UN guyyoota ittaananiitti deeggarsa dabalataaf gara Tigraayitti akka balalii'uu beeksiise

Maxxanfame

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) guyyoota ittaanan keessatti balaliinsawwan deeggarsa namoomaa fa’en hedduu namoota Tigray keessatti waraanaan miidhamiin gahuuf akka jiru beeksiise.

Dubbi Himaan dhaabbatichaa Faarihaan Haaqi Sadaasa 16, 2022 akka jedhaniitti, naannicha deeggarsa atattamaatiin qaqqabsiisuu fi hojjattoota deeggarsa kana namootaan gahuuf barbaachisan bobbaasuuf balaaliiwwan ni taasifamu.

Guyyaa kaleessaattis balaliinsi deeggarsa namoomaa yaalii jalqabaa Dhaabbata Mootummaa Gamtoomaatiin gara magala Shireetti taasisuu ibsuun isaa ni yaadatama.

Balaliinsi Koreen Fannoo Diimaa Idil-addunyaa Shireetti taasisee kunis erga waraanni naannoo Tigraay waggoota lamaan dura eegalee as, kan yeroo jalqabaa saa ta’u waajjiira isaa Itoophiyaa beeksiiseera.

Balaliinsiiwwan gara naannoo Tigraayiitti irra deedeebiin taasifaman kunneenis deeggarsa namoomaa atattamaan gara naannichaa qaqabsiisuufi rakkina namoota kumaatamaan lakkaa’aman kanneen deeggarsi ariifachiisaan barbaachisu qaqqabsiisuuf gargaara jedhameera.

‘‘Hawaasni deeggarsa namoomaa hundi barbaachisuummaa daandiiwwan kanneenii fi balaliinsawwan fe’umsaa kanneen saffiisa danda’ameen gara Maqaleefi Shireetti taasisuu eegalu isaa hubachu qabu’’ jedhe ergaa Sagantaan Nyaata Addunyaa dabarseen.

Balaliinsawwan kanneen hojjattoonni deeggarsaa gara naannichaa akka galaniifi akka bahaniif mijeessuu, akkasumas deeggarsa qoricha lubbuu baraaruu oolanii fi dhiyeessitii nyaataa akka qaqabsiisaniif ni dandeessisa jechuun dubbatan Faarhaan Sagantaa Nyaata Addunyaa irraa.

kana malees, konkolaataawwan Fannoo Diimaa Addunyaa deeggarsa qorichaa fe’an Sadaasa 15, 2022 Maqalee qaqabuu beeksiiseera.

Deeggarsiwwan qorichaa Maqalee qaqabees atattamaan namoota deeggarsi wallaansa fayyaa isaan barbaachisuu yaaluuf kan oolu ta’u waldichi dabaluun ibseera.

Haata’u malee qorichoonni lubbuu baraaruuf naannichatti atattamaan barbaachisan kan akka insuluunii fi dayaaliisisi akka hin hammatamne Daarektarri meedikaala Hospitaala Hayidar, Dr Kibroom Gabrasillaasee turtii BBC Focus on Africa waliin Sadaasa 16, 2022 taasisanii himaniiru.  

Oggeessi fayyaa kun sababii hir’in insuliniitiin Tigraayiitti torbaniin namoonni dhukkuba sukkaaraa dhukkubsatan du’aa akka jiran BBC'tti himunsaanii ni yaadatama.

Qorichoota akka insuliiniifi dayaalisiin alattis wayita ammaa kanatti Hospitaalli Ayidar qoricha wallaansa baqaqsanii yaaluutiif barbaachis kan ittiin dhukkubsataa adoochan, antibaayotiksii fi qorichoonni bu’uuraa gara biraas kan Fannoo Diimaa gara naannichaatti geeffaman keessa hin jiran jedhe.

Kana ilaalchisuunis Fannoo Diimaa Finfinneetti argamu gaafachusaanii kan himan oggeessi kun, qorichoota jedhaman kanneen erguudhaaf mootummaa Itoophiyaa irraa hayyama eeggachaa akka jiran natti himaniiru jechuun BBC Focus on Africa’tti kan himan.

‘‘Haalli jiru kan baayyee nama gaddisiisuufi cimaadhas’’ jedhan.