Waajiraaleen mootummaa oomisha biyya keessaa akka bitan murtaa’e

MM Ittaanaa fi MM Itoophiyaa

Madda suuraa, PMOEthiopia

Maxxanfame

Itoophiyaatti manneen hojii mootummaa oomisha biyya keessaa akka bitatan murtaa’uu, Ministirri Muummee Ittaanaa Itoophiyaa Obbo Tamasgeen Xirunaa himan.

Murteen kun kan darbe walgahii gamaggama hojii kurmaana 2ffaa ALI bara 2016 guyyoota lamaaf Mana Maree Ministirootaa taa’errattidha.

Gamaggama Kibxata eegale kanarratti dameewwan sadiirraa gabaasni dhiyaachuu Obbo Tamasgeen TV biyyaalessaatti himan.

Gabaasni manneen hojii ministeerotaa damee bulchiinsaa fi haqaa, hawaasummaa fi diinagdeetti qoodamuun dhiyaatan.

Obbo Tamasgeen EBC’tti akka himanitti, oomishaalee indaastirii alaa galfaman oomishaalee biyya keessatiin bakka buusuu fi al-ergii cimsuuun akka barbaachisu gamaggamarratti ka’uu ibsan.

Sochii "Itoophiyaan haa oomishtu" jedhu waggaa lama dura eegalame hordofee, oomishaalee danuun oomishamuu kan himan Obbo Tamasgeen, "ilaalcha oomisha biyya keessaatti fayyadamuu geeddara," jedhan.

Obbo Tamasgeen itti dabaluun, oomishaaleen hedduun oomishamaa akka jiran ibsuun, garuu fedhiin oomishaalee kanneenitti fayyadamuurratti hojimaanni jiru hanqina qaba jedhan.

"Waajjirri mootummaa kamiyyuu oomisha Itoophiyaan oomishtu dursa bitachuu qaba" jechuun ibsan Obbo Tamasgeen.

Oomishi biyya keessaa yoo dhabame gabaa biyya alaatti akka bitamu eeran.

"Seera fooyyessine waajiraaleen mootummaa oomisha biyya keessaa akka bitataniifi akka itti fayyadaman jajjabeessuu qabna," jedhan

Mana maree Ministirootaa Itoophiyaa

Madda suuraa, PMOEthiopia

Ministirri Indaastirii Obbo Malaakuu Allabal EBC'tti akka himanitti, murtee kana MM Abiyi Ahimadiitu murteesse.

Obbo Malaakuun, waajiraleen biroo wanta bitachuu barbaadan Ministeera Indastiriif dhiyeessuu akka qaban hubachiisan.

Akka Ministirri Indaastirii kun jedhanitti murteen kun, industiriiwwan gabaa dabalataa akka argatan akka gargaaru dubbatan.

Bulchiinsi Ministira Muummee Abiy Ahimad, meeshaalee biyya alaatii galfaman oomisha biyya keessaatiin bakka buusuuf hojjechaa akka jiru yeroo hedduu qondaaltonni mootummaa dubbataa turan.

Garuu ammas walgitinsa dhabuun daldala al-ergii fi gara biyyaattii galu gidduu jiru olaanaadha.

Bara baajataa 2015 darbetti Itoophiyaan al-ergiirraa Doolaara Ameerikaa biiliyoona 3.64 kan argatte yoo ta’u, meeshaalee biyya alaatii galaniif Doolaara biiliyoona 15 baaste.