Abbaan warraa haadha manaasaa waggaa 12'f manatti hidhee kaa'e to'atame

Maxxanfame

Namtichi lammii Jarmanii haadha warraa isaa manasaanii biyya Faransaayii keessaatti waggaa 12'f hidhee ture to'atame.

Haatii warraa namtichaa manatti hidhamaa turuun himame kunis lammii Jarmanii yoo taatu, kutaa mana ciisichaa mana jireenyaa saanii keessaa wayita argamteettis wallakkaan qaamashee qullaafi riifeensi mataashee irraa haadamaa ta'u poolisiin biyya Faransaayi AFP'tti himeera.

Poolisiin akka himeettis, kutaan mana ciisiichaa bakki dubartiin kun keessaa argamte mana jireenyaa saanii kan daangaa Jarmaniitti dhiyaatee argamu Forbaach keessatti sarara sibiilaatiin cufamee ture.

Abbaan warraa dubartii kanaa kan umuriin waggaa 55'nis yakka ukkaamsuufi badii gara biraatiin shakkamun to'atameera.

Haatii warra kan umuriin waggaa 53 ammoo, tarii bilbila argachuun poolisii Jarmanii keessatti bilbilattee, isaan ammoo waahillan isaanii Faransaayi keessatti akka himan amanama, jedhe maddichi.

Qorannoon erga waa'ee fayyaa isheerratti gaggeeffameen booda, ''haala gaarii irratti'' akka hin argamne qondaalli naannichaa Oliivar Gilaadii kaasuun, apaartimantiicha keessa adurreewwan gara sagalii ta'an akka turan hime.

Haata'u malee gabaasaalee miidiyaa Faransaayi dubartittii mana keessatti hidhuudhaaf kan sibiilaan dalleeffameedha jedhan.

Akkasumas Aab Gilaadii poolisoonni dubartiitti wayita arganiitti jeequmsii uumamee ykn dhiigni dhangala'e homtuu hin turree jechuun gabaasaalee duraatiin faallaa dubbatan.

Namtichi duraan kan indastirii Jarmanii keessa hojjachaa tureefi ammatti hojii hin qabneedhas jedhe.

Shakkamaan kunis baha magaala Faransaay- Metzi keessatti to'atamuu maddi oduu BFMTV himeera.

Gaazexaan Jarmanii ollaawwan dhimmicharratti dubbiisees, namtichi haatii warraa isaa kaansariin waan qabamteefu ''dhukkubbii itti dhagahamurraa kan ka'ee iyyitii'' jechuun akka itti hime dubbattu.

Ollaawwan keessaa tokko Aliishiyaan madda oduu AFP'tti dubartiittiin gonkumaa manaa baatee akka hin beekne himte. Iyya kan dhageessuu ta'ulleen, innis kan sababii dhukkubbiitiin umamee akka ta'eetti yaadaa turte.

Namtichas ''nama baayyee damboobaa fi gaarii'' ta'u ibsite.

Dubartiin ollaa sana jiraattu kan biraa, Erikaanis, yeroo dhumaatiif dubartiittii kan ijaan agarte ''tarii waggaa 10 dura'' akka ta'eefi siriiyyuu ''tarii waan duute ykn waan baate'' akka seete himti.

Akkasumas miidiyaaleen Faransaay akka gabaasaniitti, manicha keessaa galmee yaadannoo kan namtichi, yeroo haadha warraa isaatiif nyaata itti kennuuf dabalatee, gochaawwan raawwatu hunda irratti raawwatu ittiin akka galmeessu amaname poolisiin argateera.