Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waaqeffattoonni Baabbileetti hidhaman garri caalu hiikamanis 'galmarraa ittifaman'
Hordoftoonni Amantii Waaqeffannaa Magaalaa Baabbileetti hidhamanii turan harki caalmaan hiikamanis galmarraa ittifamuu himatan.
Torbee tokkoon dura hordoftoonni Amantii Waaqeffannaa 79 fi namoonni biroon gaafiif deeman sadi qaamolee nageenyaa Magaalaa Babbileetiin hidhamunsaanii ni yaadatama.
Kantiibaan Magaalaa Baabbilee Obbo Ahimadnajjaash Abduraahmaanis, “dhimma amantaan walitti qabamanii to’ataman kanjedhu holola” jechuun namoonni kunneen yakkaan shakkamanii to’atamuu BBC’tti himanii ture.
Haa ta’u malee kan hidhaarra turan keessaa harki caalmaan isaanii Jimaata ALI Waxabajjii 21, 2016 hidhaadhaa gadhiifamuu faggeessaan Kutaa Odeeffannoofii Qunnamtii Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa kan ta’an Lammii Bayii Guutamaa BBC’tti himaniiru.
Namoonni shan garuu hanga kaleessa ALI Waxabajjii 24, 2016’tti akka hingadhiifamnes dubbatan.
Namoonni shanan kun miseensota koree galma Baabbilee akka ta’an kan himan dubbi himaan kun, “osoo nutti hin himin sagantaa kana jalqabdan, namni gara biraatii dhufes waan jiruuf nubeeksisuu dhiisuu keessaniif irra deebiin isin qoranna’ jedhanii hambisan” jedhan.
Gama biraatiin hordoftoonni amantichaa to’atamanii kan turan “heeyyama osoo hingaafatinfii osoo hinbeeksisin” walitti qabamuusaaniitiin kan jedhan, Abbaan Adeemsa Qorannaa Yakkaafii Murtii Haqaa Kennisiisuu Poolosii Godina Harargee Bahaa Inispeektarri Olaanaa Obsaa Leellisaa, garee qorannoo Poolisii Godinaa gara Magaalaa Baabbileetti geessuun namoota to’ataman qorachuu himan.
Haaluma kanaanis “namoota rakkoo qabanfii tuttuqqaa qabanfii wantoota shakkinu irratti argine namni afur yaa to’ataman jennee namoonni kaan yaa bahan jennee baane” jedhan.
“Ammas wanti jiru dhiibbaa gama amantaan osoo hintaane dhimma amma kaase qulqulleessuufi” jechuun hordoftoonni amantichaa kan to’ataman shakkii yakkaatiin malee sababa amantaa isaaniin akka hintaane BBC’tti himan.
'Galmarraa ittifamaniiru'
Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaatti Hogganaa Galmoota Giddugala Bahaa akka ta’an BBC’tti kan himan Obbo Shanoo Hawaas, kunneen magaalaa Baabbileetti hidhamanii gadhiifaman keessaa tokko.
Ragaalee barbaachisoo waliin gara Baabbileetti imaluu kan himan Obbo Shanoon, “Caasaan mootummaa sadarkaa gandaa jiru, kan sadarkaa magaalaas hanga kantiibaatti dhufanii nu dubbisaa turan. Ragaa guutuu, qaama amantii qulqulluu ta’uu anas nagaafatanii deebisee garuu ‘dhugaadha’ jedhanii fudhachuuf heeyyamamoo miti” jedhan.
Gama biraatiin hordoftoonni amantichaa Jimaata hidhaadhaa erga gadhiifamanii booda gara galmaatti akka hindeebine dhorkamusaanii kan himan Obbo Lammiin, “Erga gad lakkisanii boodammoo ‘galmichatti akka hindeebine’ jedhaniin. Isaaniis ‘mana amantii keenyaati’ jedhanii itti dacha’an” jedhan.
Hordoftoonni amantichaa hidhaadhaa hiikaman gara galmaa deemuusaanii hordofees qaamoleen nageenyaa magaalichaa isaan bittinsuu himan.
“Namoota warra galma saniifii warra gara biraatii dhaqe bakka lamatti adda baasanii, nama 10 keessaa fuudhanii gara mana hidhaatti geessan, kaan hurufumarratti ‘gara mana keessanii galaa’ jedhanii tumanii bittinneessan” jedhan. Namoonni 10 guyyichatti qabamanis gaafa Sanbata Duraa gadhiifamuu dubbatan.
Guyyichatti reebicha qaamolee nageenyaan irratti raawwatameenis hordoftoonni amanichaa miidhaan qaamaa salphaa irratti qaqqabe akka jiran Obbo Lammiin himaniiru.
Sana boodas miseensota koree iddoowwan biraarraa gara Baabbilee imalan magaalichaa akka bahan taasifamuus himan.
Kunneen halkaniin gara Magaalaa Hararitti imalan keessaa tokko ta’uu kanhiman Obbo Shanoon, “Hanga namoota 18 kantaanu halkanuma sana naannoo sa’aatii 7:00’tti konkolaataan gara magaalaa Hararitti imalle. ‘Magaalaa kana hinbultan, buluu hinqabdan’ nuun jedhan” jedhan.
“Dabalataan “galmillee akkuma (gaafa Jimaataa)halkan sa’aa 4:00 irratti keessaa nu ari’anitti jira. Namoonni achi dhaquu hindanda’an. Ammallee milishaa gandaatu galma san eegaa jira” jedhan.
Gama biraatiin kaleessa Wiixata Waxabajjii 24, 2016 xalayaa naannoorraa ergame bu’uura godhachuun miseensota Poolisii Harargee Bahaa waliin mari’achuu kan himan Obbo Shanoon, Waajjira Kantiibaa Magaalaa Baabbileettis iyyata galfachuusaanii BBC’tti himaniiru.
Hordoftoota Amantichaa waliin mari’achusaanii BBC’f kan mirkaneessan Inispeektarri Olaanaa Obsaa Leellisaa, “har’allee nubira dhufanii ture. Dhimmasaanii ilaallee gara aanaatti deebisne. Waan jiru adda baasaa qulqulleessaa namoonni hidhamanis murtoo seeraa yaa argatan jennee dafamee furmaata akka argatan jennee kallattii keenye” jedhan.
Gama biraatiin dhimma hordoftoonni amantichaa galma akka hinseenne dhorkamaniiru jedhu kan gaafanne I/Olaanaa Obsaa, “Nuti Galma Waaqeffannaa dhorkuus heeyyamuus hin dandeenyu. Nuti caasaa nageenyaadha, nageenyaa kabachiifna. Milishaadhaan dhuguma dhorkamuusaaniis quba hinqabnu” jedhaniiru.
Gama biraatiin yaaliin BBC’n kantiibaa Magaalaa Baabbilee Obbo Ahimadnajjaash Abduraahmaan argachuuf taasise ammaaf kan hin milkoofne ta’us gaafif deebii BBC waliin torbee darbe keessa taasisaniin magaalaa isaanii keessatti dhiibbaan qaama mootummaan hordoftoota amantaa kamirrattuu taasifame akka hinjirre himanii turan.