Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tapha Pirimerliigitiin Maan Yunaaytid fi Tootenhaam dabalatee eenyuti eenyuun mo’a?
Kan Maanchester Yunaayitid fi Tootenhaam gidduutti gaggeeffamu dabalatee Piriimer Liigii Ingilizii galgala kana ni taphatamu.
Eenyutu eenyun mo’ata?
Ogeessi BBC kubbaa miilaa tilmaamuun beekamu Kiriis Saatan akkuma yeroo kaanii tilmaama isaa kaa’eera.
Taphni Piriimer Liigii torbee 11ffaa kaleessa galgala jalqabameera.
Eda Biraayitan Nootinhaam Forest waliin, Kiristaal Paalaas ammoo Woolvis waliin taphataniiru.
Tilmaamni Kiriis Saatan tapha lamaaniyyu ilaalchisee hin dhugoomiin hafeera.
Tapha Biraataniifi Nootinghaam gidduutti taphatamu Biraayitan ni mo’ata jedhee tilmaamus jarri walqixa bahan.
Kan Kiristaal Paalaas fi Woolvis gidduutti taphatame ammoo walqixa ta’u jechuun tilmaamee ture Saatan.
Taphichi garuu Kiristaal Paalaas 2-1 Woolvisiin mo’ateera.
Taphawwan torban 11ffaa hafan ammoo Saatan akka itti aanutti tilmaameera.
Roobii
Tapha Arsenaal Maanchester Siitii waliin taasise jedhamee eegame ammas yeroo biraatti darbeera.
Taphni kun silaa hedduu kan eegamuudha. Sababiin isaa ammoo yeroo ammaa kana Liigicha tokkoffaafi lammaffaa ta'uun dursaa jiru.
Arsenaal taphoota 10 keessaa 9 mo'achuun qabxii 27 qabatee dursaa jira. Maanchester Siitiin ammoo qabxii 23 qabatee lamaffaarra jira.
Barnmaawoz fi Saawozhampitan
Bifa deeggartoonni Barnmaawoz kamiyyu hin eegneen gareen kun ni mo'ata jedheen tilmaamma koo kaa'a.
Barnimaawoz tapha kana ni mo'ata.
Warri Saawozhampitan tapha West Haam waliin tureen qabxii tokko argachuun isaaniiyyu carraa qabeeyyii isaan jechisiisa.
Barnimaawoz tapha Fuulhaam waliin taphataniin gooliin jalqabaa ajaa'iba turte.
Tilmaama: 2 – 1
Bireentiford fi Cheelsii
Chelsiin Dilbata darbe Aston Viilaa mo'ateera.
Bireentiford irraa maal akkan eegu hin beeku.
Tapha Biraayitan waliin taphatan irratti sararri duraa isaanii deebiyee cimeera.
Cheesliin cimina gaariirra ta'uu baannaan, BIreentiford ammoo cimee taphannaan qabxii tokko argatu jedheen yaada.
Tilmaama: 1 – 1
Liiverpuul fi West Haam
Tibba kana Liiverpuul irraa mormii baayyee na qaqqabeera.
Liiverpuul tapha Meenchester Siitii waliin taphate irratti sarara duubaa isaa baayyee cimaa ture.
Liiverpul gara dandeettii isaatti deebiyaa akka jiru mirkaneessera.
Sararri duubaa West Haam haphachuun ammoo tapha har'aa kana irratti Liiverpuul ni gargaara.
Tilmaama: 3-1
Niiwukasil fi Evartan
Niiwukasil Maanchester Yunaayitidiin Oltiraaford irratti mo'achuu dhabuun isaa carra dhabeessa ta'uu isaa mullisa.
Ittisuudhaan jaboo kan turan yoo ta'u, carraa goolii Maan Yunaayitid irratti lakkoofsisuus uumanii turan. Amma maaliif sadarkaa ja'affaarra akka ta'an ifadha.
Taphawwan lamaan darban kan mo'aman warri Evartan, tapha kana irratti ni rakkatu jedheen yaada.
Tilmaama: 2-0
Maanchester Yunaayitid fi Tootenhaam
Maanchester Yunaayitid tapha Niiwukasil waliin taphatanirratti carraan waan isaan darbe natti fakkaata.
Taphni Tootenhyaam dhimma biraati.
Haarii Keen warra Tootenhaam carraa argannaan dandeettii goolii lakkoofsisuurra jira.
Maan Yunaayitd ammoo akka ilkaan hin qabne torban darbe mul'ateera.
Maan Yunaayitid Kiristaan Eriksaniin miidhamaan dhabuun isaa kan isa miidhu yoo ta'u, qaawwi uumamuu mala.
Antooniyoo Konteen ammoo tooftaa deebiyanii haleeluutiin waan mo'atu natti fakkaata.
Tilmaama: 1 – 3
Kamisa
Fuulham vs Aston Viilaa
Warri Aston Viilaa tapha torban darbe Cheelsii waliin taphatan irratti hanga boqonnaatti gaarii turanillee, hanga dhumaatti garuu itti fufuu hin dandeenye.
Leenjisaan isaanii Isteefen Jeraard dhiibbaa keessa kan gale yoo ta'u, deeggartoonni dugda itti galagalfataniiru.
Kanaaf, tapha kanaan bu'aa gaarii eega.
Fuulham fi Barnimaawoz tapha torban darbe taphataniin warri Fuulham akka malee cimoo akka ta'an argeera.
Taphni kun walqixata ta'e jedheen tilmaama.
Tilmaama:1 – 1
Leester vs Liidis
Warri Leester taphataa isaanii dhiibbaa uumuu danda'u Jams Maadiisan sababa addabbiitiin hin argatan.
kan Arsenaaliin mo'ataman irratti dabalee warri Liidsi tapha gaarii bara kana agarsiisaa jiraniin qabxii isaaniif malu argachaa hin jiran.
Tapha borii kanaan kana haalli itti jijjiiran ni jiraata jedheen tilmaama.
Tilmaama: 1-4