Kilinikooti ogeessonni fayyaa itti yalamaniifi dhaaboti fayyaa geejiba akka dhiyeessan murtaa'e

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Ministeerri Fayyaa naannolee fi bulchiinsoti magaalaa ogeessota fayyaa dhaabota fayyaa isaanii keessatti hojjetaniifi maatiin isaanii ''kilinika hojjettootaa' wal'aansa fayyaa bilisaa itti argatan akka hundeessan qajeelfama dabarseera.

Minsiteerichi dhaabonni fayyaa ''konkolaataa qaban fayyadamuun'' sa'atii hojjettoonni fayyaa bahaniifi galanitti tajaajila kennuu akka jalqabanis beeksiseera.

''Sosochiin ogeeyyii fayyaa'' murtoo darbe ''jalqabbii gaarii'' jedhee fudhatus hojiirra oolmaa fooyya'insa dhiyaate irratti garuu gaaffii dhiyeesseera.

Minsitarri Fayyaa Itoophiyaa Dr Maqdas Dhaabaa xalayaa naannoleefi bulchiinsota magaalaatti erganiin ''faayidaalee'' akka kennaman murtaa'an beeksisaniiru.

Minsitir Deetaan ministeerichaa Dr Darajjee Dhugumaa waraqaan fooyya'insa ''faayidaalee'' qabate bulchiinsota magaalaafi naannoleef raabsamu BBCtti himaniiru.

Mootummaan federaalaa fooyya'insa kana kan baase, ogeeyyiin fayyaa fooyya'insi miindaafi jijjiiramni hojimaataa akka taasifamu qabxii 12'n gaaffii dhiyeessuun booda deebii waan dhabaniif Caamsaa keessa laganna hojii taasisuun baatii sadii booda dha.

Ogeeyyiin fayyaa yeroos Ministara Mummee Abiy fi qondaalota mootummaa olaanoo waliin marii taasisanii ture.

Kana boodallee ogeeyyiin fayyaa gaaffiin isaanii haala gahaa taheen hin deebine jedhan Fulbaana dhuftu lagannaa hojii taasisuuf qophiirra tahuu himaniiru.

Dr Maqdas xalayaa barreessaniin faayidaan ogeeyyii fayyaa hojiirra oolu ''naannoo tokkoo isa biraatti akkasumas dhaabota fayyaa gidduutti hojimaata wal-fakkaataa hin qabu ture,'' jedhan.

Kunis ogeeyyii fayyaa irratti ''komii kaasuun gaaffii akka dhiyeessan'' gochuu himaniiru.

Dr Maqdas MM Abiy waliin marii taasifameen dhimmooti ''yeroo gabaabaa hanga dheeraatti raawwatamuu qaban,'' adda baafamanii akka hojiirra oolaniif murtaa'us yaadachiisaniiru.

Xalayaan kuni Fulbaana A.L.I 2018 irraa qabee qajeelfama ''hojjettoota damee fayyaaf'' hojiirra akka ooluuf dhimmoota torba tarreesseera.

Foyya'insa kanarratti sadarkaa duraan kan eerame gaaffii ogeeyyiin fayyaa dhiyeessaa turan keessaa tajaajila fayyaa bilisaati.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee Adoolessa darbe gaafa ogeeyyii kanaaf addatti deebii kennee ture.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee ogeeyyii fayyaafi maatiin isaanii hospitaalota bulchiinsa magaalichaa jala jiranitti bilisaaan akka yaalamaniif murteessee ture.

Fooyya'inisi amma naannoleefi bulchiinsota magaalaa hundattii hojiirra ooluuf jedhu furmaata addaa dhiyeesseera.

Faayidaan kuni ''ogeeyyiin damee fayyaa irratti hojjetan haadha warraa ykn abbaa warraa isaaniifi ijoollee isaanii waggaa 18 gad tahan wabii yaalii fayyaa akka argatan,'' gochuu dha.

Kanas saffisaan hojiirra oolchuuf ''waajiraalee damee tajaajila wabii fayyaa hundatti lakkoofsi adda baasaa akka kennamu,'' ajaji darbeera.

Hamma kuni tahutti hojimaatni dhiyaate ammoo dhaabota fayyaa keessatti ''kilinikni hojjettootaa,'' akka dhaabbatu kan jedhu dha.

''Kilinikni hojjettootaa'' kuni ogeeyyii fayyaafi maatiin isaanii kan yaala fayyaa itti argatan taha.

Kilinikni gosa kanaa akka qophaa'uufi ogeeyyiin fayyaa tolaan tajaajila akka argatan ministeerichi qajeefama baaseera.

Foyya'insi inni biraa ogeeyyiin fayyaa tajaajila geejibaa akka argatan kan jedhu dha.

Dhaabonni fayyaa konkolaataawwan qaban fayyadamuun ''sa'atii ogeeyyiin fayyaa bahaniifi galanitti akka isaan tajaajila geejibaa argatan,'' kan jedhus eerameera.

Kanaan alas magaalawwan ''geejibni uummataa'' qaban keessatti ogeeyyiin fayyaa akka amala hojii isaaniin qaama ilaallatu wajjin dubbachuun akka geejibni mijatuufis ibsameera.

Ogeeyyiin kanaan dura sa'atii tajaajilli geejibaa magaalaa Finfinneen ogeeyyiif kennamu murtaa'aa tahuun dhimma gaaffii kaase ture.

Bara 2014tti qajeelfamni kaffaltii hojii yeroo dabalataaf bahes ''sirnaan hojiirra akka oolu,'' jechuun ibsi ministeerri fayyaa faayidaa ogeeyyii irratti baase agarsiisa.

Qajeelfamni ministeera fayyaan bahe kuni dhaabonni fayyaa ogeeyyiin fayyaa kutaa keessatti soorataniifi boqotan akka qophaa'uuf akkasumas hakiimota barumsarra hojiirra jiran( residents) ''manni jireenyaa akka qophaa'uuf'' akka godhamus eeree jira.

''Hojjettoonni damee fayyaaf gamtaa liqaafi qusannaa hundeessuun akkasumas kanneen jiran jabeessuun tajaajila fooyya'aafi kaappitaala ka'umsaaf deeggarsi akka taasifamu,'' kan jedhus hammatamee jira.

Dhimma fooyya'insaa kanarratti ibsa argachuuf BBC'n ministeera fayyaa dubbisuuf yaaliin taasise hin milkoofne.

Gareen ''Sosochii Ogeeyyii Fayyaa Itoophiyaa'' jedhamu tarkaaniif fooyya'insaa adeemsifame ''akka jalqabbii gaariitti ilaallaa'' kan jedhe yoo tahu, BBC'n qindeessitoota keessaa tokko dubbiseera.

''Gaaffilee barootaaf kaasaa turre deebisuuf daandiin irra deeman ni dinqisiifanna,'' kan jedhe qindeessaan kuni, fooyya'inisa taasifame hojii irra oolchuu irratti garuu gaaffii akka qaban hime.

Adeemsi ogeeyyii fayyaafi maatiin isaanii wal'aansa akka argataniif hojimaatni yaadame gaaffii ka'eef deebii kan kenne tahus ''daangeffama'' qaba jechuun himeera.

Xalayaan ministeera fayyaa kan hojiirra oolu ''kallattiin'' akka bu'een otoo hin taane qajeefama naannoleefi bulchiinsota magaalaan tahus eeree jira.

Haala kanaan ogeeyyiin fayyaa tajaajila tolaa kan argatan ''naannolee isaanii keessatti qofa tahuu mala,'' jechuun yaaddoosaa ibseera.

Qindeessaan sosochii kanaa fooyya'insa tajaajila geejibaa bahe irrattis tahe hojii irra oolmaasaarratti gaaffii kaasa.

Dhaaboti fayyaa ''konkolaataa qaban fayyadamuun'' tajaajila akka kennan isa jedhames ''dhaaboliin kunneen konkolaataama faayidaa kanaaf oola jedhamu hin qaban,'' jedhe.

''Fakkeenyaaf dhaabbilee fayyaa naannoo yoo fudhanne konkolaataa ambulaansiirra darbe hin qaban,'' jechuun hojiirra oolmaasaaaf shakki akka qabu ibseera.

Barattoota fayyaaf(rezidantootaaf) manni akka qopha'uu, ogeeyyiin fayyaa kutaa itti boqotaniifi sooratan inni jedhames ijaarsa waan barbaaduuf ''yeroo dheeraa'' fudhachuu mala jedhe.

Rezidantoonni kunneen manni jireenyaa hamma ijaaramuufiif ''kaffaltiin gahaa kennameefi,'' mana kiraa isaan akka kaffalatan haalli mijaa'uufi qaba jedhe.

Dhimma liqaafi qusannaa irratti ammoo, ''ijoollee keenya fayyada taha malee nuuf faayidaa qaba jedhe hin amanu, sababiinsaa nuti waan qusannu hin qabnu,'' jechuun dubbateera.

Qindeessaan sosochii ogeeyyii fayyaa kuni fooyya'insi taasifame lagannaa hojii Fulbaanaaf karoorfame hambisuu danda'a kan jedhurrati yaada kennuu hin barbaanne.