Bineensonni akka walitti qoosan quba qabduu?

    • Barreessaa, Jasmin Fox-Skelly
    • Gahee, BBC Future
  • Maxxanfame

Qoosaa ykn baacoon miira namaa qofaaf kenname nutti fakkaata, garuu bineensonni muraasni hariiroo isaanii cimsuuf itti fayyadamu.

Kolfuu akkaan jaalanna. Nam baacoo nutti himu jajuun uumama keenya keessa waan jiru fakkaata.

Daa'imi reef dhalatte ogguu abbaafi haati isaanii fuulasaanii jajal'isuun taphachiisan kolfitee gammaddi. Ji'a saddeet ennaa guutanitti ammoo isaanumtuu fuula, qaamaa fi sagalee isaanii fayyadamuun maatii kofalchiisuuf yaalu.

Haatahu malee qo'annoon haaraa, dhala namaa qofa miti - bineensonnis akka walirratti baacan ykn walitti qoosan mul'iseera.

Qorattuun Yunivarsiitii of Kaalifoorniyaa Los Anjalas (UCLA) Izaabel Laawumar waahillan ishee wajjin tahuun, viidiyoo sa'aatii 75 gosoota qalamee (qaroo) ilaalan.

Qaroon garee 'Great apes' jalatti ramadaman sanyii dhiyoo dhala namaati. Isaanis oraangutaan, chimpaanzii, bonooboo fi gorillaa of keessatti hammata.

Bineensonni qo'annoo kana keessa seenan hunduu bakka tursiisa bineensotaa keessa kanneen turanidha.

Bineensonni maqaasaanii dhoofne kunniin ennaa walitti baacan ykn taphaan wal qoccolan mul'ateera. Qorattoonni kunniin amaloota adda tahan 18 adda baasaniiru.

Isaan keessaa shanan ijoon: qubaan tuttuquu, rukutuu, sochii qamalee biraa dhorkuu, qaamaan itti bu'uu fi harkisuu fa'i.

Qaroowwan gariin kutaa qaama isaanii ykn meeshaalee wahii qamaloota biroo fuulduratti ennaa sosochoosan mul'ataniiru. Oraangutaanonni rifeensa walii walharkisu turan.

"Jalqabarra wanti argine, inni umriin xiqqaa isa umuriin isaa olii dudduubaan dhokatee deemuun qubaan waraana, ni rukuta. Gaheessonni kunniin rifeensa walii waliisaanii babbareechuun ko'oommatanii turan. Gochaan qamalee xinnaa kun, gaheessota naasisuu danda'a," jette kan qorannoo kana hooggante Laumer.

"Achiis deebii warri gaheessaa deebisan taa'anii ilaalu. Yeroo baay'ee jarri gaheessotaa beekaa jalaa callisu.

Kana keessa isaanis hin dhiisan, ituuma fufu. Inumaa amalasaanii caalaa ifa gochuun, gaheessi qoccolan sun akka jalaa hin callisne taasisu. Yeroo garii, kana milkeessuuf hanga qaamaan itti bu'uttii gahu."

Aakka qo'attoonni kun jedhanitti, amalli taphaan walqoccoluu kun daa'imman dhala namaan walfakkaata. Beekaa kan godhan, deebii kan barbaadan, kan walirraa hincinneefi naasisuu fa'i kan ofkeessatti qabatudha.

Kan dhala namaan ennaa ilaallu taate, arraba namatti baasanii fiiguun deebii namni su laatu ilaaluun walqixxaata.

Nami saree qabu akkuma hubatutti, wayita saroonni taphatanitti, sagalee funyaan keessaa bahu waan akka kolfaa fakkaatu baasu.

Qorannoo 2005tti gaggeeffameen qoratuun amala bineensotaa Paatriisiyaa Simonee, sagalee saroonni baasan kana waraabdee saroota bakka dahoo keessa jiraniif dhageessifte.

Saroonni dahoo keessaa "kolfa" saroota kaanii caqasan, dhiphina isaanii hir'iseeraaf jetti.

Hantuuta qirqirsuu? Hantuunni kolfuu akka jaalatan ragaan jira

Gama kaaniin, qorattoonni gosti qurxummii doolfiin ogguu taphaaf jecha walloolan sagalee gammachuu baasu jedhu. Arbis ennaa taphatan sagalee guddaa dhageessisu.

Gosti simphirree 'parrot' jedhaman qoosaaf jecha bineensota biraa qoccoluun ni mul'ata - fakkeenyaaf saree manaatti fooricuun fa'i, bitaa akka itti galu godhu.

Hantuunnillee kolfuu akka jaalatan ragaan agarsiisu jira.

Ameerikaa Yunivarsiitii Northwestern'tti gargaaraa piroofeesaraa kan tahan Jeffrey Burgdorf, waggoota kurnan dabraniif hantuuta qirqirsuun hojiisaanii idilee ture.

Ennaa hantuuta qirqirsan gammachuun sagalee kolfa fakkaatu baasu.

Takkaa kana bara jennaan irra deddeebi'uun 'na qirqirsaa' jechuun dhufu jedha qorannoon biraa Yunivarsiitii Humboldt kan Barliin keessa argamuun midhaaffame.

Gargaaraan piroofeesaraa Burgdorf fi gareen isaanii, argannoo kanatti fayyadamuun yaala dhiphinaa keessatti itti fayyadamaa jiru.

"Waanti baraa jirru, bineensonni kun ennaa sagalee kanniin dhageessisan, xiyyeeffannoon isaanis ni dabala," jedhu Burgdorf.

"Gorsaa koo kan tahan ogeessi xiinsammuu (neuroscientist) Jaak Panksepp yeroo mara, 'taphni sammuuf xaa'oodha' jedhu. Kuni dhuguma.

"Sammuun isaanii wal qunnama. Hariiroo fi niiwuroonota haaraa uumu.

"Kun kan nutti himu, nuti gaafa miira taphaa akkasii keessa jirru, hanga humna keenyaatti gahumsa keenya agarsiifna," jedhu ogeessi kun.

Haa ta'u malee, hantuunni qirqirsaa jaalattullee, sagaleen olka'aa kolfa fakkaatu baastu, dhuguma qoosaa beekti jechuuf ragaadhaa?

Ragaaleen bineeyyiin qosaa ykn baacoo jaalatu jedhu gara caalu akka fakkeenyaati kan fudhatamanidha. Maaliif jennaan, gama kanaan qorannooleen gurguddaan gahaa tahe hin gaggeeffamne.

Kana malees bineeyyiin maaliif amala akka akkaa agarsiisu kan jedhu baruunis salphaa miti.

Qalameen qo'annoo Laumer keessatti argine; dhuguma walirratti baacaa jiruu? Moo waldhabdee jidduusaanii jiru qabbaneessuuf kana godhu? Moo taphaafi yookis xiyyeeffannoo argachuuf?

Qoosaan hiriyaa horatu

"Bineensonni qosaa ykn baacoo beekuu? Akkan yaadutti, eeyyee. Garuu kana mirkaneessuun ni ulfaata," jedhu Yunivarsiitii Koloraadootti pirofeesara emeritas ikooloojii fi baayoloojii tirannaa kan tahan Maark Beekoof.

"Fakkeenyaaf, mana namootaa saroota qabanitti wanni na mudate tokko kana. Yeroo nyaanni kennamufitti, sareen tokko gara balbala fuulduraa deemuun dutti. Isheen biroo ammoo eenyutu dhufee jettee ilaaluuf gara balbalaa ogguu deemtu, isheen duraa kaattee deebi'uun nyaata dhiyaateef nyaatti.

Kanaaf, kuni walirratti baacuu agarsiisa jechuu dandeessa. Garuu tarii sareen isheen duraa, nyaata caalu argachuuf mala malatte tahuus mala," jedhan Beekoof.

Gaaffiin 'bineensota biratti qoosaan kaayyoo tirannaa akkamii qaba?' jedhus asirratti ni ka'a.

Dhala namaa biratti, kolfi adeemsa keessa jijjiiramuun hariiroo namootaa cimsuuf gargaareera jedhamee yaadama. Hiriyyaa horachuuf baacoo wahii walitti himuu caalaa malli filatamaa biraa jiraa?

Akkuma dhala namaa, qoosaan bineeyyii birattis kaayyoo walfakkaatu qabaa?

"Dhala namaa biratti baacoon dubbii eegalchiisuuf qarqaara. Akkasumas daangaawwan hawaasaa darbuu fi hariiroo cimsuuf oola," jechuun Laawumar irratti waliigalu.

"Gosoota qalamee (apes) fi bineensota kaan biratti tokko tahuufi dhiisuusaa hinbeeknu, garuu tahuu ni danda'a. Dhimma kana sirriitti hubachuuf, gareelee qaroo (primates) fi bineensota biroo irratti qorannoo bal'aa gaggeessuun barbaachisaadha," jedhan.