Koloraadootti dubartoota reeffa namaa keessaa qaama guurratanii gurguranitti hidhaan murame

Maxxanfame

US bulchiinsa Koloraadoo keessatti dubartiin mana reeffa awwaalchaaf qopheessu qabdu fi haati ishee reeffa namootaa keessaa qaama(organs) baasanii gurgurachuu isaaniif hidhaan irratti murtaa'e.

Abbootiin Alangaa dubartiin ganna 46 Megaan Hees jedhamtuufi haati ishee Shiirlii Kooch kan ganna 69 bara 2010-2018'tti saanduqa awwaalchaa 560 saaqanii reeffa namoota kanaa keessaa qaama gatii baasu hayyama maatii malee gurgurataniiru jedhan.

Dubartootni lameen yakka waliin dhahuun badiin irratti kan argame jalqaba bara kanaatti.

Manni Murtii bulchiinsa Koloraadoo Hees waggaa 20 haati ishee Kooch ammoo hidhaa waggaa 15'n akka adabaman murteesse.

Akka abbootiin alangaa federaalaa Koloraadoo jedhanitti haatiifi intalli qaama namaa gariiniifi guutuudhaan cicciranii fudhachuun gabaaf dhiyeessaa turan.

Hees mana reeffa qopheessu Sunset Mesa jedhamu kan qabdu yeroo ta'u sirni gaggeessaa erga raawwatee booda reeffa namootaa gubuuf doolaara 1,000 kaffalchiisaa turte. Akka amantaa fi aadaatti reeffa akka gubatu kaffaltiin raawwatame tokkuyyuu hin gubne.

Takka takka ammoo reeffi akka gubatu yeroo dhiyaatu maallaqa kaffalanii yeroo kaan ammoo bilisaan qaama namaa barbaachisu keessaa hataa turanii jedhu abbootiin alangaa.

''Dubartootni lamaan kun miidhamtoota gaddaa fi boohicha keessa gara isaanii dhaqan irratti daba dalagan'' jedhan FBI irraa dhimma kana addatti kan hordofaa turan Li'oonaard Karool ibsa baasaniin.

''Deeggarsa kennuu mannaa, dubartootni of jaalatoon lameen amantaa namoota miidhamoo dhibbaan lakkaawamuu gananii, qaama nama isaan jaalatanis ciraniiru.''

Qorannoo dubartoota kana irratti gaggeefameef sababa kan ta'e gabaasa qoraannoo Rooyitarsi gaggeessedha.

Gabaasa kana hordofee Biiroon Qorannoo Federaalaa US (FBI) bara 2018'tti mana dubartoota kanaa sakatta'eera.

US keessatti qaama namaa gurguruun seeraa ala. Ta'us seera federaalaan to'atamaa hin jiru.

Dhaddacha Kibxataa irratti maatiin miidhaman ibsi dhiyeessan baayyee miira kan jeequ ture.

''Meegaan onnee harmee kootii gaafa hattu, kankoommoo ni cabsite'' jetti Naansii Oveerhoof jechuun barruun Denver Post .

Eriin Ismiiz dhaddachan taa'erratti dhimmi kun isa hedduu mogolee nama buusu jetti.

Abbaan murtee Christine Arguelloo dubartootni lameen atattamaan gara mana hidhaa akka geeffaman ajajan.