Kilabni Ronaaldoo Al-Naasir mo'amuun dorgommii Chaampiyoons Liigii Eshiyaa keessaa bahe

Maxxanfame

Kilabni Kiristiyaanoo Ronaaldoo Al-Naasir, kilaba Al-Ayiniin rukuttaa penaalitiin mo'amuun dorgommii Chaampiyoons Liigii Eeshiyaa keessaa bahe.

Al-Naasir tapha nuusa-xumuraa marroo lammaffaa kana kan jalqabe, marroo jalqabaan 1 fi 0'n dursamuun ture. Tapha Wiixataas gahumsa gaariin kan hin eegalle kilabichi, qabxii waliigalaa marsaa lamaaniin 3fi 0n dursamaa ture.

Haatahu malee cichanii taphachuun sa'aatiin akka dabalamu taasisan.

Sa'aatii idilee taphichaan carraa ajaa'ibaatti kan hin fayyadamne Ronaaldoon, daqiiqaa dabalataa 118'ffaarra penaalitii lakkoofsisuun, qabxiin waliigalaa 4-4 tahe.

Yeroo kanatti kilabni Al-Naasir, taphataan isaanii Ayimaan Yaahiyaa kaardii diimaa argachuun dirreedhaa gugsamuu hordofee, nama 10'n taphachaa turan.

Tapha rukuttaa peenaalitii dabaree dabareen xumurame kanaan, Al-Naasir keessaa Ronaaldoo qofatu penaalitii galchiitti geeddare. Taphattoonni Al-Ayin sadanuu ennaa galchan, kan Al-Naasir Ronaaldoo malee sadan isaanii hin galchiin hafan.

Taphicha jidduu taphataan ganna 39 fi marroo shaniif Baalon dor mo'ate Ronaaldoon, meetira sadii hin taanerraa kubbaa saaphana keessa buusuu dhabuusaa amanuu hin dandeenyeyyu.

Kunis kan mudate erga karra eegaan Al Ayin kubbaa garasaatti rukutame oolchuun miila Ronaaldoo dura mijeessee kaa'e ture.

Taphataan Ronaaldoo wajjin duraan Maanchistar Yunaayitiditti walbeekanii fi ammas kilaba tokko wajjin jiran Aleeks Telees daqiiqaa 72ffaa gubbaa goolii walqixxeessitu Al-Naasiriif galche.

Ergasii ture balleessaa hojjeteen Ayimaan Yaahiyaa kaardii diimaa argachuun daqiiqaa 98 gubbaa dirreedhaa kan gaggeeffame.

Kilaba Yunaayitid Arab Emireetis kan tahe Al-Ayin, sa'aatii dabalame keessa irra deebiin dursa qabatee kan ture tahus, Ronaaldoon rukuttaa penaalitii argate galchiitti geeddaruun rukuttaa penaalitiitti cehan.

Ennaa Ronaaldoon rukuttaa penaalitii rukutuuf deemu Al-Naasir 2 fi 0n dursamaa ture - dabaree isaatiin galchuus kilabasaa oolchuu hindandeenye.

Kiristiyaanoo Ronaaldoo bara 2022tti bilisaan Maanchistar Yunaayitiid irraa Al-Naasiritti makame.