'Gaash Mahaammad' - Tiraafika Itoophiyaa Bahaatti beekamaan dulluma keessa tola hojjetan

Ibsa waa'ee viidiyoo,
'Gaash Mahaammad' - Tiraafika Itoophiyaa Bahaatti beekamaan dulluma keessa tola hojjetan
Maxxanfame

Namoonni hedduu 'Gaash Mahaammad' jedhanii waamu kabajaafi jaalala isaaniif qabanirraa kan ka'e.

Beekamtiin isaanii Baha Itoophiyaarraa hanga giddugala biyyaatti fulla'a. Waggoota 30 ta'aniif hojii tiraafikaa magaalota adda addaatti dalaganiiru.

Daandii cuccufame agarraan obsa hin qaban - bu'anii sochii tiraafikaa si’eessu.

Maqaan isaanii Obbo Mahaammad Abbaayinah jedhama. Erga soorama bahaniis magaalaa daldalaa Awwadaayitti tolaan dalagaa jiru. Maaliif?