Maanchester Siitii v Tootenhaam, Arsenaal v N. Forest,… tilmaama taphoota torban kanaa

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Taphoonni Piriimer Liigii torban 12ffaa taphoota biyyoolessaan booda Sambataa fi Dilbata kana ni gaggeeffamu.

Shaampiyoonaan bara darbee Maanchester Siitiin taphoota afur walitti aansee mo’amee miira gaabbiin quba of nyaachaa jira.

Leenjisaan kilabichaa Peep Gaardiyoolaan ammoo kontiraata turtii isaa dheeressuuf haaromsateera. Miira kanaan kilaba Landan Tootenhaam Hotispar waliin waliif ba’uuf jiru.

Qabxii dhabuun gaaga’ama keessa kan ture Maanchester Yunaayitid ammoo leenjisaa haaraa Ruuban Amoorim waliin tapha jalqabaa Dilbata Ibsiwiich waliin taasisa. Kun hawwii guddaan eegamaa jira.

“Leenjisaan kun tooftaa taphaa kan ofiisaa fidatee dhufa yaadni jedhu namoota hedduurraa dhaga’amaa jira,” jedha xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Suutan.

Miidhama taphattoota ciccimootiin taphoota darbanirratti duubatti sigigaachuu kan jalqabe Arsenaal ammoo kilaba bara kana cimina gaarii agarsiisaa jiru Nootingihaam Forest waliin taphata.

Suutan kanneen dabalatee tilmaama taphoota hundaa akka itti aanutti kaa’eera.

Sambata

Leester Siitii v Chelsii

Enzoo Mareeskaa ganna darbe Leester Siitii erga gadhiiseen booda yeroo jalqabaatiif gara kilabasaa duraatti deebiyuun salphaatti qabxii sadii fudhatee ni deebiya.

Warri Leester erga gara Piriimer Liigiitti deebiyanii cimina irra jiranitti gammadoodha.

Cheesliin ammoo amma haalaan cimaa jira.

Kool Paalmer miidhaa dandamatee yoo deebiyee hiriire Chelsiif tapha salphaa ta'aaf.

Tilmaama: 1 – 3

Barnimaz v Biraayitan

Gareen kunneen lamaan taphoota biyyoolessaan booda Maanchester Siitii walitti aansuun mo'achuu danda'aniiru.

Taphni kun cimaafi tilmaamuufillee rakkisaa ta'a.

Toofataa gara garaatiin ta'us kilaboonni kunneen lamaan tapha hawwataafi jifachuurratti hundaa'e taphachuu filatu.

Tapha kanarratti gooliin lakkoofsifamullee taphni kun walqixaan xumurama.

Tilmaama: 1 – 1

Arsenal v Notingihaam Forest

Arsenaal qabxii gataa deemuu hin qabu. Dekilaan Raayis sababa miidhamaatiin taphachuu baatus, tapha jijjiiruu kan danda'u Maartiin Odegaard jiraachuun isaa oduu gammachiisaadha.

Deegartoonni taphataan kun deebiyuun gahumsa garee kanaa ni fooyyeessa jedhanii abdii qabu.

Taphattoonni tokko tokko sababa miidhamaatiin yeroo fagaatan miidhaa akkamii akka qabaatu yeroo Odegaard miidhamarra ture argameera.

Notingihaam Forest ammoo bara kana cimaa dhufeera. Leenjisaa Nuunoo Erspiriitoo jalatta cimaa kan jiru kilabni kun, Liiverpuuliin dirree isaarratti mo'achuu danda'eera. Tapha kanaan garuu injifannoon kan Arsenaal ta'a.

Tilmaama: 2 – 0

Aston Viilaa v Kiristaal Paalaas

Aston Viilaan taphoota darban afur irratti mo'amullee, Kiristaal Paalaas kan kana caalu rakkoo keessa jira.

Unaay Emiree garee isaa kana qindeessuun cimaa waan ta'eef ni mo'atu.

Paalaas bara kana karaa hundaan gaarii waan hin taaneef fooyyeessuun irra jiraata.

Viillaan dirree isaarratti qabxii sadii ni milkeessa.

Tilmaama: 2 – 1

Everten v Bireentifoord

Bara kana Bireentifoord dirree isaarratti gaarii ta'us, dirreesaatiin ala garuu bu'a qabeessa ta'aa hin jiru.

Everten ammoo dirreesaarratti tapha tokko qofaa mo'ate. Gareen Shoon Daayish kun bara kana tilmaamuufillee rakkisaa warra ta'an keessaa tokko ta'eera.

Bireentifoord taphattoota goolii galchuu danda'an akka Yohaan Wisaa fi Biriyaan Mibumoo qabaatus taphni kun walqixaan xumurama.

Tilmaama 2 – 2

Fuulhaam v Woolvis

Woolvis yeroo injifannoo isaa yeroo jalqabaa tapha garee biyyoolessaan dura Saawozhaampitaniin mo'atee milkeesseera. Jifataan garichaa Maatiyaas Kunihaam goolii lakkoofsisuu jalqabeera.

Fuulhaam ammoo dirreessaarratti taphachuun ala ga'umsa gaariirratti argama.

Emiil Simiiz Rowu ga'umsa gaariirratti argamuun alattis Raawul Yemiineezis garee isaa duraaniirratti goolii lakkoofsisuu danda'a.

Tilmaama: 2 – 1

Maanchester Siitii v Tootenhaam

Peep Gaardiyoolaan waliigaltee kontiraata isaa ittiin dheereffate waan mallatteesseeruuf deeggartoota garee biroo aarsuun isaa waan eegamudha.

Aariin deeggartootaa ammoo qe'ee Liiverpuul, Arsenaal fi Maanchester Yunaayitidirraa ta'uun isaa ifadha.

Siitiin taphoota darban afur mo'amus, ammallallee qabxii shaniin caalamee lamaffaarratti argama.

Waliigalteen haaraan leenjisaa taphattoota akka si'atan gochuun isaa ni eegama.

Tootenhaam bara kana rakkoo keessa akka jiru ibsamus, sadarkaa sadaffaarraa qabxii sadiin qofa fagaatee jira.

Tootenhaam Iitihaad irratti qabxii milkeessu hin qabaatu. Tootenhaam akkaataa itti taphatu waan hin jijjiirreef goolii lakkoofsisullee mo'ichi kanuma Siitii ta'a.

Tilmaama: 3 – 1

Dilbata

Saawozihaapitan v Liiverpuul

Garaagarummaa qabxii shaniitiin Liigicha dursaa kan jiru Liiverpuul, jalqabbii leenjisaa isaa haaraa Arnee Siloot isa gammachiisaa jira.

Kun tapha kilaba dhuma Liigichaarratti argamu ittiin injifatudha.

Tapha akna Liiverpuul mo'atullee taphichi garuu salphaa hin ta'u.

Saawozihaamptan hangam akka gareewwan garagaraa dura dhaabbachuu akka danda'u Siitii waliin agarsiiseera. Kana tapha kanarratti ni dbala.

Tilmaama: 0 – 2

Ipsiwiich v Maanchester Yunaayitid

Maanchester Yunaayitidiin mo'achuun Ipsiwiichiif ofitti amanamummaa dbala. Keessumaa leenjisaa haraa Ruuban Amoriim Maan Yunaayitid waliin yeroo gahaa argachuu dhabuu isaatiin tooftaa tapha haaraa qabatee dhufnaan Ipsiwiichi dorgomaa ni ta'a.

Maanchester Yunyaatid sarara isaa fuula duraa jabeeffachuun kan isa barbaachisu yoo ta'u, Ibsiwiich ammoo sarara ittisaa isaarratti dhibaa'ummaa agarsiisu hir'isuu qaba.

Baayyeen Amorim injifannoon jalqaba jedhanis taphni kun walqixaan xumurama.

Deeggartoota Maanchester Yunaayitid leenjisaa haaraa argachuutti gammadaa osoo jiranii Ipsiwiichi osoo mo'atee maal ta'a jettanii yaaddaniittuu?

Tilmaama: 1 – 1

Wixata

Niiwukasil v West Haam

Leenjisaan West Haam Yuliyeen Loptiigoo leenjisaan ari'amuuf qarqara gahe waliin waliin falmuuf deema.

Bara darbe West Haam 3 fi 1n dursaa turee 4 fi 3n mo'amuu isaa hordofee leenjisaan yeroo sanaa Daavid Mooyes kontiraatni isaa akka hin haaromfamne ta'eera.

Leenjisaan haaraa kun garuu hangas mara hojii quubsaa agarsiisaa hin jiru.

Aleksaandar Ayizaak gara ga'umsa gaariitti deebiyuu waliin walqabsiisee tapha kanaan West Haam qabxii kan argatu hin fakkaatu.

Tilmaama: 2 – 1