Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Baha Chaayiinaatti vaayirasiin haaraa namoota 35 irratti argame
Saayintistoonni vaayirasii haaraa bineensa irraa namatti darbuufi hanga yoonaa Baha Chaayinaatti namoota 30 ol qabate hordofaa jiru.
Vaayirasiin noovel Laangiyaa Heeniipaavaayiras (LayV) jedhamu Chaayinaa bulchiinsa Sahaandong Henaan, keessatti namoota 35 irratti argameera.
Kunneen keessaa baayyeen isaanis mallattoo ho’ii qaamaa dabaluu, dadhabbiifi qufa’uu fa’i agarsiisaniiru.
Namoonni qabamanis vaayirasichi bineensa irraa akka itti darbe amanama.
Vaayirasiin LayV kuni namaa namatti akka daddarbu waan barame hin jiru.
Akka qorattoonni jedhanitti vaayirasichi bineensa hoosiftuu 'Shiriiw' jedhamtu irraa namatti darbe.
Dubbiin kuni xalayaa qorattooti Chaayinaa, Singaapoor fi Awustiraaliyaa barreessan irratti kan eerame yoo tahu, joornaalii fayyaa Inglaand New England Journal of Medicine irrattis maxxanfameera.
Qorattoota kunneen keessaa Waang Linfaa Yunivarsiitii Fayyaa Duke-NUS Singaapoor irraa, miidiyaa Chaayinaa Global Times jedhamutti akka himanitti, namoota vaayirasiin LayV’tiin qabaman keessaa hanga yoonaa kan du’es tahe kan akka malee dhukkubsate hin jiru gatii taheef, ‘’jeeqamuun hin barbaachisu,’’ jedhan.
Tahus, Obbo Waang of eeggannoon barbaachisaadha, sababiinsaas gosti vaayirasii garagaraa uumamaan, qaama namaa yeroo seenan waan fidan hin beekamu jedhu.
Vaayirasiin LayV jedhamu kuni bineentii hoosiiftuu Shiriiw jedhamtu %27 keessatti argameera. Gosti hoosiftuu kana vaayirasichaaf, ‘’bakka jireenyaafi wal-hormaataa uumamaa’’ tahuu dandeessi jedhan saayintistoonni. Saroota %5 fi reettii %2 keessattis vaayirasiin kuni argameera.
Wiirtuun To’annoo Dhukkubaa Taayiwaan jijjirama vaayirasiin LayV fiduu danda’u xiyyeeffannoon hordofaa jirra jedheera.
LayV gosa vaayirasii henipavaayiras jedhamuu yoo tahu gosa vaayirasii bineensarraa namatti darbu dha.
Vaayirasiin bineensarraa namatti darbu(zoonotic) baramaa tahullee kan xiyyeeffannoo argachuu jalqabe garuu erga weerara koronaavaayirasiin asi dha.
Wiirtuun To’annoofi Ittisa Dhukkubaa Ameerikaa dhukkuba daddarbaa haaraa dhalatu afur keessaa sadii bineensota irraa namatti dhufa jedha.
UN kana dura manca’insa qabeenya uumamaafi jijjiirama haala qilleensarraan kan ka’e addunyaan dhukkuba akkasii baayyee arguu malti jechuun akeekkachiiseera.
Vaayirasiin bineensarraa namatti daddaarbu tokko tokkos balaafamaa tahuu mala.