Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bulchaan Torontoo kachachala erga amanee booda aangoo gadhiise
Bulchaan magaalaa Kaanadaa, Torontoo, dubartii hojjettuu waajjira bulchiinsaa turte waliin, gaa'elaan ala qunnamtii saalaa qabaachuu isaa amanuun booda aangoo gadhiise.
Joon Toorii aangoo gadhiisuu isaa kan beeksise, gaazexaan Toronto Star dubartii umurii ganna 31 wajjiin hariiroo jalalaa qabaachuu isaa erga gabaasee booda.
Hariiroon kun yeroo weerara Covid-19 keessa eegalee “walii galtee lamaaniin bara kana xumuramuu” isaa Joon himeera.
Umurii ganna 68 kan ta’e John, hariiroon jaalalaa dubartii kana waliin gaa’eelaan ala qabaate, “dogoggora cimaa” ture jedheera.
Ibsa baase keessatti: “Gochaakoon namoota miidhaman hundaa fi uummata Toronto dhiifaman gaafadha.
“Hunda caalaa, kanan guddaa gaddisiise, haadha warraakoo, Baarb fi maatiikoon dhiifaman gaafadha,” jedheera.
Bulchiinsa haaraaf ceehumsi sirna qabeessi ta’e akka jiraatuuf, itti aantuu bulchituu Jenifar Makiliiv fi hojjettoota bulchiinsa magaalichaa waliin akka hojjetus ibseera.
Dabaluunis: “Hojiin jaalladhuu fi magaalaan caalaatti jaalladhu gadhiisuu kootti baayyeen gaabba.
“Haariroo isa ijoo (maatii waliini) suphuuf hojii barbaachisuuf, guutummaatti of kennee hojjechuun barbaachisaadha jedheen amana,” jedheera.
Joon jalqaba aangoo kanatti kan dhufe Mudde 2014’tti filannoo gaggeeffameen morkattoota Dag Foord fi Oliiviyaa Chaaw injifateeti.
Filannoo bara 2018’tti marsaa lammaffaaf kan filatame Joon Toorii, waggaa afur boodas marsaa sadaffaaf filatameera.
Guyyootii dhufan keessatti nama bakka Joon bu’u murteessuuf, filannoon ni gaggeeffama.