Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Humnootiin mootummaa ogeessotaa fi buufataalee fayyaa irratti haleellaa raawwatan - HRW
Humnootiin mootummaa Itoophiyaa naannoo Amaaraatti haleellaa cimaa yakka waraanaatiin wal gitu ogeessota, dhukkubsattootaafi dhaabbiilee fayyaa irratti raawwataniiru jechuun himate Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Humaan Raayitis Woochi.
Walitti bu'iinsi humnoota mootummaa federaalaa fi hidhattoota Faannoo naannicha keessa socho'anii erga jalqabee waggaa tokkoo ol lakkoofsiseera.
Dhaabbanni Humaan Raayitis Wooch gabaasa bal’aa har’a baaseen humnootiin motummaa fi milishoonni isaan waliin hiriiran haleellaa dhaabbilee fayyaa naannichaarratti raawwataniiru jedhe.
Walitti bu’insa naannichatti ka’e kanaan wal qabatees humnootiin mootummaa yoo xinnaate magaalota 13 ta’an keessatti dhaabbilee fayyaafi hojjattoota akkasumas tajaajila geejibaarratti haleellaa raawwachuusaanii ragaa agarsiisuu walitti qabachuu ibse.
Dhaabbatichatti Ittaantuun Daarektara Afriikaa, Laatiishaa Baadiir, ‘‘humnootiin mootummaa federaalaa osoo lubbuun namoota nagaa isaan hin dhimmiin dhaabbilee fayyaa tajaajila fayyaa kennan irratti haleellaa raawwataniiru’’ jedhan.
Itti dabaluunis, mootummaan Itoophiyaa qaamolee haleellicha raawwatan gochaa isaanitiin yoo itti gaafatamtoota hin taasifne ta’e, haleellaawwan walfakkaataan haala salphaan itti fufuu mala jechuun yaaddoo qaban ibsan.
Sababii walitti bu’insa naannicha keessa jiruutiin hir’ina galteewwan wallaansaa fi daangaa sochiitiin dhukkubsattoonni wal'aansa barbaachisu akka hin argannee dhorkuu bira taree, ogeessonni fayyaa rakkoolee akka dorsisaa akka irra gahaa jiru kanneen maqaafi bakki hojjatan akka hin himamne gaafatan BBC Amaariffaatti himaniiru.
Humnootiin mootummaa konkolaataa meeshaan waraanaa garee irratti fe’ame qabachuudhaan dallaa dhaabbilee fayyaa keessa akka seenanii fi loltoonnis kutaalee wal'ansaa akka seenan ogeessonni BBC'tti himan.
Dhaabbanni Humaan Raayitis Wooch miidhamtoonni, namoonni ijaan argan, ogeessonni fayyaa fi hojjattoonni deeggarsaa 58 baatii Hagayyaa hanga Caamsaatti fageenyarraa dubbisuun odeeffannoo walitti qabeera.
Akkasumas fakkiiwwan saatalaayitii, suuraaleefi viidiyoowwan mirkaneeffaman gabaasichaaf fayyadamuu ibseera.
Miidhaan humnootiin mootummaa naannicha keessatti raawwatan sochiilee hospitaalotaa ‘‘balaarra buuseera ykn gufuu itti ta’eera’’ kan jedhan dhaabbanni mirgaaf falmu kun, haalli kunis dhaabbileen wal'aansaa fi ogeessonni tajaajila haala irraa eegamuun akka hin kennineef gufuu itti uumeera jedhe.
‘‘Looltonni kanneen miseensota Faannooti jedhaman dabalatee dhaabbilee fayyaafi ogeessota namoota miidhamaniifi dhukkubsataniif tajaajila kennan ni reebu, akka barbaadaniin ni hidhu, ni dorsiisu.
''Kana malees, ambulaansiiwwaniifi konkolaattota wallaansaa irratti haleellaa raawwatu,’’ jedheera.
Ogeessonni fayyaa BBC Amaariffi dubbise, meeshaadhaan dabaalamaa wallaansa kennuuf ‘‘keessoon keenya ni jeeqama’’ kan jedhan yoo ta’u,’’hidhattoota Faannoo wallaantu’’ jedhamuun rakkoon akka irra gahaa jiru himan.
Sababii dhiibbaa irra gahuutiin hojii isaanii irraa of qusachaa hojjachuuf dirqamu ibsan.
Loltoonni wayita ‘‘hojii wallaansaa jidduu gallaan qor-qalbiin ogeessaa ni miidhama.
''Akkasumas yoo mirga dhuunfaa tajaajilamaa miidhamus dhiibbaa baayyee qabaata’’ kan jedhan ogeessi hospitaala mootummaa magaalaa godinaa keessa hojjatan tokko, dhiibbaan jiru olaanaadha jechuun BBCtti himan.
Dhaabbanni Humaan Raayitis Woochi dhiibbaa humnoota mootummaatiin qaqqabaniiru jedhe keessaa akka fakkeenyaatti, Ammajjii darbe keessa humnootiin mootummaa ogeessa fayyaa tokko guyyoota muraasaaf kaampii waraanaa keessa hidhanii tursiisuu eereera.
Jecha ogeessi kun kenneen, ‘‘koloneeliin qorannoo narratti gaggeesse ‘Faannoo’ jechuun na waamaa ture jechuun, maaliif Faannoof wallaansa kennitu jechuun qoratamu’’ dubbatan.
Dhaabbatichi humnootiin mootummaa federaalaa shakkii jiraattonni Faannoo waliin hidhata qabu jedhuun hidhuu dabalatee, tarkaanfiiwwan fidhataniin namoota wallaansa barbaachisurratti yaaddoo waan uumeef akka tajaajila wallaansaa hin argannee gufuu ta’eera jedhan.