Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Komishiniin Haaromsa Biyyaalessaa 'Faannoon caasaa qindaa'aa dhabuun mootummaa waliin mariyachuuf danqaa ta'e' oduu jedhu waakkate
Komishinarri Komishinii Haroomsa Biyyaalessaa Ambaasaaddar Tashoomaa Togaa, Itoophiyatti Ambaasaddara US kan ta’an, Arviin Masingaa waliin marii taasisan ilaalchisee, odeeffannoo komiishinichi marsariitii isaa irratti baasee “dogoggora” waan ta’eef fuula miidiyaalee hawaasummaafi marsariitiisaa irraa kaasuu BBC’f ibseera.
Odeeffannoon jalqaba fuula komishinichaa irratti bahe, hidhattoonni Faannoo ajaja tokko jala waan hin jirreef mootummaa waliin marii gaggeessuf mijataa miti jechuun Komishinarri Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa Ambasaaddar Tashoomaa Togaa dubbachuu eera.
Akka gabaasa jalqaba baheetti Ambaasadar Tashoomaan kana kan dubbatan, Jimaata, Mudde 8 bara 2023, Itoophiyaatti ambasaaddara Ameerika kan ta'an Harvin Masiingaa waliin marii yeroo gaggeessanitti jedhe.
Gama biroon ammoo naannoo Amaaraa irraa gaaffin daangaa lafaa naaf malaa dhiyatuufi sochiin waraanni Ertiraa naannoo daangaatti taasisu wal-amantaa naannoo Tigraayiifi mootummaa Federaalaa gidduu jiru danquu akka danda'us Ambasaaddar Tashoomaan himaniiru jedhe.
Haa tahu malee, komishinichi odeeffannoon fuula miidiyaa hawwaasaa isaa irratti bahe ''dogogora jechuun maxxansichas kaaseera.
Komiishinichi fuula miidiyaalee hawaasummaa isaafi marsariitii isaa irratti odeeffannoo maxxanse ilaalchisee “ haala itti gaafatamummaa hin qabneen “ odeeffannoo kana raabsaniiru kan jedheen hooggana Komiishinichaa hojiirra dhorkuun dhimmichaa qorachaa akka jiru beeksiseera.
Odeeffannoon Komishiiniin Haaromsa Biyyaalessaa amma haqe kun kan jalqaba maxxanfame Wiixata A.L.I Muddee 1, 2016 ture.
Odeeffannoon marii dhuma torban darbeetti Komiishinarichi Ambaasaddar Tashoomaa fi Ambaasaddarri Ameerikaa Arvin taasisan ilaale kun, maricha irratti gaaffiiifi deebii “ka’aanii turan” jedhu kan of keessatti qabate ture.
Naannoo Amaaraafi Tigraay daawwatanii kan turan Ambaasaddari Ameerikaa kun, dhimma humna waraanaa Eertiraa nannoo Tigraay keessa jira jedhameefi haala nageenyaa naannoo Amaaraa ilaalchisee yaaddoo qaban ibsuu isaanii odeeffanno komiishinichi maxxanse irratti ibsamee ture.
Gaaffii Ambaasaddara Amerikaan dhiyaateefi deebii Ambaasaddar Tashomaan “kennan” jedhus bal’inaan marsariitii Komishiinichaa irratti ba’ee ture.
BBC’n odeeffannoo marsariitii Komishiniicha irratti ba’e eeruun guyyaama sana gabaasa dhiyeessee ture.
Guyyaa sana gabaasi kun maxxanfamuu dura dhimmicha irratti BBC’n yaada Ambaasaddar Tashoomaa argachuuf yaaliin taasise kan ture ta’us, Komiishanarichi wanta “Tiwiitara” irratti ba’een ala odeeffannoon dabalataa akka hin jirre bilbilaan BBC’tti waan dubbataniif deebiin isaanii kun gabaasa yeroo sana keessatti hin dabalamiin hafeera.
Ta’us Komishiiniin Haroomsa Biyyaalessaa har’a Kamisa A.L.I Mudde 4, 2016 irratti xalayaa BBC’f barreesseen, Ambaasaddar Tashoomaafi Ambaassadar Arviin maarii kan taasisan dhimmaa gargaarsafi tumsa mootummaan Ameerikaa hojii komishinichaaf taasiisu danda’u ilaalchisee ta’uu ibseera.
Kanaaf odeeffannoo kana ilaalchisee guyyootaan dura fuula miidiyaalee hawaasummaa komishinarichaa irratti odeeffannoon bahe sirrii akka hin taaneefi akka kaafamu gochuu isaa ibseera.
Komiishinichi xalayaa kana irratti: “Fuula Feesbuukii, Tiwiitaraafi Marsariitii dhaabbata keenya irratti dame kominikeeshinii keenyaan odeeffannoon raabsame, hojimaata dhaabaticha kan cabse, adeemsa mariicha keessa kan ba’e, ergama dhaabbata keenya waliin kan hin simneefi odeeffannoo maricha irratti hin kaane kan of keessatti kan qabate ture,” jedheera.
Odeeffannoon guyyaa sana maxxanfame kan raabfame “ beekkamtiifi hooggansa dhaabbatichaan alatti” ta’uu kan beeksise komiishinicha, odeeffannoon kun fuula miidiyaalee hawaasummaafi marsiriitii dhaabatichaa irraa akka kaafamu taasisuu isaas ibseera.
BBC’n maricha ilaalchisee Ambaasaddar Tashomaaf yeroo gaaffi dhiyeessetti, odeeffannoo komiishinichi miidiyaalee hawaasummaafi marsariitii dhaabatichaa irratti maxxanseeru akka quba hin qabne hoogganaan kominikeeshinii komiishinichaa Obbo Shaanqoo Dassaalenyi BBC’tti himaniiru.
Odeeffannoon marasiitii isaa irratti ba’eeru “adeemsafi qajeelfama kominikeeshinii” dhaabbatichaa kan cabsu ta’uu xalaayaa ergame irratti beeksiseera.
Komishinichi dabaluun “Hoogganaan hojii odeeffannoo dogoggoraa kana haala itti gaafatamuummaan itti hanqateen kan raabsaniifi odeeffannoo dogoggoraa kanaan maqaa, amantaafi hariiroo egeeree dhaabbatichaa irratti dhibbaa guudda kan uumaman hojii irraa dhorkamanii dhimmichi ilaalama jira,” jechuun tarkanfii fudhate ibseera.
Kanaaf dogoggorri kan uumame gabaasa BBC’n odeeffannoo marsariitii komishinichaa eeruufi odeeffannoo dabalataa argachuuf yaaluun maxxanse biratti akka hin taane hoogganaan kominikeeshini komiishinarichaa ibsaniiru.
Komiishiniin Haaromsa Biyyaalessaa hidhattoota duraanii haroomsaan hundeessuun deebisee nagaafi guddina biyyattii keessatti akka hirmaattota akkasumas fayyadamtoota akka ta’an taasisuuf kaayyoo qabatee bara darbe mana maree ministeerootaan kan hundeeffame ta’uunsaa ni beekama.