Ertiraa fi Tigraay keessatti kirkirri lafaa cimaan galmaa'e

Madda suuraa, VOLCANO DISCOVERY
Magaalota Giddu-galeessa Ertiraa fi kaaba Itoophiyaatti kirkirri lafaa reektar iskeelii 5.4 galmaa’e.
Giddu-galli qorannoo Saayinsii Jarmanii Kibxata, Adooleessa 25, 2015 kirkirri lafaa galgala sa'aatii 2:15 irratti akka mudate ibse.
Roobii ganama kirkirri lafaa xiqqaan reektar iskeelii 4.8 galmaa'era.
Ministirri Odeeffannoo Eertiraa Yemaanee G/Masqal kirkirri lafaa kun mudachuu mirkaneessuun, wiirtuun kirkira lafaa magaalaa guddoo Eertiraa Asmaraa irraa km 65 fagaate bakka argamu Erafaaleetti akka mudate ibsan.
Miidhaa kirkirri lafaa Eertiraa fi Kaaba Itoophiyaatti qaqqabsiise ilaalchisee ammatti waanti himame hin jiru.
Giddu-galli qorannoo Ji'ooloojii Jarman kirkirri lafaa 5.4 'hamaa' jedhamee ibsamus, kirkirri lafaa kun miidhaa hangas mara cimaa jedhamu geessisuu akka hin dandeenye ibse.
Mi’a manaa kuffisuu fi foddaa cabsuurra kan darbe miidhaa guddaa akka hin qaqqabsiifne dhaabbatichi beeksiseera.
Kirkirri lafaa kun lafa keessaa bakka 10km gadi fagaaturraatti mudate.
Taatullee lafa jalatti miidhaa hanga tokko qaqqabsiisuu waan danda'uuf namoonni of eeggachuu qabu jechuun gorsan.
Inistitiyuutiin Jarmanii kun akka beeksisetti, kirkirri lafaa kun magaalota Eertiraa Adi-Qayi, Daqmaahira, Kariin fi Asmaraatti dhaga’ameera.
Magaalota Tigraayitti ammoo Adigraat fi Maqalee dabalatee magaalota biroo keessattis kirkirri lafaa kun dhaga'amuu ibse.
Buufatni Televizhinii Naannoo Tigiraay akka gabaasetti, 'magaalota Tigraay hedduun' kirkira lafaa rektar iskeelii 5.5'n rukutaman.
Kirkirri lafaa Maqalee dabalatee magaalota naannichaa akka Aksum, Adigiraat, Shiree, Aduwaa fi Wuqurootti mudachuu gabaase.
Kaaba Itoophiyaa fi Eertiraa keessatti kirkirri lafaa yeroo jalqabaaf miti kan dhagahame.
ALI walakkeessa ji’a Caamsaa bara 2015'tti kirkirri lafaa xiqqaan naannolee kanneen keessatti mudateera.












