TikTok filannoo barreeffama qofa maxxansuu dandeessisu dhiyeesse

Madda suuraa, TikTok
Aappiin Chaayinaa viidiyoo maxxansuuf kalaqamee yeroo gabaabaa keessatti maamila hedduu horate, dorgommiin miidiyaalee hawaasaa wayita jabaate kanatti, viidiyoon cinaatti filannoo barreefama qofa maxxansuu dandeessisu dhiyeesse.
Walatajjiin hawaasummaa kun bifiyyeen haaraan kun ''maamiltootni filannoo ittiin of ibsan kan biraa akka qabaatan taasisa'' jedheeera.
Ji'a kana gara jalqabaa Tiktok tajaajila muuziqaa haaraa gadhiisuuf gargaaruufi waltajjiiwwan akka Spotify fi Apple Music waliin dorgomaa isa taasisu gadhiisee ture.
Gama kaaniin Wiixata darbe kana ammoo abbaan qabeenyaa twitter Eloon Maask loogoon waltajjichaa simbira cuquliisa ture mallattoo qaxxaamuraa(X) halluu gurraachaafi adiin bakka buusuu ibseera.
Fayyadamtootni TikTok amma aappii kanatti fayyadamuun akka fedha isaaniitti viidiyoo, suuraa fi barreefama maxxansuu danda'u.
Maxxansa isaanii sagaleen dabaaluu fi bakka jiran fa'a akka agarsiisu tolchuufis filannoon dhiyaateera.
''Kuniis maxxansi barreefamaa kee akkuma maxxansa viidiyoofi suuraa miidhagaa fi namni kan yaaa itti laatu akka ta'u gargaara'' jedha TikTok.
Abbaa qabeenyummaan isaa kan dhaabbata Chaayinaa ByteDance, ka ta'e TikTok, dhiyeenya Biraaziiliifi Indoneezhiyaa keessatti tajaajila muuziqaa gadi dhiisu jalqabeera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhaabbatichi torban darbe keessas tajaajila walfakkattaa sardarkaa olaanaa Singaapoor, Meeksikoofi Awustiraaliyaa keessatti gadhiiseera.
Dubbii himaan dhaabbatichaa ''tajaajilli haaraan kun ''Muuziqaa TikTok irratti gadhiifamu dhageeffachuu, qooduufi daawunlood gochuuf gargaara, muuziqaa jaalatanis hawaasa TikTok irra jiruuf qooduu danda'uu'' jedhan.
TikTok bara 2021 dhaabbata Ameerikaa odeeffannoo irraa barbaadan Google caala waltajjii hawaasummaa Intarneeta gubbaa filatama ta'e ta'eera.
Baruma sanas aappichi guutuu addunyaati maamiltoota biiliyoona tokko qabaachuu beeksiseera.
Dirree miidiyaa hawaasaa kana gubbaatti Meta fi tiwiitara gidduu tibba kana morkiin jabaateera.
Appiin Meta'n akka tiwiitaraa fakkeessee tolche bilbiloota apple fi andirooyidiif akka ta'utti biyyoota 100 keessatti gadhiifameera.
Abbaan qabeenyaa Meta Maark Zuukerbeerg aappiin isaanii haaraan guyyoota shan keessatti fayyadamtoota miiliyoona 100 argachuu ibseera.












