Dhalataan Itoophiyaa tokko biyya ormaatti yoo du’e, reeffi akkamiin gara biyyaa ergama?

Maxxanfame

“Hin fidiin” jennuyyu du’i waan hin oolle. Namni tokko eessatti fi yoom akka du’u baruu baatus, yeroon isaa ga’e yemmuu lubbuun isaa darbu bakka maatii fi hiriyyoonni jiranitti, biyya ofii keessatti awwalamuun filannoo isa jalqabaa ta’u danda‘a.

Dhalattoonni Itoophiyaa hedduun biyya ormaa adda addaa keessa jiraatanis bakka filannoo maatii isaanitti awwalamuu fedhu.

Dhalataan Itoophiyaa tokko biyya ormaatti yoo lubbuun isaa darbe, filannoon isaa ykn kan maatii isaa biyyatti awwaalamuu ta'e, reeffi isaa akkamiin biyyatti deebifama?

Ameerika (US)

Obbo Kaasahuun Saahilee US, Varjiiniyaa keessatti Dhaabbata Imalaa fi Kaargoo Nathaan jedhamu hundeesse waggaa 12 oliif hojjeteera.

Dhabbanni kun tajaajila tikeetii imalaa fi kaargoo qindeessuun biratti, tajaajila reeffa gara biyyaatti geejjibsiisuu irratti ni hojjeta.

Namni hundi akkataan du’i isaa adda adda ta’etti, adeemsi reeffa gadhiisisuu isaas Ameerikaa keessatti adda adda akka ta’e Obbo Kaasahuun ni hima. 

Fakeenyaaf namni tokko dhukkubsatee du’e yoo ta’e, maddi du’a isaa salphatti waan beekamuuf waraqaan ragaa du’aa salphatti argamee utuu maatiin hin rakkatiin reeffi isaa ni gadhiifama jedha.

Daandiin qilleensaas reeffa fe’uuf hin rakkatu jedhan. Adeemsa reeffa geejjibsiisu keessatti ga’ee kan qaban maatii, mana reeffaa fi dhabbilee geejjiba akka Nathaan akka ta’e Obbo Kaasahuun ni hima.

"Reeffa nama tokko hospitaalarraa gadhisiisuuf maatiin jiraatee mallatteessu qaba. Eenyuyyu deeme reeffa fudhachuu hin  danda‘u,‘‘ jedha.

Yoo maatiin nama sanaa biyyicha keessa hin jiru ta’emmoo, gama imbaasii Itoophiyaatiin, 'reeffi ilmakoo akka gadhiifamee biyyatti' deebi’uuf nan eeyyama jechuun xalayaa erguun, bakka bu’ummaa hiriyyaa ykn nama fedhaniif kennu akka qaban hima.

Obbo Kaasahuun akka jedhanitti sana booda adeemsi reeffa biyyatti deebisuu akka salphatu hima.

Maatiin kan adeemsa kanaan rakkachuu danda’u, yoo akkataa namni sun itti du’e adda baasuuf qorannoo kan barbaachisu yoo ta’e akka ta’e hima.

Qorannoon akkanaa yoo xiqqaate hanga ji’a tokko fudhachuu danda’a.

"Akka aadaa keenyatti, namni yoo du’u maatiin hanga reeffa argatanitti nyaatallee hin nyaatani, dafanii awwaaluus barbaadu," jedha.

Haata'u malee waraqaan ragaa du’aa kannamu, maddi du’aa qorannoorra jira kan jedhu yoo ta’e, Daandiin Qilleensaa tikeeta akka itti hin gurgurre hima.

Hanga maddi du’a nama tokko adda baafamutti, torban tokkos ta’e ji’a tokkoof reeffi sun mana reeffa keessa akka turu godhama.

Erga waraqaan ragaa du’aa aragamee booda wanti ijoon biraa barbaachisaa ta’e waraqaa ragaa dhibee hin daddarbinee jedhamu argachuun barbaachisaa akka ta’e Obbo Kaasahuun ni hima.

Waraqaan kun namni kun kan du’e dhibee daddarbu irraa akka hin taanee fi reeffa isaa geejjibsiisuun rakkoo fayyaa kan hin uumne akka ta’e kan mirkaneessudha.

Sana booda Imbaasii Itoophiyaa irraa waraqaa lammumma namichaa mirkaneessuu fudhachuun, yoo sirni gaggeessaa dursee US keessatti kan gaggeefamu ta’e sun adeemsifamee, sanarraa kallattiin gara buufata xiyyaraatti deeme biyyatti ergamaa jedha.

Gama baasii maallaqaan yoo ilaalamu "nama tokko as US keessatti awwaaluurra gara Itoophiyatti erguutu rakasa," jechuun Obbo Kaasahuun ni ibsa.

"Nama tokko yemmu asitti awwaaltu, lafa awwaalcha bituu qofaaf gara doolara 6000 ni baafta. Sana booda ammoo kaffaltii mana reeffaa, saanduqa reeffaa fi biroo waliin baasiin gara doolara 10,000 ol ta’a."

Obbo Kaasahuun akka jedhanitti karaa tajaajila dhaabbata isaaniin reeffa tokko gara Itoophiyaatti erguuf baasii imala xiyyaaraa dabalatee waan hundaaf yoo baay'ate doolara 6500 akka kaffalchiisu.

Akka seera US’tti namni tokko karaa dhaabbata geejjibaa kan akka Obbo Kaasahuun ykn ammoo mana reeffaa tajaajila reeffa geejjibsisaniin alatti, ofiin akka dhuunfatti reeffa geejjibsiisuu hin danda’u.

Adeemsa kan keessatti wanti ijoon barbaachisaa biraan paaspoortii Itoophiyaa qabaachuu akka ta’e Obbo Kaasahuun ni hima.

"Namni du’e sun lammii Itoophiyaa ta’uun isaa erga adda baafamee booda Imbaasiin xalayaa kan barreessu. Kanaan achi yoo lammii Itoophiyaa ta’uu isaa hin beeku ta’e, reeffa lammii biraa gara biyyaatti erguun hin danda’amu."

Namootni waraqaa eenyummaa akka paaspoortii sababa adda adda akka kooluu galtuu ta’uu isaanii fi biroon hin qabne yeroo jiraatan adeemsi kun akka rakkisaa ta’u Obbo Kaasahuun ni eera.

Kana furuuf yeroo hedduu Imbaasii Itoophiyaa waliin ta’uun waraqaa eenyumma fi xalayaa maatii nama kanaa dhiyeessuun akka lammummaa namicha mirkaneessuuf hojjetan hima.

Akka seera US’tti reeffa nama tokko erguuf dirqama namni fuudhe wajjiin imalu jiraachuu akka hin qabne kan himu Obbo Kaasahun, ta’us garuu reeffi yemmuu Itoophiyaa ga’u namni bakka bu’ummaa fudhachuun reeffa sana daandii qilleensaa irraa simatu jiraachuu qaba jedha.

Saa'udii Arabiyaa

Saa'udii keessatti raaffa lammii Itoophiyaa du’e tokko gara biyyatti ergurra achummatti awwaaluun akka salphatu hogganaan Hawaasa Oromoo Sa'udii ni ibsu.

Ta’us namootni reeffa gara biyyaatti erguu fedhan adeemsota keessa darbuu qaban adda addaa akka jiran namni maqaa isaanii ibsu hin feene kun BBC’tti himaniiru.

Akkumaa adeemsa US, Saa'udii keessattis reeffa nama tokko gadhiisisanii biyyatti erguufis ta’e achumatti awwaaluuf fira ykn maatii isaa irraa eyyamni ergamuu akka qabu hogganaan kun ni himu.

Maatiin erga karaa Ministera Haaja Alaa Itoophiyaan gara Imbaasii Itoophiyaa Saa'udii jiruutti waraqaa eeyyamaa erganii booda, tikeetii xiyyaraa kutuutti darbama jedhu.

"Tikeetiin geejjiba xiyyaraa reeffaallee mi’aadha, hanga Riyaala 10,000 ol ni ga’a," jedhu hogganaan kun.

"Namootni keenya hedduun asitti awwaalamu malee, gara biyyatti kan geeffamu xiqqoodha" jedhan.

Adeemsi kun namoota waraqaa eeyyama jireenyaa Saa'udii qabaniif irra akka salphatu kan himan hoogganaan kun, ta’us garuu namni waraqaa kana hin qabnellee adeemsa kana hordofuun hanga maatii irraa eeyyama argatetti reeffa biyyatti galchuu akka danda’u himaniiru.

Reeffa biyyatti erguuf gaatiin tikeetii xiyyaaraa qaalii waan ta‘uu fi adeemsi isaa yeroo kan fudhatu ta’uun isaa namootni hedduu akka asumatti awwalaman isaan taasiseera jedhu.

Dabaluunis "biyyi kun biyya amantaa Islaamaa waan taateefis, namootni irra caalaan asitti awwaalamullee ni barbaadu," jedhu.

 Namni tokko yeroo du’utti namni itti gaafatamummaa fudhate reeffa isaa fudhatu yoo hin argamne ta’e Imbaasiin Itoophiya Saa'udii jiru itti gaafatamummaa akka fudhatu hogganaan kun ni himu.

"Fakkeenyaaf namni tokko utuu mana hidhaa jiruu lubbuun isaa yoo darbu, maqaa abbichaa ibsuun firri ykn maatiin isaa dhiyaadha jechuun beeksisa ni baasa," jedhu.

Beeksisa san booda namni dhiyaate reeffa fudhatu yoo hin jiraanne imbaasichi ofiin awwaalcha isaa taasisa jedhu.

Akka seera biyyatiitti reeffa san qofa biyyatti erguun waan hin danda’ameef namni itti gaafatamummaa fudhatu kun wajjiin gara Itoophiyaa deemuu qaba.

Kana goochuuf ammoo paaspoortii fi waraqaan eeyyama jireenyaa isa ni barbaachisa jedha.

 Hogganaan kun akka jedhanitti namootni tokko tokko waraqaa eeyyama jireenya waan hin qabneef sodaaf jecha "namootaaf maallaqa kennaa bakka hin taanetti awwaalchisaa jiru".

Ta’us garuu karaa Imbaasii Itoophiyaatiin sodaa waraqaa kana qabaachuu dhiisuu isaanii malee ilmoo isaani seeraan awwaluu akka danda’an himu.

Jarmanii

Dhaabbata miti mootummaa walin ta’uun Jarmanii magaalaa Firaankifarti keessatti, hojii baqattootaa fi koolu galtoota biyyatti deebi'u fedhan gargaaruu keessa kan hojjetan Obbo Yaareed Abdataan, namni tokko yeroo du’utti adeemsa awwaalchaa dura gaaffiin inni jalqabaa ‘eessatti du’e?’ isa jedhu akka ta’e BBC’tti himaniiru.

Namni tokko hospitaala keessatti lubbuun isaa darbe yoo ta’e adeemsi reeffa fudhachuu fi awwaalchaa salphaa ni ta’a jedhu.

Yoo hospitaalaa alatti ykn manatti du’e ta’e garuu ‘’ogeessi fayyaa manatti waamamu qaba, ” jedhu Obbo Yaareed.

Ogeessi fayyaa kun du’uu nama sanaa mirkaneesse waraqaa ragaa du’aa kenne waraqaan sunis Mana Qopheessa mootummaa galuu qaba jedhu.

Dabaluunis biyyootiii Gamtaa Awuroppaa jiran keessa salphaan imaluun waan danda’amuuf, fakkeenyaaf namni jiraataa Jarmanii ta’e tokko gara biyya biraatti imalee utuu jiruu yoo lubbuun isaa darbe dhimma du’a isaa kan hordofu ‘biyya inni itti du’e malee, biyya inni keessa jiraachaa ture,’ akka hin taane baramuu qaba jechuun Obbo Yaared ni yaadachiisu.

Akkuma US biyya Jarmanii keessattis namni dhuunfaa tokko reeffa sochosuu waan hin dandeenyeef, reeffa kana kan manaa fuudhuun of bira kan kaa’u dhaabbata (mana reeffaa) eeyyama qabu qofa akka ta’e ni ibsu.

Obbo Yaareed akka himanittii dhaabbatni kun yemmuu reeffa nama tokko fuudhu maatii waliin adeemsa awwaalcha isaa, eessatti, yoom kan jedhu fi kaffaltii irratti walii galuun itti gafatamummaa fudhatee biyyatti erguufis ta’e achumatti awwaaluuf hojiisaa ni adeemsisa.

Mana Qopheessaa biratti waraqaa ragaa lamatu argamuu qaba, Innis waraqaa ragaa du’aa oggeessi fayyaa kenne mirkaneessuu fi paaspoortii reeffaa akka ta’ee Obbo Yaared ni himu.

Adeemsa kana hunda kan fixachiisu dhaabbata mana reeffaa kanadha.

Gama kaffaltiitiin yoo ilaalamu ,Obbo Yaareed "asitti awwaalurra biyyatti erguu wayya" jedhu.

Adeemsi reeffa gadhiisisuu Jarmanii, fi US dabalatee biyyoota hedduu keessatti walfakkaataa dha – innis eeyyama maatii argachuudha.

"Adeemsa reeffa biyyatti erguu keessatti ga’een maatii biyya [Itoophiyaa] jiruu murteessaadha," jedhu.

Manni reeffaa [funeral homes] kun adeemsa hunda xumuree reeffa sana waraqaalee ragaa argaman hunda walin xiyyaraan yemmuu argu, biyyatti maatiin jalqaba itti gaafatamummaa fudhatee eeyyama keenne ture simachuu qaba.

Waraqaa ragaalee kana irratti ‘eenyutu reeffa simata’ kan jedhu waan ka’amuuf namni sun waraqaa eenyummaa isaa waliin deeme reeffa sana daandii qilleensaa irraa fudhachuu danda’a.

Namni reeffa sana itti gaafatamummaan fudhatu yoo hin jiraanne garuu mootummaan Jarmanii ofiin itti gaafatamummaa isaa fudhate awwaala jedhu.

Obbo Yaareed akka jedhanitti sirna awwaalcha kana lammii ofii tokkoof adeemsisuuf, hawaasa keessatti hirmaachuun barbaachisaadha.

"Namni keenya gaafa namni boqotu, kaka’umsa guddaadhaan waliif birmata. Garuu hanga namni boqotutti eeguu osoo hin taane, kun waan hin oolle waan ta’eef, ammumaa kaanee hawaasa cimaa uummachuu qabna" jedhu

"Hawaasa cimaa yoo qabaanne, rakkoon uumamnaan salphaatti wal bira dhaabbachuu ni dandeenya” jedhan.