Ispeen dubartoonni qaama isaaniin qaana’an qarqara galaanaatti akka bashannan jajjabeessuuf duula jalqabe

Maxxanfame

Ministarri wal-qixxummaa Ispeen dubartoota gara qarqara galaanaa deemanii bashannanuuf waa’ee qaama isaanii yaadda’an jajjabeessuuf duula waqtii bonaa jalqabe.

‘’Bonni kuni kan keenyasi,’’ dhaadannoo jedhu kan qabu yoo tahu duullichi, dubartoota ulfaatinaafi bifa garagaraa qabanis suuraa duula kanaaf qophaa’e irraa mul’atu.

 ‘’Qaamni kee kan akkamiiyyuu haa tahu qarqara galaanaa deemtee bashannanuun siif taha,'' jedhan Ministarri Tajaajila Hawaasaa Ispeen.

 Hoggantuun Institiyuutii Dubartootaa, Antooniyaa Moorillaas dubartoonni qaamni isaanii akka namni irraa eeguutti yoo tahuu baate ofitti amanamummaa isaanii miidhuu qofa osoo hin taane, mirga isaanii dhabsiisaa jira jette. 

Suuraa duula kanaaf qophaa’eefi dubartoota qarqara galaanaatti bashannan agarsiisu irratti dubartiin sababa kaansariin harmi tokko irraa murames mul’atti.

 Insititiyuutiin duula kana qopheesse, tattaaffi gosti qaamaa hundaayyuu rakkoo akka hin qabne agarsiisuuf goonu dha jedhe.

Dubartootni bona kanatti basha’uu qabu, ’’har’a bona kana hunda keenyaaf jechuun kabajna,kunis qaama keenya irratti loogii godhamuun tokko malee tahuu qaba,’’ jedhan.

 Haa tahu malee namni hundi duula kanaan gammadaa hin fakkaatu.

Namoonni gariin dhiirota qaama isa ‘barbaadamu’ jedhamuun alatti qaban otoo dabalatee yoo jedhan, namni siyaasaa Kaayoo Laaraa immoo duullii kuni,’’iddoo rakkoon hin jireetti rakkoo uumuu barbaade,’’ jedhan.

Ministirri wal-qixxummaa Angeelaa Roodiraageez Paam, ergaa Tiwiitara irratti barreessiteen, ‘’dhiirota dubartootni gara qarqara galaanaa deemuu barbaadaniif eeyyamni ministiraa hin barbaachisu jettaniif,eeyyee hin barbaannu garuu qaamni keenyi isa barameen ala yoo tahe jibba nutti fida jenneetii,’’ jette.