Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qabsoo kaansarii dhaloota tokkoof itti fufuun injifannoon xumurame
Aaddee Ye’ayinababaa Birhaanee kaansarii harmaatiin kan dhukkubsatte waggoota 20 dura ture.
Dhukkuba ishee irraa fayyitulleen garuu qabsoon kaansarii waliin gootu dhaloota tokko bira darbuun har’umalleen hin xumuramne.
Yeroo ammaa kanatti maanguddoon kun waggaa 70 guuttee jirti. Waan jaalatamtuufi dinqisiifamtuufu ‘kan isin jedhee na waamu hin jiru’’ waan jetteef nutis si jechuun itti fufne.
Ye’ayinababaa Birhaanee dhalattee kan guddattee Finfinneetti.
Hanga kutaa 12tti kan barattes mana barnootaa Kokabatsibaah jedhamutti ture.
Maatiin ishees ijoollee 10 qabu turan. Kana malees obbolaan shan ishee waliin jiraatu.
Akkasumas carraa barnootaa barbaacha kanneen kutaa biyyaa irra dhufan ijoolleen firaas waliin akka maatiitti jiraatu.
Mannisaanii kan namaan guutameedha.
‘‘Walitti dhufeenya gaariin qaban ture. Jireenya nagaafi kan jaalalaan qaba ture,’’ jechuun bara ijolluummaa ishee yaadatti.
Aadde Ye’ayinababaa dur callisanii taa’uu waan hin jaalanneef, mana barnootaa keessatti kibabiiwwan akka fannoo diimaa fa’i keessatti hirmaachaa ykn korsiiwwan gaggabaabaa fudhachuun dabarsu ture.
Akkuma barnoota sadarkaa lammaffaa xumurteenis waajjira galiiwwan biyya keessaatti hojjattuu herrega ta’uu mindeeffamte.
Hanga soorama baatuttis waajjiruma sana keessa hojjataa turtulleen, galgalaan ammoo Yunivarsitii Finfinneetti Akkaawuntiingi barattee turte.
‘‘Kanan baradhee mana barnootaa tokkotti, kanan hojjadhees waajjira tokko keessaa akkuma ta’e, kanan walitti dhufeenya jaalalaa qabaadhes namuma tokkicha qofaa waliin’’ jechuun waa’ee abbaa warraa saanii Obbo Tasfaaye Abarraa dubbatan.
Obbo Tasfaayee waliin ollaa waliin waan turaniifi waliin waan barataniif, wal jaalachuu keessa akka galan himu.
Hiriyummaa waggaa saddeetiin boodas gaa’ila waliin dhaabbachuu himu.
Hawwii dhalanii dhungachuu
“Gaa’illi akkauma abbaan itti qabeedha’’ jetti Ye’ayiinaababaan. Gaa’ila keessatti wal dhabdeen ni jiraata. Garuu wal hubannaan, abbaan tokkoo tokkoof mo’amuun ilaafi ilaameen waliin jiraachu dubbatti.
Keessattu hawwii ilmoo argachuuf qabaniin bu’aa bahii hedduu keessa darbu dubbatti. Yeroo garaa garaatti mana yaalaa dhaqaniiru.
Hakiimoonni tokko tokkoos ‘ni deessa’’ jechaanii turan. Kaan ammo qoricha kennaafii akka turan yaadatti. Garuu jijjiramaa hin finneef. Ilmoo dhabusaaniitti garuu akka baayyee hin jeeqamnii kaasuu.
‘‘Umamni koo akkas. Omaafuu hin jeeqamu. Wanta dhufe hunda simachuudha. Erga dhufe wanti biraa gochu dandeessu hinjiru’’ jechuun baayyee dhiphina akka hin qabne himu.
Booda garuu waggoota saddeetiin booda mucaa dhiiraa, itti aansees intala dabalachuun ijoollee argatan.
Kaansarii harmaa
Waa’ee kaansarii kan oduun dhaggeessuun alatti hubannoo badaa hin qabdu turte. Guyyaa tokkos osoo qaama ishee dhiqatuu harmasheerrati dhiitoo tokko argate.
‘‘Namatti hin mul’atu ture garuu ani yoo qabu natti dhagahama,’’ jetti Ye’aayinaababaan.
Abbaa manaa waliin gara mana yaalaa dhaquun qoratamtulleen harmasheerra rakkoon omaatu akka hin jirre itti himame.
Yeroo sanatti wallaansisi akka ammaa kana hin cimne waan tureef rakkoo haalaan adda baasuun rakkisaa akka ture yaadatu.
Dhumaratti hakimiin tokko harmasheerraa saamuda fudhachuun akka qoratamu taasisuun, ‘‘gosa kaansarii ariitiidhaan babalatuutti’’ jechuun mirkanneessan.
‘‘Kaansarii ta’usaa natti himamuuf ana baayyee natti hin dhagahame ture’’ jetti.
Haata’u malee abbaan warraashee baayyee nahu ibsiti. Sirriiyyuu abbaa warraashee jajjabeessuutti akka rakataa turte himti.
Kanaanis wal qabatee gara Afriikaa Kibbaa deemuun achitti wallaansa akka argatan. Deeggarsa maatiin taasisaniifiin alattis, wallaansichaaf jecha ammoo konkolaataafi lafasaanii gurguruu kaafti.
Miseensoonni maatii akka qoricha aadaa eegaltuuf jajjabeessaa turan jiraachulleen hindhoksiine.
“Maatiin baayyee waan jeeqamaniif lakkii hin deemu jechuun ulfaataa ture. Isaanuma gammachisuuf jecha bakka lama wallaansa aadaaatiif na geessanii turan,’’ jetti.
Wallaansa Afriikaa Kibbaatti
Ye’aayinaababaa ijoolleen ishee ganaa of waan hin barreefuu wallaansaaf qofaashee gara Afriikaa Kibbaa imalu dubbatti.
Akka carraa ta’ee maatiin abbaa warraa ishee Afriikaa Kibbaatti argaman simachuufi gargaaru kaafti.
Osoo wallaansa kaansarii hin eegaliin duras guyyoota sadiif qorannoo onnee, kale, tiruu, sombaafi kkf taasisuun wallaansichaaf gahumas qabaachu akka adda baasan himti.
Guyyoota sadiin booda qoricha haala dhangala’aatiin kennamu guyyaa 21 tokko tokkoon yeroo jagaaf akka fudhattu ajajameef. AKka ibsa oggeessootaatti, wallaansi kunis seeloota kaansarii ajjeessuuf ykn guddina seelii kaansarichaa dhaabuufi wallaansa baqaqsanii yaaluu ykn carariin dhiitoo umamee sana hir’isuuf gargaara.
Wallaansa jalqabaa fudhattee guyyoota 21 booda yoo deebiitu, kan dhiita’ee hir’achuun jijjiramni jiraachuun yoo itti himamu human argachu dubbatti.
Wallaansii keemoo teeraappii riifeensa akka harcaasuu, jijjirama googaa akka fiduufi dhiibbaawwna gara biraa hordofsiisuu akka danda’uosoo Itoophiyaadhaa hin bahiin dhageessee turte.
Kanaafuu ‘‘riifeensa koo gabaabseen deemee ture’’ jetti.
Keemoo jalqabaa akkuma fudhatteenis rifeenis ishee gutummaa gutuutti harca’ee jijjiramte. Qeensi isheelleen gurraacha’u dubbatti.
Erga keemoo xumurteen booda wallaansi ittaanu harma rakkoo qabu sana muruu ykn wallaansa cararii fudhatu ta’a.
Garuu akka carraa ta’ee bu’aan wallaansa keemooteraappii gaarii waan tureef, cararii fudhachu fudhachu eegalu kan barbaaddu akka ta’e gaafatamte.
Kaansariichi tarii parsantaa tokko ykn lama hafuu mala waan ta’eef, maatii waliin mari’attee akka wallaansa eegaltuuf gaafatamte.
Isaani booddee waliigaluun harmi rakkoo qabu sun wallaansa baqaqsanii yaaluutiin akka muramu hayyamte. Erga inni gogeefiin booda ammo ‘‘marsaa 25 cararii fudhahde’’ jetti.
Wallaansa adeemsuma isaa eegatee argachuu eegalte. Achinis wallaansa baatii torbaatiin booda gara biyyatti deebiite.
Yaalii warra kaan deeggaruu
Addunyaa guutuutti waggaan dubartoonni miiliyoonaan lakkaa’aman kaansarii harmaatiin kan qabaman yoo ta’u, isaan keessaayis kanneen kuma dhibbaan lakkaa’aman ittiin du’u.
Dubartoonni umurii kamu keessatti argaman kaansarii harmaatiif kan saaxilamaniidha. Lakkoosfiisaa gadaanaa ta’ulleen kaansariin harmaa kun dhiiroota illeen ni qaba.
Kanaafuu mallatooleefi of eeggannoowwan dhibee kanaa baruun barbaachisaa ta’a.
Aadee Ye’ayinaababaan wayita waa’ee kaansarii baruu barbaaddee turteetti odeeffannoo gahaa osoo hin argatiin hafuu fi kanneen dhukkubsatanis waa’ee isaa dubbachu diduun ishee yaaddeessa ture.
Namoonni wal gargaaru qabu jettee waan amantuuf namoota tibba wallaansaatti wal bartee afur waliin ta’un garee deeggarsa kaansarii kennu tokko hundeessan.
Isaanis hakiimoota, firoota dhihoo fi hiriyoota amansiisuun, lakkoofsi miseensaa dabalaa dhufuun Waldaa Kaansarii Itoophiyaa hundeessan.
Waldaan jalqaba barnoota hubannoo cimsuu kennuun eegale kunis tajaajila isaa bal’ifachuun, yeroo tokkichaan dubartoota magaaloota garaa garaa irraa dhufan 16 simachuun kan keessummeessuu jidduugala kunuunsa kaansarii saaqan.
Yeroo ammaa kanattis jidduugalichi bakka dhukkubsattoonni boqatan, kunuunsa, hojjattoota nyaataafi qulqullina hojjatan dhiyeessuun alatti, tajaajilawwan hubannoo cimsuufi geejibaa kennaa jira.
Haata’u malee lakkoofsi dhukkubsataafi dandeettiin waldichaa waan wali hinginneef jecha mootummaa irraa lafa fudhatee tajaajila isaa bal’isuudhaaf qophirratti argama.
Aaddee Ye’aayinaababaanis miseensoota boordii waldichaa mindaa tokko malee tajaajilaa jiran keessaa tokko.
Kanaafuu qabsoon kaansarii wagga 20 dura eegaltee hanga lubbuun jirtuutti akka itti fuftu amantaa cimaa qabdi.
Abbaa manaashee waggaan dura kann jalaa du’an yoo ta’u, isheenis kaansarii harmaa irraa fayyitee ijoolleen ishees guddatanii arguutti gammachu olaanaa qabaachu himti.
Amma mucaanishee siivil injinarummaan, intalli ishee ammo Bizinas Adiministirashiniidhaan yunivarsitii Finfinnee irraa diigrii lammaffaan eebbifamaniiru. Initalli ishees dhiheenyatti heerumuuf jirti.
Namoota kaansariin qabau isaanii har’a baran osoo argiitee maal jettaan?
‘‘Tokkooffaa dhukkubicha fudhadhaa…Wallaansa isaa battalumatti eegalaa.''