Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Ilmi ilma Nelsan Mandeellaa kubbaa miilaa Afrikaa siyaasa gochaa jira'- CHAN
Jaarmiyaan kubbaa miilaa Afrikaa olaantummaan bulchu, Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF) ergaa qabiyyee siyaasaa qabu kan ilmi ilma Nelsan mandeellaa dabarse qorachuu eegaluu ibse.
Namni qabsaa'aan mirga namaa gameessi Nelsan Mandeellaan akaakayyuutti ooluuf Zwelivelile Mandeellaa sagantaa sirna baniinsaa tapha Chaampiyoonaa Biyyoota Afrikaa (CHAN) isteediyeemii Nelsan Mandeellaatti gaggeeffamerratti affeeramee wayita haasawa bananiinsaa taasisuudha dubbii siyaasaa kan dubbate.
Caf ibsa baase keessatti dubbiin nama kanaa qajeeltoo fi duudhaa Caf yookiin ammoo kan qaama kubbaa miilaa addunyaa bulchuu- Fifa waliin walitti kan bu'u ta'uusaa qorataa jiraachuu eere.
Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Morookoo sirna baniinsaa gaafa Jimaata darbe gaggeeffame irratti komii qabu Caf biratti dhiheeffateera.
Sirna baniinsaa kanarratti Zwelivelile Mandeellaa koree qindeessituu keessatti keessummaa kabajaa ta'ee affeeramee ture.
Tapha jalqabaarratti Aljeeriyaan 1 fi 0 dhaan Liibiyaa injifatte. Sirni baniinsaa fi taphi jalqabaa isteediyeemii Nelsan Mandeellaa haarawa magaalaa Aljeersi keessatti ijaarametti raawwate.
Qondaalli maatii Nelsan Mandeellaa ta'e kun haasaa isaa keessatti, ''Koloneeffatamtuu dhumaa Afrikaa, Lixa Sahaaraa. Koottaa lixa Sahaaraa kolonii jalaa baasnaa,'' jechuun Morookoo mufachiise.
Xalayaa komii Caf biratti galchan keessatti warri Morookoo akkas jedhan: Dubbiin waa'ee lixa Sahaaraa dorgommii tapha kubbaa miilaa kana yookiin akka waliigalaatti waa'eema kubbaa miilaayyuu kan ilaallatu miti. Mootummaa Morookoo tuquuf kan dubbatameedha.
Lixa Sahaaraa kan jedhamu bakka qarqara Kaaba Lixa Afrikaa ta'ee kan uummata muraasa qabateedha. Duraan kolonii Ispeen kan ture yoo ta'u boodarra Morookoon bara 1975 of harka galfatte.
Erga yeroo sanaatii hanga ammaatti dachee kanarratti uummata ganamaa naannawa kanaa fi Morookoo gidduutti walitti bu'iinsi dhaabbatee hin beeku.
Aljeeriyaan uummanni Saharawi jedhamu akka dacheesaarratti walabummaasaa gonfatu degegarti.
Hariiroon Morookoo fi Aljeeriyaa yeroo dhihoo as gaarii hin turre, inumaa bara 2021 irraa kaasanii hariiroo dippiloomaasii isaanii dhaabaniiru.
Hariiroon biyyoota lameen gidduutti laafuun tapha biyyoota Afrikaa walitti fide kanarratti ba'ee mul'ateera.
Zwelivelile Mandeellaa waa'ee Lixa Sahaaraa dubbachuun alatti namoota kuma 40 caalan kanneen qindaa'anii ''free Palestine'' jechaa turanis dursaa ture.