Namni reeffa obboleessasaa waggaa 56 dura balaa xiyyaaraan du'e argate maal jedha?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Waggaa 56 fi ji'a saddeet booda bilbilli tokko bilbilame. Bilbilli kun nama reeffa obboleessasaa argee garaa kutachuu dadhabe boqochiise.

Bilbilichi buufata poolisii bulchiinsa Kibba Indiyaa Keralaa jedhumtu keessaa bilbilame. Toomaas bilbila gaafa kaasu reeffii obboleessasaa hangafaa Toomaas Cheeriyaan jedhamuu argamuu dhagahe.

Cheriyaan waggaa 56 dura bara 1968tti namoota biroo 101 ta'an waliin xiyyaara waraanaa Indiyaan osoo balali'aa jiruu gaarreen Himaaliyaas irratti haala qilleensaa badaa mudateen kufuun lubbuun darbe.

Xiyyaarrii waraanaa IAF AN-12 osoo balaliirra jiruu raadaarii keessaa badee waan tureef, barootaaf achi buuteensaa dhabamuun gabaafame.

Bara 2003tti ammoo namootni gaara bahan reeffa nama tokkoo arguu beeksisan. Ergasii waggootaaf waraanni biyyattii barbaacha cimsanii reeffa namoota saddeetii argatan. Bara 2019tti ammoo waggaa 51 booda caccabaan xiyyaarichaa argame.

Guyyoota muraasa durammoo dhimmi xiyyaara bara 1968 kufee caccabee ijoo dubbii ta'eera. Sababni ammoo waraanni biyyattii reeffa Cheriyaa dabalatee kan namoota afurii argachuudha.

Oduun kun maatii bira gahuun aara galfii ta'e.

Obboleessi Cheriyaa Toomaas, ''dhumaratti afuura baafachuun danda'e'' jedheera.

Cheriyaan maatiisaa ijoollee shan qabaniif mucaa lamaffaa ture. Yeroo xiyyaara waraanaan achi buuteensaa badu nama ganna 22 ture. Xiyyaaricha kan kore hojii dirree kan jalqabaaf naannoo Himaaliyaatti bobba'uuf ture.

''Abbaan keenya bara 1990, haati keenya ammoo bara 1998 osoo oduu mucaasaanii achi buuteen dhabamee osoo eeganii lubbuun darban'' jedha Toomaas.

Bara 2003 reeffi jalqabaa hanga argamutti baroota hedduuf namootni xiyyaaricha keessa turan achi buuteen dhabame jedhamuun malee du'an jedhamee hin labsamne ture.

Hanga ammaa reeffa namoota 13 qofaatu argamuu danda'e. haalli qilleensaa hamaan naannichaa fi teessumni lafaa rakkisaan hojii reeffa barbaaduu rakkisaa taasiseera.

Cheriyaa waggoota hanga kanaa booda adda baasuun kan danda'ame maqaa yunifoormiisaa gubbaatti barreefamee jiruudha. Barreeffama maqaasaa bakka bu'u keessaa qubeen 'C' qofti kan hafte yoo ta'u, ragaan dabalataa giphii isaa keessaa argamuun isa ta'uun akka adda bahu gargaareera.

Maatiin Cheriyaa isa dhabuusaaniitti gaddi itti dhagaahamu kan hin banne ta'us reeffisaa argamuutti boqonnaan itti dhagaahamuu himaniiru.

Qondaalotni waan irra gahan yeroo yerootti isaan beeksisuu isaaniifis galateeffataniiru.