Jaarmiyaaleen gargaarsaa iddoowwan haleellaan jirutti akka hin sochoone mootummaan akeekkachiise

Maxxanfame

Mootummaan Itoophiyaa jaarmiyaaleen gargaarsaa iddoowwan haleellaan humnootii TPLF irratti xiyyeeffatee gaggeeffamu deemuurraa akka of qusatan mootummaan Itoophiyaa akeekkachiise.

Mootummaan yaaddoo kana kan dhiheesse erga Sagantaan Nyaataa Addunyaa UN konkolaattota isaa deeggarsa namoomaa fe'an keessaa tokko haleelamuu ibseeti.

Jaarmiyaan kun konkolaataansaa, haleellaa diroonii magaalaa Maqaleetti raawwatame booda, caccabaa meeshaalee waraanaa samiirraa irratti kukkufeen guddoo miidhamuu ibse.

Haleellaa kanaan hojjetaansaa miidhamuu kan ibse jaarmiyaan gargaarsaa UN kun, qaamoleen walwaraanaa jiran hunduu yeroo gargaarsa namoomaatti seera idil-addunyaa kabajamuu akka qaban gaafateera.

Waraanni kaaba Itoophiyaatti waggoota lamaaf deemaa jiru lammiilee biyyattii naannawa kana jiran rakkoo namoomaa hedduuf saaxileera.

Waraanni kun yeroof tasgabbaa'ee, mariin nageenyaas abdachiisaa ta'ee ture.

Erga bifa haaraan eegalee garuu tattaaffiiwwan marii nageenyaa abdiidhaan eegamaa turan gufataniiru.

Ministeerri Tajaajila Kominikeeshninii Federaalaa dhimma kanarratti ibsa baaseen humnoonni TPLF konkolaattota gargaarsa namoomaa fe'anii gara naannoo Tigraay imalan waraanaaf itti fayyadamaa jira jedhe.

Mootummaan waraana kana dhiibamee itti seenuu hima, waraanicha nagaan xumuruu fi lammiilee miidhamaniif deeggarsi akka qaqqabuufis tattaaffii gochaa turuu himeera.

Haata'u malee humnoonni TPLF- kan mootummaan shororkeessaa jedhuun, konkolaattoota deeggarsa namoomaa fe'anii gara Tigraay imalan waraanaaf itti fayyadamaa turuu eere ibsi Ministeera tajaajila Kominikeeshinii kun.

Inumaa gargaarsa namoomaa jaarmiyaaleen gargaarsaa UN dhiyeessan hidhattoota isaaf dabarsee kennaa ture jechuun TPLF himata mootummaan.

Jaarmiyaaleen idil-addunyaa gareen TPLF seerota idil-addunyaa sarbuurraa akka of qusatu gochuufi gargaarsa seenus dhimma barbaachiseef qofaa akka oolu gochuuf dirqama qabu jedha ibsi kun.

Mootummaan waraana gama TPLF'n lammiileerratti baname jedhu ittisuuf dirqama isaa ba'uuf haleellaa wayita gaggeessutti jaarmiyaaleen gargaarsa namoomaa imaluurraa akka of qusatan mootummaan Itoophiyaa dhaameera.

Dabalees jaarmiyaaleen gargaarsaa UN kunneen konkolaattonni isaanii garee shororkeessaa TPLF'n tajaajiluu dhabuusaa mirkaneessuu qabu jechuun mootummaan akeekkachiiseera.