiseera. Isaanillee inuma na waamu,'' jedhan.
''Jiruu fi jireenyi kiyya kanuma, waa’ee Gadaati. Hin daldalu, daldalli kiyya kanuma. Hojii biraa hin qabu. Kanaafuu osoo na affeeranii waliin hojjennee fedhiin qaba. Ammallee hawwiin kiyya kana'' jechuun jireenyi isaanii Gadaan kan walqabate akka ture himaniiru.
Obbo Olaanaan gumaachota Yuuba Aagaa yeroo himan inni biraan mana murtee Aadaa kan mootummaan naannoo Oromiyaa beekamtii kenneef hundeessuu keessatti gahee bahan ta'uu eera.
''Mana Murtii Aadaa yeroo hundeessinu seerota sirna Gadaa Oromoo namoota biraa argannu keessaa inni guddaan Yuuba Aagaa Xeenxanoo turan.''
Adeemsa hundeeffama Mana Murtii kanaaf godina Gujii, Shaakkisootti wayita imalanii turan Yuuba kana waliin torbanoota lamaafi sadii turanii barnootaa fi odeeffannoo bal'aa argachuu dubbata.
''Hirmaannaan isaanii guddaa ture'' jedha ogeessi kun.
Yuubni kun haaromsi sirna Gadaa bakka amma dura laafaa turetti akka cimu keessumaa Gadaa Maccaa, Jahan Sayyoo, Iluu, Ituu Humbannaa, Qalloo fi Wallootti akka lafa qabatu abbaa Gadaa Laggasaa Nagawo waliin ta'uun gumaacha olaanaa oolaniiru jechuun yaadata.
Barmaatilee badaa fi ilaalcha sirrii hin taane kan namoota ogummaa adda addaa qaban(shammaanee, tumtuu) irratti calaqqisaa ture irrattis seerri akka tumamu, qoollifannaan dhaabatee, mirga guutuu akka qabaatan gahee bahaniiru jedha Olaanaan.
''Kunis walqixxummaa dhala namaatiif dhaabachuu isaanii agarsiisa. Miidhaan dubartoota irra gahus akka dhaabatu barnoota kennaa turan.''
'Abbaa Gadaa Oromoo isa dhugaa fi qulqulluudha'
Yuubni Aagaa Xeenxanoo beekumsa ganamaa Oromoo Oromoofi kan Oromoo hin taane akka beeku biyya keessaafi alatti hojii hubachiisuu hojjetaniiru.
Obbo Olaanaan Yuubni kun biyyoota Afrikaa akka Ruwaandaa fi Ugaandaatti imalanii beekumsa ganamaa Oromoofi Gadaa hubachiisuuf yaalaniiru jedha.
Ruwaandaatti kora horsiisee bulaa qophaayerratti hirmaatanii, waayee Sirna Gadaa fi beekumsa ganamaa naannoo horsiisee bulaa Kibba Oromiyaa jiraatu qooduu yaadatu.
Yuubni kun Abbaa Gadaa yeroo jalqabaaf gara biyya Amerikaa imaluun warra fagoofi dhiyootti waayee duudhaa Sirna Gadaa Oromoo lallabeedhas.
Yuubi Aagaa bara 2014'tti keessummaa kabajaa Waldaa Qorannoo Oromoo(OSA) irratti dubbii gochuuf garasitti imalan. Waltajjiiwwan adda addaarrattis argamuun Sirna Gadaa beeksisaniiru.
Yuubni kun nama simboo qaban yoo ta'an, fakkii sirna Gadaa Oromoo ta'anii beekamanii, Sirni Oromoo kunis kabaja akka argatu godhaniiru jecha Olanaan.
Finfinnee bakka adda addaatti namni Oromoo hin taanellee uffannaa fi simboo isaniin Abbaa Gadaa Oromoo jedhee halaalaa adda baasa jechuun muudannoo isaa BBC'f qoodeera qorataan aadaa obbo Olaanaan.
''Abbaan Gadaa kun, Gadaan deebi'e Oromoo birattis orma birattis kabaja akka argatu godhan, sirna kabaja qabu taasisan. Nama ta'anii argaman. Nama dhugaatti Abbaa Gadaa turaniidha.''
''Abbootii Gadaa an arge keessaa namni Oromoof dubbatee gaddaafi gammachuu isaa qooddatee waan irraa eegamu bahe kan isaaniin qixxaatu hin argine'' jedha Olaanaan.
''Kanaaf isaan Abbaa Gadaa Oromoo isa dhugaa fi qulqulluudhas' ittiin jedhe.