Dhimmoota waliigalticha gufachiisuu malan akkamiin hambisuun danda’ama?

Maxxanfame

Waraanni Kaaba Itoophiyaa waggaa lama dura jalqabe waggaa lama guutuudhaaf guyyoonni muraasni yoo hafu humnoonni wal waraanaa jiran waraana dhaabuuf waliigalaniiru.

Waliigaltee kanaan booda sanadiin tokkoo tokkoo dhimmoota irratti waliigalanii ibsu qabate qaamoleen lamaan irratti mallateessan rabsameera.

Sanadiin fuula 10 qabu kun qaamoleen lamaaniin seeraan mallatteeffamee kan bahe ta'uu Isaa Assoosheetid Pirees mirkaneesseera.

Sanadni kun waa'ee waliigaltee dhaabbataan waraana dhaabuu, waa'ee hidhannoo hiikkachuufi dhimmoota biroo kan kaasudha.

Mariin nagaa kun reefu kan jalqabame ta'us yaadawwan baayyee murteessoodha jedhaman hin ibsamne kanneen jedhan dhaga'amuu eegalaniiru.

Dhimma raayyaa Ertiraa akkam ta'a? Hidhannoo hiikkachuun akkamiin ta'a? Falmisiisaa kan ta'e dhimmi Tigraay Lixaa ka'eeraa? Akka haqni jiraatu ammoo akkamiin gochuun danda'ama? gaaffilee jedhan kaaseera.

Ergamaan Addaa Gamtaa Afrikaa Oleseegun Obasaanjoo, 'kun kan jalqabaati malee kan dhumaa miti' jedhaniiru.

Waliigalteen namoonni hedduun eegaa turan hunda caalaa dhukaasa dhaabuurratti waliigalteerra gahamuu milkeesseera, hawaasa gargaarsi barbaachisuufis akka qaqqabu ni taasifama jedhameera.

Waliigaltichi humnoonni TPLF "meeshaa waraanaa salphaa" irraa kaasee guyyoota 30 keessatti hidhannoo Isaanii ni hiikkatu jedha.

Humnoonni nageenyaa federaalaa ammoo "dhaabbileen federaalaa, buufataaleen xiyyaaraafi daandiiwwan gurguddoo dabalatee bu'uuraaleen misoomaa gurguddoo dabalatee kan Tigraay keessatti argamu  hunda" guutummaan guutuutti akka to'atu eera.

“Waraanni Gaannama ykn Si'ooli”

“Hangan eegeen olitti naaf saffise,” jedhu hayyuun seeraa Obbo Baayisaa Waaqawayyaa.

“Namoonni tokko tokko ‘guyyaan isaa dheerateera, fashalaa’aa jira yeroo jedhan ani garuu muuxannoon qaburraa innumaattuu ammayyuu waliin haasa’uurra jiru malee gara sadarkaa mariirra hin geenye jechaan ture.”

Hayyuun seera idil-addunyaa kun Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) keessatti biyyoota addunyaa gara garaa keessatti dhimmoota nageenyaafi walitti bu'insa furuu irratti waggoota 30 ol hojjetaniiru.

Waraana walii waliinii hamaa Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa ture dhaabsisuudhaaf qaamoleen lamaan karaa nagaan hiikkachuuf fala akka barbaaddataniif muuxannoo Isaaniis qoodaa turaniiru.

Neezerlaand kan jiraataniifi dhimma siyaasa Gaanfa Afrikaa irratti xiinxaluun kan beekaman Adam Kaasee (PhD) akkuma kana waliigaltee irra ga'ame ilaalchisuun gammachuu qaban duubatu.

“Saffisa akkasiitiin ni ta’a jedhee amantaa hin qabu ture, baayyiseen gammade.”

 Irra deddeebiin carraawwan baayyeen akka darban yaadachuun, “hawaasa waraanaan miidhameef, keessumaa ummata Tigraayiif haara-galfii guddaadha,” jedhu xiinxalaan kun.

Dr. Adam Kaasee adeemsi nagaa kun akka milkaa'u gochuudhaaf gahee olaanaa TPLFf kennu.

"Akka amantaa kootti hoggatoota TPLFf beekamtiin olaanaan kennamuufiif qaba. Haala amma jirru kana keessatti nagaa filachuuf murannoo isaan fudhatan [concessions] nagana akka bu’uuf gahee guddaa akka qabaatan taasiseera.

Hayyuun seera idil-addunyaa Obbo Baayisaa Waaqwayyaas waliigalteen nagaa buusuu kun jiraattota naannoo Tigraayiif boqonnaa guddaa akka ta’e himu.

“Samii Tigraay jalatti rasaasni osoo hin dhukaafamiin yeroo bulutti, daa’imman, jaarroleefi maanguddoonni, haadhotiifi ijoolleen shamarranii nagana isaaniif bari’ee qilleensa qulqullaa’aa yeroo baafatan dhaga’uun nama gammachiisa.

Waraanni ‘Gaannamadha’ kan jedhan Obbo Baayisaan, hammeenya waraanaa sirriitti hubachuun kan danda’amu fageenya irraa dhaga’uu caalaa qabatamaatti bakka sana yoo jiraatanidha jedhu.  

Gufuuwwan waliigaltichaa

Sanada waliigaltee mallattaa'e kana akka dubbisan BBCtti kan himan hayyuun seera Idil-addunyaa Baayisaa Waaqwayyaa, waliigaltichi kan dinqiisiifamu ta'ee garuu raawwiin isaa ulfaataa ta'uu akk

Hayyuun buleessi muuxannoo walitti bu'insaaf fala barbaaduun muuxannoo biyyoota gara garaa qaban kun rakkoon raawwachuu kan uumamu fedhiifi dhiyeessii loojistikii jiruun walqabatee akka ta'e kaasu.

"Uummatichi xiqqoo dhiiga waldhangalaaseera waan ta'eef waan gaarii argame irratti hojjechuudhaan madaa jiru wallaanaa deemuu feesisa," kan jedhan Obbo Baayisaan dursa ta'uu kan qabu gargaarsi namoomaa akka qaqqabu gochuudha jedhu.

Gargaarsi namoomaa saffisaan akka qaqqabu gochuu keessatti ammoo gaheen hawaasa addunyaa salphaa akka hin taane ibsu.

Xiinxalaan siyaasa Gaanfa Afrikaa Dr. Adam Keesees, akkuma kana waliigalticha hojiirra oolchuun "salphaa akka hin taane nan hubadha," jedhu.

Haata'u malee, TPLF waadaa gale kan kabaju taanaan fudhatama Tigraay keessatti qabuun uummaticha amansiisuudhaaf dandeettii qaba jedhanii akka amanan dubbatu xiinxalaan kun.

"Mootummaan Itoophiyaa Ertiraanota amansiisee gara bakka isaaniitti akka deebiyan, daandii daangaa ce'anii ittiin bahan mijeessuun irraa eegama."

Waliigalticha irratti maqaan Ertiraa eeramuu dhabuun isaa, "waan nama ajaa'ibu miti" kan jedhan Dr. Adam karaa kallattiin hin taaneen garuu dhimmoonni Ertiraa ilaallatan akka jiran eeru.

Wanti biraan dhimma ijoo ta’e humnoonni TPLF hidhannoo hikkachuudha. Akka waliigaltichaatti TPLF hidhannoo hiikkatu jedhamee eegama. Haata’u malee, qaamoleen nagaa eegsisan akkuma hidhatanin akka turan tilmaamama.

Loltoonni Ertiraa osoo Itoophiyaa keessaa hin ba'iin yaadni hidhannoo hiikkachuu hojiirra ooluu akka hin dandeenye dubbatu.

 Humnoonni nageenyaa Federaalaa buufata xiyyaaraafi dhaabbileen federaalaa gurguddoo biroo qofa eegumaa hojii poolisiitti bobba'u kan jedhu kan Ilaalamu ta'a jedhu.

"Waliigaltichi dhimmoota tokko tokkoon ibsame kan qabu ta'us, kanneen hin eeramiinitu baayyatu," amantaa jedhu qabu.

Hayyuun seera idil-addunyaa gama isaaniitiin, waliigalteen kun Itoophiyaanonni dhimmoota irratti waldhaban rasaasaan osoo hin taane karaa nagaatiin muuxannoo ittiin hiikkatan horachuu akka qaban eeruun namoonni/qaamonni waliigalteen kun isaaniif hin liqimsamiin gufuu ta'uu malu yaaddoo jedhu akka qaban dubbatu.

“Jalqabumarraayyu waraana kana keessa seenuun nurra hin turre, erga waraanicha keessa seenameen booda garuu nagaan xumura argachuu isaa yoo beekne gara fuula duraattis dhimmoota irratti waliif hin galle mariidhaan furuu shaakalaa deemuu qabna.”

“Paartileen siyaasaa, aktivistoonni, dhaabbileen miidiyaa, gaazexeessitoota dabalatee maaloo rakkoowwan keenya karaa nagana furuu irratti xiyyeeffadhaa…” jechuun gaafataniiru.

Waliigaltee mallattaa’e irratti Keewwati Nuusaa 10 irratti akka eerametti gara sirna Heera Mootummaatti deebiyuudhaan rakkoowwan keenya waraana caalaa karaa nagaatiin furachuun barbaachisaa akka ta’e jabeessanii himu Obbo Baayisaan.

“Dhugaadha Heerri Mootummaa yeroo qophaa’etti ummattoota akka ta’utti hin hirmaachifne.

Kanaaf, Heerri Mootummaa fedhiiwwan hundaa ni guutaa gaaffiin jedhu akkuma jirutti ta’ee, rakkoowwan keenya amma harkaa qabnuuf garuu Heera Mootummaa qabna, Hanga Heera Mootummaa hundi irratti waliif galu qophaa’utti waldhibdee qabnu Heera Mootummaatiin furachuu qabna,” jedhu Hayyuun seeraa Obbo Baayisaan.

Dr. Adam rakkoowwan garaa garaa jiraatanis gara waraanaatti deebinee galla jedhanii hin yaadan. Bulchiinsicha ilaalchisuun, akkasumas waldhibdee lafa irratti jiruuf haqa barbaaduuf marii siyaasaatiif dhiisuun waan gaarii akka ta’e kaasu xiinxalaan kun.

“Wanti guddaan bakka buutonni waliigaltee kana murteessan deebiyanii uummata isaanii amansiisuufi hubachiisuu, kaayyoo dhimma kanaa beeksisuu, akkasumas wanti ta’e akkamiin kan jedhu irratti hubannoo uumuun dursuu qaba.”

“Haa xiqqaatus, haa baayyatus hundinuu yakka raawwataniiru,” kan jedhu xiinxalaa siyaasa Gaanfa Afrikaa Dr. Adam, waliigalticha keessatti dhimmi haqaa xiyyeeffannoo barbaachisu hin kennamneef jedhu.

Keessumaa naannolee Tigraay keessatti, akkasumas Amhaaraa fi Affaar keessatti hojiin deebisanii ijaaruu akka barbaachisu shakkii hin qabu jedhu Dr. Adam.

Akkuma hayyuu seeraa idil-addunyaa Obbo Baayisaa, xiinxalaa siyaasa Gaanfa Afrikaa Dr. Adam, hawaasni addunyaa deebisanii ijaaruu keessatti hirmaachuu baannaan haalonni jiran rakkisoo ta’uu danda’u jedhanii yaadu.

“Akka ummataatti, Ertitaa, Amaaraafi Tigraay waraanaan kasaarreerra miira jedhu keessaa ba’uun, haasaa jibbinsaa irraa of qusachuun nagana kun akka milkaa’uuf carraa haa kenninuuf.”