Sirni awwaalchaa Artist Zarihun Wadaajoo raawwatame

Maxxanfame

Sirni awwaalcha weellisaafi qabsaa’aa Artist Zarihun Wadaajoo bakka maatii, firoota, warri isa dinqisiifataniifi aanga’oonni mootummaa olaanoo argamanitti Finfinnee, bataskaan Qiddisti Sillaaseetti raawwatame.

Namoonni hedduun konkolaataafi lafoon, baandii poolisiin dabaalamuun, ganama irraa kaasanii reefa isaa Buraayyuu bakka mana jirenyaa isaatii gara itti awwaalametti gaggeessaa yeroo turanitti ergaa gara garaa isa faarsu dhageesisaa, barreeffamaan agarsiisaniiru.

“Ati goota seenaan yaadatudha! Artistii sabaafi dahalatee sabaaf jiraate! Seenaa boonsaa keetiin bara baraan yaadatamaa jiraatta!” kanneen jedhan ammoo ergaa namoonni kumaatamaan bahanii qabatanii deeman keessatti argama.

Artistiin gameessiifi qabsaa’aan kun Sambata Ebla 22, 2023 hospitaala biyya Indiyaa bakka yaalamaa turetti kan boqote.

Kaleessa (Ebla 25, 2023) yeroo reeffi isaa biyyatti deebiyettis Pirezidantii Oromiyaa Obbo shimmallis Abdiisaa fi Minitira Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa dabalatee aanga’oonni olaanoo Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Booleetti simataniiru.

Abbaa ijoollee sadii - durbaa lama fi dhiira tokko kan ta'e Zarihuun Wadaajoo, walleewwan qabsoo, jaalala sabaa, aadaa, jalala biyyaafi jiruufi jireenya dhaloota darban, amma jiraniifi borus irraa hin darbineen beekama.

Geerarsaafi walleewwan qabsoo sirbuun kan beekamu Artist Zarihuun Wadaajoo dhukkubiin itti hammaatee ji’oota lamaan darbaniif Indiyaatti wallaansarra ture.

Artist Zarihuun Wadaajoo eenyu?

Abbaa isaa Wadaajoo Goobanaa fi haadha isaa Zawdituu Makoo irraa Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Naqamteetti bara 1949 dhalate, weellisaa Zarihun Wadaajoo.

Obboleettii quxusuun isaa Aadde Alamtsahaay Wadaajoo BBC'tti akka dubbatanitti, obboleessi isaanii hangafti yeroo lola Eertiraatti ture irratti hirmaatee hin deebine. Ergasii ilmi dhiiraa tokkichi maatii isaanii Zarihun qofa ture.

Kanaafis ijoollummaa isaa Naqamtee, Haaruu, Shawaa, Mandiifi Gimbiitti dabarse.

Zarihun boodarra gara Naqamteetti deebi'uun hojiilee aartii ergaa jajjaboo qaban waltajjiiwwan argaterratti uummata biraan gahaa ture.

"Injiraan mataakoo maalumaaf na nyaatta, si obseen dadhabe follosseen si gata," jechuudhaan sirbi yeroos waltajjii bulchaan Godinaa Nugusee Faantaa irra jirurratti sirbe hidhaa ji'a saddeetii adabsiise jedhu obboleettiin Artist Zarihun Wadaajii Aadde Alamtsahaay.

Bara 1968 Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) garee aadaa jalatti Baandii aadaa Oromoo jedhamu dhoksaan hundeessee ture. Baandii kana keessatti wellistoonni hedduun walitti dhufuudhaani ture kan jalqaban.

Isaan keessaa Zarihun Wadaajoo, Ittaanaa Tolasaa, Ilfinash Qannoo, Amantee Dojaa, Abbitoo Kabbadaa, Salamoon Dannaqaa fi kanneen biroo hedduun turaniiru.

Artist Ilfinash Qannoo Zarihun Wadaajoo wajjin sirboota hedduu akka sirbaniifi isaan keessaa sirbi 'Nuwaliin dhaadanna, walmalee maal qabnaree' jedhu beekamtii guddaa kan qabu akka ta'e himte.

"Zarihun wajjin sirba baayyee walarkaa fuunee sirbine. Wal jalaa cookanii sirbuunis jira ture," jetti Artist Ilfinash Qannoo.

Artist Zarihun Wadaajoo sababa hojii isaatiif dhiibbaan mootummaa irraa isarra gahus cichee biyyuma keessa taa'een uummata waliin qabsaa'a jechuun aarsaa guddaa kaffalaa ture.

Weellisaa Zarihun Wadaajoo waggoota 50tti siqaniif hojii aartiitiin qabsaa'e keessatti sirboota waltajjiilee irratti sirbeen alatti sirboota 95 sirbuun uummata biraan gahuun ni himama.

Zarihun nama kaayyoofi waan itti amane irratti duubatti hin deebinedha jechuun BBCf kanaan dura ibsiteetti hiriyaan isaa yeroo dheeraafi weellistuun akkaan beekamtu Ilfinash Qannoo.

"Zarihun nama Oromummaa isaatiif miidhamee aarsaa kanfaledha. Nama hacuucamedha. Sirba qabsootiin sabasaa dammaqsaa jiraate. Anaafis sirboota naaf kenneera. Nama osoo ofiif hin jiraatiin uummta isaatiif jiraatedha," jette Artisiin buleettii Ilfinash Qannoo waa’ee Artist Zarihun yeroo ibsitu.

Namoonni Artist Zarihun akkamitti ibsu?

“Artist Zarihun nama uummata isaaf hojii bara baraan dhalootaaf darbu hojjete waan ta’eef hojiifi maqaan isaa bara baraan dhalootaan yaadatamaa jiraata,” jedhan Pirezdaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa du’a Artist Zarihun Wadaajoo.

"Artist Zarihun umurii ijoollummaa isaa irraa eegalee nama artiif amanamee artiif jiraate waan ta’eef hojiin inni hojjete bara baraan dhalootaa dhalootatti kan darbuufi dhaloonni akka daawwitiitti keessatti kan of ilaaludha."

Artist Zarihun Wadaajoo artistii gameessaafi jaalatamaa bara dargaggummaa isaa irraa eegalee artiin Oromoo akka guddatu, uummata Oromoo dammaqsuun tokkummaafi sabboonummaan isaa akka jabaatuufi gabbatu taasisan keessaa tokkodha.

“Artist Zarihun Wadaajoo yeroo haalli akka har’aa hin mijannetti jaalala artii Oromoofi uummata isaaf qabu irraa ka’uun artiin Oromoo akka dagaaguufi tokkummaan Oromoo akka jabaatu aarsaa guddaa kaffaluun gahee isaa bahachaa tureera.”

Zarihun nama jaalala uummataa cimaa qabuufi dhaloota artiin walitti hidheefi walbarsiisedha.

Hojii isaa kanaanis nama hojii artii Oromoofi Itoophiyaa irratti ashaaraa jabaa kaa’ee darbe waan ta’eef yeroo kamiyyuu laphee uummata Oromoo fi Itoophiyaa keessatti yaadatamaafi jaalatamaa jiraata jedhan Pirezidant Shimallis.

“Artist Zarihun nama artistoota Oromoo har’aaf fakkeenya guddaa ta’uun artistoonni Oromoo kumaatamaan akka horataman warra daandii saaqe keessaa tokkodha. Kanaaf, Artist Zarihun ofii seenaa yoomiyyuu hin dabarre hojjetee darbus dhaloota hojii inni eegale itti fufsiisan hedduu horeera. Kanas sirba isaa “An hin du'uu; dhalootan guddisaa; ..” jedhuun kan ibse Zarihun dhugumattuu onnee isaa abidda sanaan dhaloota qabsaa'ee injifachuu danda’u; injifatees injifannoo isaa eeggachuu danda’u oomisheera.”

Pirezidantiin Oromiyaa Obbo Shimallis ergaa isaanii kanaan gahee Artist Zarihun Wadaajoo tokkumaa Oromoo cimsuu keessatti gumaaches yaadtaniiru.

Tokkummaan icciitii injifannoofi qoqqoodamuun daandii kufaatiifi injifatamuu ta’uu sirboota isaa ergaa jajjaboo of keessaa qabaniin: “An ilma kutaa miti; kutaan nan waaminaa…” jechuun kan dhaame Artist Zarihun nama jabaa yoomiyyuu sammuu uummata Oromoo keessaa baduu hin dandeenyedha jedhan.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee "Artisti Zarihun Wadaajoo roorroo, injifannoo, abdiifi gammachuu saba Oromoo ogummaa hawwataa ta'een guddisaa kan jiraate, seenaa Oromoo keessatti artistii iddoo olaanaa qabudha" jedhan.

Zarihuun Wadaajoon goota umurii isaa guutuu ummata isaatiif jiraate ta’uu isaa ibsan anga’aan olaanaa Obbo Aaddisuu Araggaa.

Obbo Jawaar Mohaammad ammoo Artistii gameessa kanaan, sagalee roorroofi laalaa gabrummaa, bilbila hawwiifi abdii bilisummaa galata kee Oromoon lakkaayee hin fixu jedhan.