Obbo Geetaachoon naannichatti beekamtii waajjirasaaniin ala walgahiin akka hin gaggeeffamne akeekkachisan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Pirezidantiin bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa, caasaaleen mootummaa naannichaa beekamtii waajjira pirezidantiin ala walga'ii akka hin gaggeessine ajajan.

Caasaaleen mootummaa naannochaa yoo walga'ii gaggeessuu barbaadan dursanii waajjira pirezidantii waliin dubbachuun ''waliigalteerra ga'uu''akka qaban hubachiisan.

Obbo Geetaachoon hubachiisa kana kan kennan Kibxata kaleessaa, Hagayya 20, 2024. Hubachiisa kanas godinaalee, aanaalee, magaalota, kutaalee magaalaa fi manneen maree aanaaleef xalayaan erguun beeksisan.

Korri TPLF kan hooggantoota gidduutti qoqqoodinsa uume fi Obbo Geetaachoo dabalatee miseensota koree giddugaleessaa kaan aangoorraa gaggeesse erga xumuramee boodadha xalayaan kun kan barreeffame.

Dhimmoonni bulchiinsi yeroo naannochaa dursa kennuun irratti hojjetu akka jiranis eera xalayaan kun.

Waliigalteen Piriitooriyaa waraanni kaaba Itoophiyaa akka goolabamu taasise erga mallatteeffamee booda kan hundaa'e bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay ''hojiiwwan hedduu hojjechaa akka jiru'' Obbo Geetaachoon xalayaa barreessan keessatti eeraniiru.

''Hojiiwwan hafan raawwachuufis'' qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsan.

Obbo Geetaachoo hojiiwwan tibba gannaa raawwachuuf karoorfaman ''kanneen akka ittisaa fi wal'aansa dhibee koleeraa, dhimma namoota qe'eerraa buqqa'anii fi bulchiinsa waloo deebisuu, baajata cufuu fi raggaasisuu , karoora 2017 qopheessuu fi hojiiwwan biroo,'' eeran.

''Karoora kunneen cinaatti dhiisuun walga'iin gaggeeffamu kamiyyuu karoora bulchiinsa yeroo kan gufachiisu ta'uu,'' kan ibsan Obbo Geetaachoon, waan kana ta'eef walga'iin kamiyyuu beekamtiisaanii malee akka hin gaggeeffamne akeekkachiisaniiru.

Caasaaleen bulchiinsa yeroo naannochaa walga'ii gaggeessuu yoo barbaadan, waajjira pirezidantii bulchiinsa yeroo waliin waliigalanii gaggeessuu danda'u jedhan.

''Kanaan ala walga'iin waamamu kamiyyuu fudhatama hin qabu,'' jedhan.

Qindeessitoonni kilaastaraa fi biirooleen naannochaa hordoffii akka taasisan hubachiisaniiru.

Pirezidantiin bulchiinsa yeroo Obbo Geetaachoo Raddaa hubachiisa kana labsuu guyyoota muraasa dura gareen dura taa'aa TPLF Dabratsiyooniin durfamu bulchiinsa yeroo harkaa aangoo butuuf yaalii taasisuu akka danda'u ibsanii turan.

Obbo Geetaachoon kana kan jedhan wayita korri Dr Dabratsiyooniin durfamu, kan miseensonni koree giddugaleessaa TPLF irraa hafaniifi beekamtii boordii filannoo hin qabne, Maqlaee keessatti gaggeeffamaa turetti.

Aanga'oonni paartichaa afur ''qaama alaa duubaan isaan deeggaru, utubaa nuuf ta'a jedhanii abdachuun,'' korri akka gaggeeffamuuf murteessan, ''gara rakkoo hamaatti nu oofa,'' jechuun akeekkachiisan Obbo Geetaachoon.

Korri 14ffaa TPLF xumura irratti bakka Obbo Geetaachoo Raddaa fi miseensota koree giddugaleessaa 17 kora kana irratti hirmaachuu didanii nama biraa muudaniiru.

Obbo Geetaachoo Raddaa dura taa'aa itti aanaa TPLF kan turan yoo ta'u, gareen Dr Dabratsiyoon wayita kora xumuru paartichatti dubbi himaa kan turan Obbo Amaanu'eel Tasfaa itti aanaa dura taa'aa gochuun filateera.

Miseensonni komishinii to'annoo paartichaa kora kanarratti hirmaachuu didanis bakkasaanii namoonni biroon filamaniiru.