Awurooppaan 'seenaa keessatti yeroo murteessaarra jirti' jechuun Maakroon akeekkachiisan

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon dureewwan Awurooppaa Biraasalsiitti walgahii mana maree waraanaa addaatiif walitti qabamaniin ardiittiin ''seenaa keessatti jijjirraa guddaarratti akka argamtu'' akeekkachiisan.
Dureewwan Awurooppaa dhimma Yukireen irratti mari'achuuf wal argan kunneenis deebiisanii hidhachiisuun alatti, deeggarsa US irraa argataa turte akka adda citee pirezidanti doonaald Tiraampiin kan himamee Kiiviin akkaataa qaamni kun caalaatti itti deeggaru danda'urratti mari'atu jedhamee eegama.
Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleninskiinis walgahii kana irratti affeeramaniiru.
Erga torban darbe Pirezidanti Tiraampii fi Zeleniskii jidduutti Masaraa Adii keessatti wal dhabdeen mudatee as, biyyoota Awurooppaa biratti yaaddoon dabalaa dhufeera.
Raashiyaan erga Yukireen irratti weerara guutuu irratti bantee waggaa sadiin booda, bulchiinsi Tiraamp haalli qabiinsa pirezidanti Raashiyaa Vilaamdiir Puutiinitti agarsiisan, Awurooppaan Ameerikaa irratti hirkachuu akka hin dandenyee agarsiisuu isaatti dureewwan Awurooppaa yedduu yaaddoo keessa galcheera.
Ameerikaan odeeffannoo Tikaa Yukireeniif qoodaa turte dhaabuudhaaf murteessuun ishee caalaa yaaddoo dabaleera.
Murteen Waashingitan Roobii darbe Yukireen waliin odeeffannoo basaasaa qooduuf murteessite yaaddoowwan sana salphisuuf homaa hin goone.

Madda suuraa, EPA
Agarsiiftuu yaaddoo cimaa kaaatiifis, Pirezidantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon haasaa guyyaa Roobii ummataaf taasisaniin, biyyisaanii meeshaa nikulaaraa qabduutti fayyadamuun eegumsa michoota Awuurroppaatiif taasiftu dheereessuu ilaalchisee mariidhaaf banaa ta'u himan.
Sunis waamicha Friedrik Meerz, kan Chaansilara itti aanu Jarmanii ta'uu hin oolle jedhamaniin, qoodinsa niwukilaraa dabaluu irratti mari'achuu hordofeeti.
Awurooppaan ''balaa ifaa fi kan ammaa nu keessaa tokkollee umurii ga'eessota keenya keessatti hin argine'' mudachaa turte jedhan, hoggantuun Komishinii Awurooppaa Ursuulaa Voon deer Leyen.
Pirezidaantiin Mana Maree Awurooppaa Antoonii Koostaan ammoo kun ''Yeroo Yukireen fi nageenya Awurooppaatiif murteessaa ta'eedha'' jechuun ibsan.
Voon Deer Leyen xalayaa hoggantoota Awurooppaaf barreesseen, ardiin tun ''yeroo hubachuu'' fi ''humna industirii fi oomishaa keenya gadi lakkiftee gara galma nageenyaatti qajeelchuu'' qabdi jedhan.
Akkasumas guyyaa Wiixataa paakeejii waraanaa kanaan dura argamee hin beekamne 'ReArm Europe jedhamu ifa taasisan. Itti dabaluunis Awuuroppaan baasii waraanashee ''saffiisaa fi fedhii barnaachisuun garmalee'' cimsuudhaaf qophiidhaa ta'u ibsaniiru












