Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Chaayinaan hongeen itti hammaannaan rookkeettii samiitti ergitee bokkaa roobsuuf yaalaa jirti
Hongee cimaa fi haala qilleensaa akka malee ho’uu irraa kan ka’e aanga’oonni Chaayinaa gidduu galeessaa fi kibba dhihaa biyyattitti bokkaa roobsisuu yaalaa jirti.
Lagni ‘Yangtze’ kan Eeshiyaa keessa hunda caalaa guddaa ta’e akka malee gad bu’eera. Bakka gariitti roobni kan duraatiin walakkaa irraa gadi bu’aadha.
Akkasumas kuufamni bishaani walakkaan gad bu’uu aanga’oonni himu.
Dabalataan, haala qilleensaa akka malee ho’uu irraa kan ka’e meeshaa ittiin haala qilleensaa mana ofiitti qabbaneessan barbaadamaa waan jiruuf, dhaabbileen elektirikii gaaffiin itti baaya'teera.
Ho’i qilleensaa cimaan ji’a lamaaf ture biyyattiitti kan duraan hin beekamne ta’u dhaabbati qilleensaa biyyattii too’atu beeksiseera.
Naannoleen lagichaatti dhihaatan rooba roobsudhaaf adeemsi duumessa dorrobsuu (cloud seeding) eegalaniiru.
Naannoo Huubeyi jedhamtu dabalatee naannoleen biroos, rokkeettii kemikaala qabu samiitti dhukaasuu eegalaniiru.
Garuu naannolee birootti duumessi dhabamuun yaalii kana duubatti akka harkisu godheera.
Yeroo kanatti, naannoo ‘Sichuan’ dabalate bakkeeewwan biroos hoʼi seenti gireedii 40 caaleera.
Kana hordofee, waajjiraalen mootummaa meeshaa ittiin haala qilleensaa to’atan seenti gireedii 26 caala akka gad hin buufne gaafatamuu Rooyitars gabaaseera.
Naannicha keessatti jiraattotni miliyoonan lakkaa’aman ifa dhabuun dukkana keessa jiraachuu himan.
Magaalaa ‘Dazhou’ keessatti elektiriikiin dhabamuun manneen miliyoona 5.4 hamma sa’aatii sadii dukkana keessa jiraachuu miidiyaan biyyattii ibseera.
Sababa kanaaf warshaaleen naannichaa elektirikii gara manneen ummataa dabarsuuf oomishasaani xinneessu fi dhaabuf dirqaman.
Hongeen akkuma kana biyyoota hedduu addunyaa keessa waliingahaa jira.