Paarlaamaan Itoophiyaa miseensa tokkorraa mirga himatamuu dhabuu mulquuf

Maxxanfame

Manni Maree Bakka Bu'ootaa Itoophiyaa miseensa tokkorraa mirga himatamuu dhabuu mulquuf akka jiru ibse.

Manni maree kun maqaa miseensa kanaa ammaaf hin ibsine, garuu guyyaa har'aa Ebla 04, 2023 mirga himatamuu dhabuu akka irraa kaasu miidiyaa hawaasummaa isaarratti ibseera.

Paarlaamaan kun miseensa maqaa hin ibsine kana sababa maaliif mirga himatamuu dhabuu irraa kaasuuf akka jirus hin ibsine.

Yaa'ii idilee 13ffaa paarlaamaa Itoophiyaa kanarratti, bakka pireezidantii fi itti-aanaa Mana Murtii Olaanaa biyyattiif muudamni dhihaate ni raggaasisfama.

Pireezidantiin Mana Murtii Olaanaa fi itti aanaan isaanii torbee lama dura 'fedhiisaaniin' aangoo gadhiisuun ibsamee ture.

Pireezidantii Mana Murtii Olaanaa Federaalaa kan turan Obbo Birhaanemasqal Waaqgaarii akkasumas itti aanaan isaanii Aadde Tanaanyee Xilaahun waggoota sadan darbaniif itti gaafatamummaa kanarra turan.

Walga'ii paarlaamaa gaggeeffamuuf jedhu kanarratti bakka isaanii aanga'oonni muudaman aangoon isaaniif kennamuu miseensotaan ni raggaasifama.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Pireezidantii Itti-Aantota lama kan qabu yoo ta'u, amma aangoorratti kan hafanii jiran Obbo Tahliit Yimasil.

Yeroo dhihoo aangoo olaanaa Mana Murtii biyyattiirraa baqachuun heddummaataa jira.

Ji'a afur duras Pireezidantii fi Itti Aanaan Mana Murtii Waliigalaa Itoophiyaa aangoosaanii gadhiisanii turan.

Aadde Ma'aazaa Ashannaafii fi Itti Aanaan isaanii Obbo Solomoon Araddaa fedhii isaaniin aangoo gadhiisan erga jedhamee booda bakkasaanii Obbo Tewoodiroos Mihrat fi Abeba Imbiyaalee muudamaniiru.

Muudamasaaniis miseensonni paarlaamaa erga irratti mari'atanii booda raggaasisan.