Birhaanee Hayilee: 'Mana barumsaatii galaa osoon jiruu miilakoo dhabe'

Madda suuraa, Amensisa Negera / BBC
Akeekkachiisa: Oduun kun qabiyyee isin jeequu malu qaba
Birhaanee Haayilee kaaba Itoophiyaa naannoo Tigraayiitti, guyyaa tokko baadiyyaa gaarreen keessa osoo mana barnootaatii galaa jiruu waan hin eegne isa mudate.
Taateen kun bara darbe ture kan Birhaanee mudate. Innis dhohinsa mudatetu jireenyasaa guutummaatti akka hin taanetti jijjiire.
Ol adeemaan umuriin isaa waggaa 16 ta'e kun fanjii awaalamerra dhaabbachuun miilasaa mirgaa miidhuun battalumatti dhiigni qamaasaa fudhachuu dubbata.
''Dhohinsichi garmalee gara booddeetti na darbate. Dhiignikoos bakka hundatti faca'e. Namoonni sagalee dhohinsichaa dhagahuun fiiganii na bira dhufan,'' jechuun taatee sana yaadachuun BBCtti hime.
Isaan boodas abbaasaafi namoota ollaatiin baatamee miilaan erga sa'aatii lamaaf gaarreen qaxxamuranii booda Adawaa qaqqaban. Adawaan magaalaa guddoo naannichaa Maqaleerraa fageenya kiilomeetira 162 irratti gara kaabaatti magaalaa argamtuudha.
Innis bakka hospitaalaa dhiheenyaa waan tureef hojjattoonni walaansaa achitti argamanis lubbuu Birhaanee oolchuu danda'an. Haata'u malee, miillisaa dhohinsichaan miidhame irraa murame. Harkisaa lamaanis miidhaan irra gaheera.
Ollaan qonnaan bulaasaa Seeyaaboo, kan Tigraay fagoo gaarreen keessatti argamtus, waraana naannichatti tureef Sadaasa 2022 karaa nagaatiin dhaabbateen wal qabatee fanjiiwwan bakka garaa garaatti awaalamaniin kan gutamedha.
Kunis irra caalaa boombii, dhukaatuu madfiifi meeshaalee waraanaa biroo loltoonni gama lachuurraa dhiisuun baqatanii deemaniidha. Naannoo kana keessatti boombiin akka hin awwaalamne hin yaadamu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waraana waggoota lamaaf gaggeeffamuun namoonni miliyoonaan lakkaa’aman qe’eesaaniirraa baqqa'uun gargaarsarratti hirkataa ittiin ta’an kun, waggoota dhiheenya keessa Afrikaatti lola lubbuu namaa hedduu galaafatan keessaa tokko ta’uutu ibsame.
Sadaasa bara 2020 keessa ture loltoota Itoophiyaafi Ertiraa gama tokkoon, loltoota naannoo Tigraay gama biraan ta'uun wal loluu kan eegalan yoo ta’u, lamaan isaaniiyyuu naannicha to’achuuf qabsaa’aa turan.
Tilmaamni Gamtaan Afrikaa kaa'e akka jedhutti, lakkoofsi namoota walitti bu’insa kana fi sababii rakkoo namoomaa waraanichaan umameetiin ajjeeffaman walakkaa miliyoona ol ni ta'a.
Waliigaltee nagaatiin waraanichi xumurarraa erga gahee waggaa lama booda, ammallee namoonni haftee meeshaa waraana kanaatiin ajjeefamaafi madaa’aa jiru.
Birhaanee hoolonniifi re’oonni maatiisaa bakka dheedan waan argeef isaan deebisuuf jecha daandii miilaarraa qarqaratti bahee ture. Yeroo sanatti ture kan inni dhootuu sanarra dhaabbate.

Madda suuraa, Amensisa Negera / BBC
Dhaabbanni Fannoo Diimaan bara 2023 irraa eegalee namoota osoo hin beekiin fanjiin miidhaman 400tti dhihaatan gargaareera jedha. Isaan keessaa %80 daa'immanidha.
Garuu dhaabbanni tola-ooltummaa kun lakkoofsi kun "baayyee xiqqoo" qofa akka ta'e amana.
Nigist Giday yoo abbaan manaashee jalqaba bara kanaa naannoo Adwaa, aanaa Newii keessatti dhohinsa mudateen ajjeeffamu, isheen ulfa ji'a shanii turte.
Hojii ijaarsaa ganda isaanii keessaa hojjachuuf baheetti ture, kan meeshaa waraanaa gatamerra dhaabbatee miidhame. Hospitaala geeffamuus lubbuun hin oollee.
''Naannichatti meeshaan waraanaa dhohan bakka hundatti argama,'' jechuun haati warraa abbaan manaa jalaa du'e kun kan BBC'tti himte.
"Qondaaltonni wanta sibiil fakkaatuufi karaarratti argamu kamiyyuu akka hin tuqne nutti himaniiru."
Meeshaalee hin dhohiin walitti qabuudhaaf yaaliin gaggeeffameera. Fakkeenyaaf, ganda xiqqoo daandii guddaa gara Adwaatti geessu cinaatti argamtu Gorerootti, bakka qondaaltonni qonnaafi maasii itti argamaniitti walitti qabuun yaalameera.
Garuu sakatta'insa bal'aa gochuun rakkisaa waan ta'eef, hogganaan poolisii naannoo Obbo Haaddush Gabramadihiin sakatta'insa gurguddaa gaggeessuuf deeggarsa dabalataa hoggantoota isaaniirraa gaafachuu dubbata.

Madda suuraa, Amensisa Negera / BBC
Hanga ammaattis deebii hin argannee, tarii hir'inni qabeenyaafi ogeeyyiin boombii fashaleessanii jiraachuu akka hin oole dubbata.
Qondaaltonni Obbo Haaddush fa'i waliin hojjatan meeshaalee waraanaa argatan tokko tokko akka hin dhooneef fiyuuzii (furtuu) irraa buqqisaniiru. Haata’u malee, ho’i garmalee ykn ibiddi akka tasaa yoo jiraatee dhoosuu akka danda’u dubbata.
Dhaabbileen tola-ooltummaa meeshaa waraanaa qulqulleessuufi muuxannoo waraana biyyota Afrikaa kaaniin booda dhufu qabu, dhumarratti gidduu seenuu danda'u. Garuu dhimmichi qindoomina guddaa barbaadudha.
Adwaatti qondaaltonni dhootuuwwan kanneen karaa nagaatiin dhabamsiisuuf filannoo dhaban, balaa guddaadhaan ofumaan mooraa waajjira tasgabbiifi nageenya magaalattii keessa oolkaa'an.
Sodaan sagalee ganda Birhaaneerra ture, bakka sagaleen dhukaasa cimaa yeroo yeroon gaarreen keessaa dhaga’amu amma dhababateera.
Tajaajillawwan bu'uuraa kan akka ibsaa, intarneettii kanneen yeroo waraanaatti adda kutamanii ture, bakkatti deebi'uun magaaloota akka Sayaaboofi kaan gara jireenyaatti deebiseera.
Birhaaneen waraannii akkuma dhaabbateen waggaa lamaan booda yeroo jalqabaatiif mana barnootaatti deebi'uuf ture. Haata'u malee, balaan kun yeroo isarra gahe Guraandhala darbe jireenyi maatiisaatti haalaan cimee ture.

Madda suuraa, Amensisa Negera / BBC
Birhaaneen yeroo lolaa sanatti obboleessasaa angafaa kan loltuu Tigraay ture dhabeera.
Obbooleettiin isaa tokkos loltuu turte. Isheenis miidhaa cimaan waan irra gaheef hanga ammaa Maqaleetti wallaansa fayyaa argataa jirti.
Obboleettiinsaa kan biraa naannicha keessa eddoo biraa jiraataa turte ammoo dirqiidhaan waan buqqaafamteef bakka mana jireenyaasheetti deebi'uu hin dandeenye. Manni jireenyaashee bakka naannoon Tigraayifi naannoon Amaaraa irratti wal lolanidha.
Isheenis bakka namoonni buqqaafaman keessa jiraatan dahannoo magaalaa Adawaa keessa jiraataa kan turte yoo ta'u, dhiheenya kana Birhaanee gargaaruuf gara sanatti imalte.
Birhaaneef dhaabbanni gargaarsa namoomaa tokko miila nam-tolcheef ulee ittiin socha'u (prosthetic leg and crutch) kennaniif. Isaan booda dhaabbatee socha'uu eegale.
Jireenyi bakka dhalootasaa yeroo baayʼee imala cimaa gaarreen keessa deemsa qabuuf gara qe'eesaa kan Sayaabotti deebiʼuu hin dandeenye.
Imalli duraan mana barnootaa deemuuf miilaan gara daqiiqaa 20 itti fudhataa ture amma naannoo sa'aatii tokkoo itti fudhata. Kanaaf, gara Adwaatti dhufuun obboleettiisaa waliin mana kireeffatee jiraataa jira.
Obboleettiin isaa ammallee gargaarsarratti waan hirkattee jirtuuf, baasiisaanii hunda akkamitti akka dandeessuuf ifa miti. Haata'u malee, Birhaneen mana-barumsaa itti fufuuf kun karaan gaariin akka ta'e dubbata.

Madda suuraa, Amensisa Negera / BBC
Sababii dhohinsi isa mudate qubaafi harkaasaa miidheef, hiriyyoonnisaa haaraan mana barnootaa haaraa keessaas akka daree keessatti yaadannoo barreeffatuuf isa gargaaru.
"Miira walmakaan qaba" jechuun haala isaa BBC'tti himeera.
"Yeroo tokko tokko nan aara, yeroo kaan ammoo lubbuun akkan hafe yaadachuudhaan galanni guddaatu natti dhagahama."
Qonnaan bulaa ta'uuf abjuun isaa badeera. Balaa isa mudachuudhaan dura garuu yeroo baayyee qonna maatiisaa kan boqqolloo, garbuufi midhaan biroorra facaafamu misoomsanirratti abbaasaa gargaaraa ture.
Barhaaneen gara magaalaatti maatii biraa deemuunsaa, maatiisaa kanneen balaa waraanaatiin miidhaman abdii kutachiiseera.
Berhaanee kan amma waggaa 17 ta'u, guyyaa tokko maatiisaa gargaaruudhaaf ammalleen obsaafi kutannoo akka qabu dubbata.
Barnootasaa itti fufuudhaan hojjetaa mootummaa ta'uuf barachuu akka barbaadu dubbata.












