Obboleessi Pool Poogbaa isumarraa maallaqa saamuuf yaaluun hidhaa bu'e

Madda suuraa, AFP
Obboleessi taphataa kubbaa miilaa Faransaay fi taphataa sarara gidduu Maanchistar Yunaayitid duraanii Pool Poogbaa namoota jaha dhimma saamichaan himatamuun hidhaa itti murtaa'e keessaa tokko ture.
Wagga tokko dura obbolessa isaa kana dabalatee namootni ja'a taphataa urjii Pool Poogbaa saamuudhaan himatamanii dhimmi isaanii qoratamaa tureera.
Maatiyaas Poogbaan yakka saamichaa kana duuba jiraachuun mirkanaa'ee hidhaan waggaa sadii itti murtaa'uu manni murtii biyyatti ibseera.
Kana malees, Yuuroo kuma 20 kan adabame Maatiyaas Poogbaan, adabbii kana kaffaluu yoo danda'e mana hidhaatii ni ba'a, garuu hordoffi cimaan kan irratti taasifamu ta'a.
Namoonni shan biroo saamicha birootiin yakkamaa ta'aniiru.
Dhaddacha magaalaa guddoo Faransaay Paaris keessatti gaggeeffame sana irratti dargaggeessi ganna 31 kan ta'e Pool Poogban ''Hiriyyoota ijoollummaa kootiin gowwoomfame,'' jedhe.
Manni murtiis namoota gocha kana keessaa harka qabaachuun isaanii mirkanaa'e hidhaa waggaa afurii hanga saddeetiin adabeera.
Bara 2022 namootni kunneen Yuuroo miiliyoona 13 kennuuf malee Poogbaa akka hin dhiifne Shugguxiin doorsisan.
Akka Pogbaan jedhutti himatamtoota sanaaf Yuuroo kuma 100 kaffaleera.

Madda suuraa, Reuters
Abukaatoon Matiyaaas Pogba, Mibeko Tabula akka miidiyaaletti himanitti murtoon kun ''garmalee rakkisaa'' ta'uu ibsuun, ''oliyyannoo ni dhiheessina jedheen yaada'' jedhan.
Namootni bitoo shan hidhaan adabamanis, Roshdane K waggaa saddeet, Bowubakar C waggaa afur, Adam C waggaa shan, Mamadou M waggaa shan fi Machikor K waggaa 4 akka adabaman itti murtaa'era.
Bara darbe Pool Pogbaan sababa yaalii saamichaa irraa irratti raawwtameen kubbaa miilaa irraa soorama ba'uuf yaaduu isaa Al Jazeeraatti himeera .
"Yeroo maallaqni jiru of eeggannoo gochuu qabda" jedhan. "Maallaqni nama jijjiira. Maatii diiguu danda'a. Waraana uumuu danda'a"jedhe poogbaan
Taphataan kubbaa miilaa duraanii obboleessi pool Maatiyaas Poogbaan Paatriik Tiistil, Reekshaam, Kiruu Aleeksaandiraa fi Kiraawulii Taawunif taphateera. Yeroo dhumaaf kilabii Faransaay Beelfoorti jedhamutti kan taphate yoo ta'u, bara 2022 kilabicha irraa adda ba'e.












