Dhimma deeggarsa maallaqaarratti mari'achuuf gareen IMF Itoophiyaa akka jiran gabaafame

Maxxanfame

Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa (IMF) deeggarsa Itoophiyaaf kennuu danda’urratti qophii barbaachisu taasisuuf aangawoonni dhaabbatichaa Itoophiyaa jiru.

Ogeeyyiin IMF dhimmoota ''teknikaa barbaachisoo dalaguuf'' gara Finfinnee akka imalan Biluumbarg gabaaseera.

Waraana kaaba Itoophiyaatti adeemaa tureen walqabatee hariiroo Itoophiyaan dhaabbilee maallaqaa garagaraa waliin qabdu laaffateera.

Mariin aangawoonni dhaabbatichaa Itoophiyaatti adeemsisaa turan eega waraanni kaaba Itoophiyaatti dhaabatee waan ta’aa jirudha.

Eega mootummaafi TPLF waliigaltee nagaa mallatteessani as bakkeewwan waraanaan miidhaman deebisanii ijaaruuf maallaqni guddaa barbaachisa.

Mariin kuni yeroo deebisanii ijaaruun xiyyeeffannoo kennamefitti waan ta’edha.

Akka gabaasa Biluumbargitti gareen Dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF) Itoophiyaa keessa guyyoota kudhaniif turu.

Itoophiyaan dinagdee ishee cimsuuf IMF deeggarsa isheef akka taasisftu dhaabbaticha akka gaafatte dubbii himaan dhaabbatichaa Rooyitarsiif himaniiru.

''Deeggarsi taasifamu imaammata dinagdee biyya keessaa fooyyessuufi dinagdee ishee tasgabbeessuuf, deeggarsa namoomaaf, hojii uumuufi hiyyummaa xiqqeessuuf oola,'' jedhan

Dubbi himaan kun akka jedhanitti mariin teeknikaa IMF torbee kana Finfinneetti gaggeessaa jiru, itti fufiinsa marii kanaan dura qondaaltota Itoophiyaa fi dhaabbaticha gidduutti eegalameeti.

Mariin Kanaan dura eegalame rakkoolee namoomaa fi diinagdee hiikuurratti kan xiyyeeffatu ture.

Waraana Tigraayiin walqabatee adeemsi deeggarsa maallaqaa, liqaa haquu fi yeroo liqaan itti deebi’u dheeressuu, Itoophiyaa fi jaarmiyaalee maallaqaa idil-addunyaa gidduutti gufatee ture.

Waraanni lubbuu kuma dhibbaan lakkaa’amu galaafatee fi qabeenya doolaara biiliyoona hedduutti tilmaamamu barbadeesse, deeggarsa maallaqaa Itoophiyaan biyyoota lixaarraa argattu danqeera.

Bloomberg akka gabaasetti Itoophiyaan misooma waraanaan manca’e iddootti deebistee ijaaruufi hanqina sharafa alaa ishee mudate dandamachuuf deeggarsa ishee barbaachisa.

Sababa waraana waliinii biyyattii fi rakkoo addunyaa guutuu mudateen Itoophiyaa hanqinni sharafaa olaanaan mudateera.

Keessattuu waggoota lamaan darban meeshaalee bu’uuraa irratti gatiin akka malee dabaluun alatti, hanqinnis akkaan mudateera.

Waraana kana marii nagana furuuf Sadaasa darbe mootummaa Itoophiyaa fi humnoota Tigraay gidduutti Afrikaa Kibbaa magaalaa Piriitooriyaatti waliigalteen mallattaa’eera.

Kana hordofee jiruu fi jireenya uummata naannochaa gara duraaniitti deebisuuf tattaaffiin godhamaa jira.

Mancaatii sababa waraanaa mudate deebisanii dandamachiisuuf doolaara biiliyoona 20 akka barbaachisu mootummaa Itoophiyaa ibseera.