Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Adeemsa dhiirri dubartii ilaallatu keessatti 'Soddomaa fi Soddooma' beektuu?
Yeroo ijoollummaa keessanii tapha ijoollee, ‘Tokkeen maali? Tokkeen tokkituma, lamaan mucha re’ee, sadan sunsumanii…’ jettanii taphattanii beektuu?
Taphni ijoollee mana barnoota guddaa itti daa’imman maatii, ollaa, naannoo, uumama, hawaas-dinagdeefi aadaa hawaasaa keessatti baratan kalaqa Oromoo isa hangafaati.
Barnoonni kunis haala umurii isaaniitiin walgituun dhangi’amee bifa salphaa ta’een jireenya guyyuu isaanii keessatti raawwata.
Kanaaf, daa’imman beekumsaafi ogummaa kanaan naannoo isaanii waliin walbaru; salphaattis walii galu.
Ijoolleen, ‘Tokkeen maali? Tokkeen tokkituma, lamaan mucha re’ee, sadan sunsumanii,… Soddoma qabdoo soddaa’ jettee lakkaa’aa beekumsa, ilaalchaafi hubannoo hawaasichaa bal’aa wal barsiisu.
Adeemsa umuriin ijoollee dabalaa dhufee umurii dargaggeessi durba ilaallachuurra gahuttis waan umurii sanaa barsiisaa deemu akka Afoola Oromootti.
Isaan keessaa tokko Soddomaafi soddooma.
Dargaggeessiifi dargaggeettiin barnoota karaa afaaloon yeroo ijoollummaa barataa turan amma ammoo gara dhimma 'Soddaa' barachuutti ce'u.
Karaa soddaas hawaasa caalaa bal'aa, itti gaafatamummaa bal'aa, barachaa deemu.
Yunivarsiitii Jimmaatti hayyoonni Saayinsii Hawaasaa akka jedhanitti, Oromoon lakkoofsa yeroo kalaqu waan qabatamaadhaan jiruufi jireenya hawaas-dinagdeefi siyaasa isaa guyyuu keessatti calaqqisutti tolche.
Hayyuun seenaa, Dheeressaa Dheebuu (PhD) BBC’tti akka himanitti, osoo barnoonni ammayyaafi aadaan magaalaa jiraachuu hin dhufiin dura Oromoon siyaas-dinagdeefi hawaasummaa walootiin jiraachaa ture.
Yaaduma Dr. Dheeressaa kan cimsan hayyuun Antirooppolojii Jiraa Mokonnin (PhD), Sirni Gadaa ammoo haala itti namni tokko gulantaa Gadaa Gaammeerraa eegaluun hanga Gadamoojjummaatti itti beekumsaafi ogummaa hunda-galeessa ta’e barachuu danda’utti sadarkaa sadarkaadhaan qoqqoodu jedhu.
Ofii tapha ijoollee keessatti ‘Soddoma qabdoo soddaa’ jechuun maali? Lakkoofsi soddomniifi soddoomni hariiroo maal qabu?
Qabdoo....Soddoma....Soddooma.....jechoota Oromiyaa lixaatti yeroo diira gaheefi dubara geesse ittiin barbaadan fayyadamanidha.
“Soddoma qabdoo soddaa yookaan Soddoma dhaaba soddaa,” jechuun adeemsa ittiin dhiirri gahe tokko dubara geesse waliin mana ijaarratan kan calaqqisiisudha jedhu warraa aadaa kana qoratan.
Adeemsi jalqabaa jaarsoliin milkii ilaallachuudhaan coqorsa qabatanii gara mana warra intalaa deemu. Warri intalaas jaarsolii sanaaf qabdoo qabu.
Qabdoon guyyaa itti aanu gaafa dhimmicha haasa’uudhaaf itti wal beellaman yoo ta’u, qabdoon kunis guyyaa soddomatti beellamama. Kanaaf, ‘soddomman har’aa (ji'a tokkoo booda) deebi’aa’ jechuun beellamu jechuudha.
Guyyoonni soddomman kunis yeroo itti warri intalaa qophaa’an ta’a.
Yeroo itti isaan biqila biqilchatanii milkii ilaallataniifi waan jaarsoliin ittiin keessummeeffaman itti qopheeffatanidha.
Dabalataanis jechamoonni ‘laga sadii cehanii soddoomfatu’, ‘darbannaa eeboo soddomaa fagaatanii soddoomfatu’ jedhanis hariiroo soddomaafi soddoomaa agarsiisu. Kuni ammoo soddaan walirraa fagaatee, walkabajee jiraachuu qaba yaada jedhu ofkeessaa qaba jedhu hayyoonni.
‘Soddomaan soddaa argu’ yaanni jedhus, har’aa borii mana warra soddaatti akka hin deddeebineefi soddaan waliin ji’atti akka wal argan agarsiisa.
Darbannaa eeboo soddomaa fagaachuufi laga sadii cehanii soddoomfachuus kanumaan hidhata qaba.
Hariiroo lakkoosfa soddomaafi yaada soddoomaa qaban
Afoolli Oromoo lakkoofsi soddomniifi yaanni soddoomaa hariiroo jabaa qabachuu agarsiisan biroonis jiru.
Dr. Jiraan akka jedhanitti, afoolli kunneen bifa jechamaafi mammaaksaatiin kan jiran ta’anii yaada lama of keessaa qabu: ‘alagaa’ fi ‘firooma yookaan walooma’ dha.
Gurbaafi intalli osoo mana hin dhaabbatin dura warri isaanii alagaa homaa walirraa hin qabneedha. Kanaaf, yaada alagummaafi sodaa waliin wal qabata.
Gaafa cidhaa isaanii geggeessanillee hamaamonni warra gurba warra intalaatiin yoo arrabsaman, warri intalaammoo warra gurbaatiin arrabsamu.
Kunis, mallattoomaa alagaa ta’uu warra lamaanii yookaan gosa lamaanii agarsiisuu akka ta’e dubbatu hayyoonni kun.
Gurbaafi intalli erga mana dhaabbatanii booda warri isaanii ni firoomu; amma soddooman waan ta’eef walooma mul’isa. Sana booda wal arrabsuu otoo hin taane warra tokko warra walfaarsan ta’u.
Kanaaf fakkaata, “Na mararti manni koo harkakootu muree ijaaree; na mararti niitiinkoo, alagatu fira ta’ee” kan jedhe weellisaan Abbitoo Kabbadaas.
Dr. Dheeressaa Dheebuu akka jedhanitti, jechamni ‘soddaan sodaa’ jedhu soddaan waan sodaatamu, waan safeeffatamu ta’uu agarsiisa jedhu.
Mammaaksi Oromoo, “Soddaafi surree waliin kufu” jedhu ammoo firoomuu, waloomuu, waliin kufuu, waliin dhaabachuu, walkafanuu yaada jedhu agarsiisa jedhu Dr. Dheeressaan.
Soddoomni bu’uura ittiin alagaan firoomu waan ta’eef hariiroon soddummaa wal sodaa fi wal kabajuu irratti bu’uurame.
Haati intalaa yookaan haadha manaa gurbaa yookaan abbaa manaa isheetiif jaartii soddaa yoo taatu, abbaan ishee ammoo jaarsa soddaa ta’aaf.
Gosti bal’aan warra intalaa ammoo warra gurbaa yookaan abbaa manaatiif warra soddaa ta’aaf.
Gosti gara garaa kunneen soddummaadhaan hariiroo firoomaa jabeessu.
Aadaa Oromoo keessatti, keessumaa warri gurbaa warra intalaa ni safeeffatu, ni kabaju.
Yeroo rakkoo, yeroo giitii waliif birmatu; waliif dhimmu; waliin lolu; waliif lolu; waliin dhaabatu; waliif dhaabatu, jedhu Dr. Jiraan.
Gaa’illi adeemsi ittiin namni firooma dhiigaa waliin hin qabne ittiin gosoomuufi firoomudha.
Kanaaf, gaa’illi warreen walitti dhufanii maatii isaanii qofa osoo hin taane, gosa bal’aa isaan lameen keessaa bahanis akka ilaallatu agarsiisa jedhu hayyuun Antirooppolojii kun.
Affoolli akkasii kan bifa taphaatiin ijoollee gara addunyaa kanaatti madaqsuufi jireenya isaanii gara fuulduraatti waan isaan eeggatu salphaatti barsiisuf kan ooludha.