Waldiyaatti buufati poolisii haleelamee 'poolisoonni ajjeefaman, kaan butaman'

Madda suuraa, WOLDIA COMMUNICATIONS
Haleellaa hidhattoonni Faannoo buufata poolisii Waldiyaarratti raawwataniin yoo xiqqaate humnooti nageenyaa lama yeroo ajjeefaman kaanimmoo madaa’uu jiraattonni sadiifi maddeen hospitaalaa BBC'tti himan.
Dabalataan yoo xiqqaate miseensonni poolisii lamammoo hidhattootaan butamuu BBC’n odeeffateera.
Akka jiraattonni sadii himanitti haleellaan ALI Dilbata Adoolessa 09, 2016 bakkee magaalattii ''Gondar barr'' jedhamuutti buufata poolisii 'hulattanyaa' jedhamuurratti raawwatame.
Magaalaa teessuma bulchiinsa Godina Walloo Kaabaa kaan taate Waldiyaatti dhukaasni barii sa’aatii torbaa eegale sa’aatii tokkoof akka ture jiraattonni itti dhiheenya buufata poolisii kana jiraatan himaniiru.
Dhukaasni kan eegale hidhattooti Faannoo Naannoo Amaaraatti humnoota mootummaa lolaa jiran ''gara buufata poolisii adeemuun haleellaa banuu isaaniin'' akka ta’e jiraattonni lama ibsaniiru.
''Guyyaa lama dura bakka Marxoo jedhamutti [hidhattootaafi humnoota nageenyaa gidduu] walitti bu’iinsatu ture. Hidhattoonni Faannoo [buufata poolisiirratti] haleellaa kan raawwatan ‘poolisootatu’ eeruu kenne jedhaniiti.
‘’Poolisoota sanarratti haleellaa raawwachuuf dhufani,’’ jechuun jiraataan sababa haleellaa kanaati jedhan ibsaniiru.
Jiraataan biraa itti dhiheenya buufata poolisii kana jiraatan sagaleen dhukaasaa guddaa ta’u ibsu. ‘’Dhukaasni gara caalu gama tokkooti dhagahama,’’ jedhan.
Sagaleen dhukaasaa buufata poolisiirratti baname erga dhagahamee booda keellaa dhihoo jirutti kan ramadaman humnoonni nageenyaa naannichaa gara rakkoon jiru dhaqqabuu ganama maddeen nageenyaarraa dhagahuu isaanii himan.
Jiraataan kuni haleellaa gaafa Dilbataan ''miseensa kora bittinneessaa dabalatee poolisoonni sadii'' ajjeefamuu, poolisoonni sadiimmoo madaa’uu dubbatan.
Maddi kuni humnoota nageenyaa madaa’an keessaa tokko yaala argachuuf gara magaalaa Dasee ergamuu dubbatan.
Jiraataan biraas yaada wal fakkaataa kennan. Haa ta’u malee, maddi biraa dubbifne lakkoofsa humnoota nageenyaa miidhaman gara shaniin gahu.
Maddi hospitaala Waliigala Waldiyaa, halkan keessa dhukaasni dhagahamuu dubbatan tokko, ganama keessa yoo gara hojii seenan reeffa miseensota pooliisii lama arguu BBCtti himan.
Miseensonni poolisootaa kunneenis dhukaasa halkan keessa ture sanaan ajjeefamu waahillasaanii irraa dhagahu dubbatan.
'Kan butaman keessa tokko tiraafikiidha'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Miseensota nageenyaa ajejeffamaniifi miidhamaniin alattis, miseensonni poolisii hidhattootaan butaman jiraachuu jiraattoonni BBCn dubbise afur ibsan.
Haata’u malee, baay'ina lakkoofsa miseensota poolisii butamanii ilaalchisuun kan himan garaagarummaa qaba.
Jiraattonni lama miseensonni poolisii lama butamuu yoo himan, maddi tokko ammoo afur akka ta’an kaasu. Maddi gara biraa ammoo baayyina miseensoota poolisii kanneen torba jedhan.
Miseensota poolisii hidhattootaan butamaniiru jedhaman keessaa poolisiin tiraafikii guyyaa sana dabareerra turte keessatti akka argamtu jiraattoonni BBC dubbise sadi ibsaniiru.
Haleellaan buufata poolisiirratti kan baname wayita ‘‘miseensi poolisii tiraafikaa bobbaarra turtee boqonnaadhaaf’’ gara buufatichaatti deebiteetti akka ture jiraataan tokko dubbatan.
Abbaan warraa miseensa poolisii tiraafikaa Asiras akka jedhamuuf jiraataan naannichaa tokko dubbataniiru.
Jiraataan gara biraa ammoo miseensi poolisii tiraafikaa tun butamuu miseensa maatii irraa dhagahu hime.
BBCn haleellaa buufata poolisii irratti raawwatameera jedhamurratti odeeffannoo dabalataa argachuuf gara ittigaafatamtoota bulchiinsa magaalaa Waldiyaa fi Godina Walloo Kaabaatti bilbiluun yaaliin irra deddeebin taasise hin milkoofne.
Hidhattoota Faannoo naannoo Amaaraa keessa socho’aniifi humnoota mootummaa jidduutti walitti bu’iinsi erga eegalee bara darbeerraa kaasee, haleellaan akkasii yoo raawwatamu kun kan jalqabaa miti.
Buufata poolisii lammaffaa guyyaa Dilbataa haleellaa kun irratti raawwatames, kanaan duras dhukaasni irratti baname akka ture jiraattonni beeksisaniiru.
Sadaasa keessa ammo mana sirreessaa godinicha keessatti argamurratti haleellaan wal fakkaatu hidhattootaan halkan keessa banamee, hidhattoonni dhibbaan lakkaa’aman gadi dhiisifamuu yeroo sanatti jiraattoonni BBCtti himanii ture.
*Jiraattoonni magaalaa Waldiyaa BBC'n dubbise nageenyasaanitiif jecha maqaansaanii akka hin eeramne gaafataniiru.












