Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
‘Dhukkubsattoonni sukkaaraa 12 torbaniin nu jalaa du’aa jiru’ – Hospitaala Ayideer
Shamarreen tokko harmeen ishee dhibaman qabattee gara hospitaala Ayideer deemti. Dhibee biraan hubamanii kan jiran harmee ishee, siree hospitaalichaa irratti kunuunsaa guyyootaaf argataa turte.
Guyyaa tokko garuu shamarreen lubbuu harmee ishee olchuuf asiif achi jechaa turte kun of wallaalte yemmuu kuftu, haakimotni lubbuu ishee oolchuuf wal’aansa eegalani.
Sababni isheen itti of wallaalte kuftes, dhibee sukkaaraaf kan ishee barbaachisuu qoricha Insuliinii jedhame waan dhabdeef ture. “Utuu nuti agarruu ture kan kufte,'' jedhan hakiimni.
Sana booda ariitiin gara kutaa wal’aansa cimaa [ICU] geessineeni. Ta’us garuu lubbuu ishee olchuu hin dandeenye. Tasa guyyaa kuftee borumtaa isaa lubbuun ishee darbe,” jechuun magaalaa Maqalee Hospitaala Ayideer Firaansisitti Daariktara Meedikaalaa kan ta’e Dr Kibroom Gabrasillaasee BBC’tti himeera.
Mudannoon walfakkaataa biraa uumames nutti himeera.
“Shamarree ishee lammaffaa maatii isheetu manaa baatee fideeni. Dhibee sukkaaraa akka isheen qabdullee hin beekan turani. Qorannoo erga taasisneefii booda akka isheen dhibee sukkaaraa qabdu barre,” jedha.
Dhibeen ishee maal akka ta’e baranis qoricha argachuufi waan hin dandeenyeef hospitaalicha keessa guyyaa tokko caalaa lubbuun turuu hin dandeenye. Haalootni walfaakkaataa hospitaala Ayideer fi wiirtulee fayyaattii oggeessota fayyaa gaddisiisan uumamuu itti fufaniiru.
“Guyyaa tokko caalaa lubbuun hin turani”
Itoophiyaatti sababa waraana walii waliinii gara wagga lamaaf tureen, dhaabbileen fayyaa Tigraay sadarkaa dhibamtootaaf wal’aansa barbaachisaa kennuu hin dandeenye irra ga’aniiru.
Hospitaalli riferaalaa Ayideer Maqaleetti argamus, sababa hanqina qorichaa, meeshalee wal’aansaa fi tajaajila elektirikaatiin tajaajiloota fayyaa ijoo jedhaman addaan kutuuf dirqameera.
Hospitaalichi dhimma dhibamtoota dhukkuba sukkaaraa irratti dhiyeenya Waldaa Dhibee Sukkaaraa Itoophiyaa, Ministeera Fayyaa Itoophiyaa fi Federeeshinii Dhibee Sukkaaraa Idil-Addunyaaf xalayaa barreessee ture.
Dhibamtonnis balaa cimaaf saaxilamanii akka jiranis beeksiseera.
Dhibeen kun qoricha bayyanachuufis wal’aansaafis fudhatamuu malu lilmoon fudhatamu insuliinii fi qoricha liqimfamu barbaada.
Tigraay keessatti namootni 27,000 ta’an qoricha kunneeniin jireenya isaanii akka itti fuufsisan Dr Kibroom BBC’tti himaniiru.
“Dhibamtoonni kunneen hospitaalota naannoo isaanii deemanii wal’aansa argatu ture. Waraanichi akka haaraatti deebi’ee waan itti fufeef garuu qorichi Tigraay seenuu hin dandeenye. Qoricha kuusaa keessaa qabnu xumurree kan biraan akka nuuf ergamuuf yeroo eegaa jirutti ture waraanni deebi’ee kan ka’e,” jedha daarektarri kun.
Ogeessi fayyaa kun akka jedhutti, keessumaa dhibamtoonni insulinii fayyadaman haalli isaan keessa jiran kan yeroo kennu miti. Insuliinii yeroon hin argatan taanaan du’aa fi dhibee fayyaa hammaataa biroof saaxilamoo ta’uu danda’u jechuunis ibseera.
Dhibamtoota dhibee sukkaaraa kuma 27 ta’an keessaa 8,000 ol kan ta’an ijoollee umuriin isaanii ganna 14 gadi ta’anidha.
Oggeesotii fayyaa qoricha ijoollee kana bayyaanachiisuu danda’u waan hin qabneef, dhibamtoota waliin gadduun ala homaa dandeetti hin qabani.
Kana dura dhibamtootaa dhibee sukkaaraa keessumaa daa’immaniif kan ta’u qorichi insuliinii federeeshinii dhibee sukkaaraa idil addunyaan bilisaan dhiyaataaf ture.
“Amma garuu ijoolleen umurii ganna 14 gadii 8,000 ol ta’an Tigraay keessatti argaman, sababa rakkoo kanaan balaa hamaaf saaxilamanii jiru,” jechuun Dr Kibroom himaniiru.
Dabaluunis “daa’imman walitti fufiinsaan nu jalaa du’aa jiru. Namootni hedduu qoricha ykn insuliinii akka nuti hin qabne waan beekaniif gara keenya dhufuu dhiisaniiru. Kanaaf hedduun gara kana utuu hin dhufiin lubbuun isaanii darbe jechuudha,” jedhu.
Du’a hamaan dabalataa hedduun isaanii dhibee ijaa, kalee cimaa fi biroof saaxilamoo ta’aa jiru.
“Qorichi ykn insuliiniin ariitiin yoo hin argamu ta’e carraan fayyuu namoota hedduu dhiphaadha. Dhibamtoonni mana jiran yoo qoricha hin argatan ta’u jireenya isaanii itti fuufsisuun cimaa itti ta’a,” jechuun haala jiru Dr Kibroom ibseera.
Dhukkubsatoonni maal jedhu?
“Nuti dhibamtoota dhibee sukkaaraa kunneen waliin waggootii dheeraaf turerra. Narsootaa fi oggeessota fayyaa biroo waliin akka maatiitti walitti siqu. Hopitaalota hundatti maqaanillee ni beekamu,” jedhu Dr Kibroom.
Waraanicha dura ji’a ji’aan gara hospitaalaa dhufanii qorichaa fi gorsa ni argatu turani. Haalli amma jiru garuu kanarra addadha.
“Gara keenya dhufanii “qorichi hin jiru” jedhamuun yemmuu gaggeefaman guddaa ni rifatu. Sababiin isaas qoricha yoo hin argatan ta’e balaa isaan mudachuu malu waan isaan barsiisaa turreefidha. Kanaaf har’a ‘qorichi hin jiru’ jennee yeroo itti himu wanti nuti isaan gorsaa turre hundi sammuu isaaniitti dhufa,” jedha ogeessi fayyaa kun.
Tokko tokko ni boo’u, kaan ammo ogeessitta fayyaan ‘nu oolchaa…rakkoo keenya addunyaaf beeksisaa’ jechuun kadhaa isaanii dhiyeessu.
Haala kana keesatti hirriba kana dhaban ogeessotis qaamolee adda addaa quunnamuun haala jiru ibsuuf yaaluu dabalata, viidiyoo gaggabaabaa dhibamtootaa qopheesuufi raabsuun qaama isaan gargaaruu danda’u barbaadaa jiru.
“Guyya guyyaan kilinika dhibee sukkaraa keessa gaddii fi bo’iichi jiru kan onnee nama cabsudha. Hanga dandeenyutti qoricha argachuuf yaalaa jirra. Keessumaa dhimma daa’immanii yoo ilaallee rakkoon isaanii kan maatiis dabalate ta’a,” jedha daarektarri meedikaalaa hospitaalaa Ayidar.
Dhibamtoonni dhibee sukkaaraa 27,000 ta’an, kanneen waraanicha dura dhibee kana qabaachuu isaanii baranidha kan jedhan ogeessi fayyaa kun, yeroo ammaatti garuu tajaajilli fayyaa fi meeshaleen qorannoo ga’aa ta’an waan hin jirreef, dhibee kanaan hubamanis namootni hin bariin jiran hedduu akka ta’an amana.
Xalayichaa fi deebii..?
Hospitaalli Ayidar guyyootaan dura Waldaa Dhibee Sukkaaraa Itoophiyaa, Federeeshinii Dhibee Fayyaa Idil-Adunyaa fi Ministeera Fayyaa Itoophiyaaf xalayaa barreessee ture. Xalayaan kun haala dhibamtoonni dhibee sukkaaraa keessa jiran ibsuun gargaarsa hatattamaa kan gaafatudha.
Akka Dr Kibroom jedhanitti Federeeshiniin Dhibee Sukkaaraa Idil-Addunyaa qoricha gara Itoophiyaatti ergeetu gara Tigraayitti qaqqaba.
“Qorichichi keessumaa insuliiniin dhibamtoota dhibee sukkaraa Itoophiyaa hundaaf bilisaan akka kennamuuf ergama. Kanaaf ga’een keenyas sana keessatti haammatamee dhufa,” jechuun Waldaan Dhibee Sukkaaraa Itoophiyaa qorichi kun gara Tigraay akka ga’uuf hojechaa turuu isaa dr Kibroom ibsaniiru.
Federeeshiniin Dhibee Sukkaaraa Idil Addunyaa ibsa torban darbe baaseen, insuliinii fi qorichi dhibee sukkaaraa biroo hatattamaan naannoo Tigraay geessisuuf mootummaa Itoophiyaaf gaaffii dhiyeessuu isaa beeksiseera.
Federeeshinichi dhibamtoonni yaaddoo guddaa keessa jiraachuu isaanii ibsuun dhiyeessii qorichaa mirkaneessuuf haalootni akka mijeeffamaniif gaafateera.
Xaalayaa hospitaalli Ayidar barreesseef Waldaan Dhibee Sukkaaraa Itoophiyaa deebii keennuu isaa kan ibse Dr Kibroom, “ Federeeshiniin idil addunyaa qorichoota sukkaaraa erge keessaa ga’een naannoo Tigraay Finfinnee akka jiru nutti himameera,” jedheera.
“Yoo karaa arganne isiniif ergina jedhanii deebii nuuf erganiiru. Kana jechuun isaanii gaariidha. Ta’us dhabbati fannoo diimaa aaritiin gara Maqalee akka fiduuf eeyyamni kennamuufii qaba,” jechuun waamicha isaa dhiyeesseera.