Baqataa Eertiraa godina Gondar keessatti butameef maatiin birrii kuma 800 gaafataman

Maxxanfame

Naannoo Amaaraa Godina Kaaba Gondar aanaa Daabaat keessatti mucaa ganna 12 lammii Eertiraa namoota hin beekamneen butame gadhiisisuuf maatiin birrii kuma 800 gaafatame.

Amaan Mahaammad mucaan jedhamu ALI Ebla 4, 2024 waaree sa'aa 10tti osoo mana barnootaatii deebi'uu butamuu maatiin BBCtti himaniiru.

Amaan daandiitti obboleessasaa ganna 14 waliin walargee battalumatti namooti fuula isaaniirratti haguuggii godhatan fuula Amaan haguuganii bajaajiin fudhatanii sokkuu haatii Amaan Aadde Raahimaa Mahaammad BBCtti himaniiru.

Kaampii baqattootaa Alemawaaci jedhamu kan jiran haati kun hanga waraanni Kaaba Itoophiyaa eegalutti waggoota saddeetiif kaampii baqattootaa Tigraay Addi Haruush jedhamu keessa turan.

Namootni ilmasaanii butan kun ''birrii kuma 800 yoo kafaltan ilma keessan daqiiqota keessatti isinii deebifna.Yoo ta'uu baate doolaaraan isinitti dabalaa deemna'' jedhamuu himan.

Amaan erga achi buuteen isaa dhabamee torban tokkoo ol yoo ta'u, haati maallaqa akka fidan gaafataman argachuuf deeggarsa barbaaduun rakkachaa akka jiran himan.

Gidduutti warreen butan abbaatti bilbilanii ''maallaqa barbaanna. Ilmikee maallaqaan ol yoo siif ta'e maallaqicha fidii mucaakee fudhadhu.Kanaan achi mucaankoo maaliif gurgurame akka hin jenne,'' ittiin jedhaniiru jedhu Aadde Raahimaan.

Haati kun amma duras kaampii itti baqatanii jiran keessatti saamichi irratti raawwatamee yaaddoo keessa akka turan himaniiru.

''Wabii nageenyaa hin qabnu. Ijoolleen keenya wayita nu waliin turanis takkaa nageenyi nutti dhagaahamee hin beeku. Erga mucaan koo dhabamee ammoo hirribni ijakootti dhufee hin beeku.''

Kaampiin baqattootaa Alamawwaac kaampii waggaa lama dura baqattoota Eertiraa kaampiiwwan Tigraay keessaa baqataniif ijaarameedha.

Sababa uummatni hedduun keessa jiruuf wal-dhiphisuu uumame maqsuuf, naannawa magaalaa Daabaat keessa akka jiraatan hayyamni kennamuufi barreessaan kaampichaa Obbo Yooseef Gabranugus himaniiru.

Butamuu barataa Amaan Poolisiin akka quba qabaatu godhamee, qaamoleen nageenyaa barbaachatti akka jiranis himaniiru.

Odeffannoo dabalataa barattootarraa argameen namni baajaajii oofu tokko shakkiin qabamuu himaniiru.

Akka Obbo Yooseef jedhanitti gochaan akka kanaa baratameera. Hanga ammaa ijoolleen hanga shanii ta'an butamanii maatiin maallaqa kaffalee deebifateera.

Walitti bu'iinsa qaamolee nageenyaa mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti kutaalee naannoo Amaaraa adda addaa keessatti adeemaa jirurraa kan ka'e nageenyi uummataa rakkoo keessa galeera.

Dhaabbileen mirga namoomaaf dhaabatanis haleellaafi miidhaan namoota nagaarra raawwatamu akka isaan yaaddessu ibsu.

Waggoota muraasa darban kutaalee biyyattii adda addaa keessatti nama butanii maallaqa guddaa gaafachuun bal'inaan baratamaa ta'eera.

Gochaan kun ammoo hojjettoota manaa irraa kaasee hanga hidhattootaatti mala ittiin maallaqa argatan ta'eera.

Maallaqni kumootaa hanga miiliyoona hedduutti lakkaa'amus nama butame gadhiisuuf gaafatamaa jira.

Torbeedhuma kana naannoo Tigraay Adawaattis shamarreen ganna 16 tokko butamtee akka gadhiifamtu maatiin birii miiliyoona sadii akka kaffalu gaafatamuu gabaasneerra.