Siitiin 5-1n Yunaatiid injifata: Tilmaama Suutan

Maxxanfame

Taphoota piriimiyeer Liigii torban kanaa Jimaata dabalatee, Sanbattan lamaan kana taphataman keessaa tilmaama olaanaa kana argatee darbii Maanchistari.

Maanchistar Yunaatiid jalqabbii bara dorgommii kanaa gaarii hin taane keessaa bahuuf dhiyoo daandiin kan qajeelef fakkaata. Taphoota walitti aanan sadan darbanis injifateera.

Garuummoo ollaansaanii gahumsa olaanaarra jiru Maanchistar Siitiin dirreesaanii Old Tiraafoord wayita dhufu injifannoo amma dhandhamuu eegalan itti fufsiisumoo karaatti hafa kan jedhu gaaffiidha ijoodha.

Liigicha garaagartummaa qabxii lamaan kan dursu Tootenhaam galgala kana Kiristaal Palaasiin morkata.

Sadaffaarra kan jiru Arsenaal ammoo Sheefiild Yunaatidiin simata. Liivarpuul ammoo Nootingihaam Foorset waliin taphata.

Taphoota liigichaa mara ogeeyyii adda addaa affeeruun kan tilmaamu xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Suutan, taphoota torban kanaa hunda tilmaama.

Kiristaal Paalaas vs Tootenhaam

Tilmaamnisaa booda kana wayyaa'aa fi dhugaa ta'aa dhufuu kan dubbatu Suutan, leenjisaan Ispars Aanj Poostekoogluu yoom injifatamu jedhee gaafata.

Leenjisaan kun erga gara Ispars dhufanii taphoota sagal taphatanirraa qabxii 23 sassaabbataniiru, ji'oota lamaan darbanis filannoo leenjisaa cimaa ji'aa injifataniiru.

Leenjisaan liigicha keessatti taphootasaa jalqabaa sagalirraa qabxii hanga kanaa walitti qabate hin jiru.

Deeggaraa leenjisaa kanaa ta'uu kan himu Suutan, imalli milkaahanaa isaanii kun osoo hedduu hin turiin gufachuu akka malu tilmaama.

Taphni galgala kanaa dirree Paalaasittidha. Paalaas torban darbe Niiwkaasiliin 4-0n erga injifatamee booda tapha galgala kanaan dandamachuusaa agarsiisuu waan fedhuuf taphichi salphaa miti jedha.

Tapha kanarratti goolii hedduu arguu dhiisuu malla kan jedhu Suutan taphni kun dhiibbaa Paalasiin alatti injifannoo Ispars 2-0n goolabama jedhee tilmaame.

Chelsii vs Bireentifoord

Bireentifoord taphoota jahaaf injifannoo argachuu dadhabe torban darbe Barnileey injifachuun boqonnaa argatuus, yeroo dhiyoo as kan fooyya'aa jiru Cheelsii morkata.

Chelsiin torban darbe Arsenaaliin 2-0 injifachuuf fiixeerra erga gahee qixxee bahuun qabxii qooddate. Gahumsi agarsiise garuu garii ture.

Suutan Chelsiin yeroon ni injifatu jedhee tilmaamu mara qabxiin kan biraa ta'ee isa aarsaa jiraatus ammallee Bireentifoordiin akka injifatu tilmaama.

Tapha kana Chelsiin 2-1 injifata jedhee tilmaame.

Arsenaal vs Sheefild Yunaatiid

Sheefild taphoota liigichaa sagal keessaa qabxii tokko qofa argate. Garee hunduu qabxii harkaa butatu ta'eera. Gadi bu'uunsaa waan hin oolles jedhamaa jira.

Tapha kana dura yaddoon Arsenaal, haala taphattotaasaaniifi baayyina taphoota irratti hirmaatan qofadha. Innis ta'u torban kana badaa waan isaan yaachisu hin ta'u jedha.

Taphni bor sa'aa 11 irraa eegalu kun injifannoo Arsenaal 3-0 xumurama jedhe tilmaame Suutan.

Leenjisaa Mikeel Arteettaa Aroon Raamisdeelirra Deeviid Raayaa filannoo jalqabaa gochuurratti gaaffii qabaachuus ibsa Suutan.

Woolvis vs Niiwkasil

Torban kana taphoota morkii gaariin irratti mul'atu jedhamu keessaa kan biraan tapha Wolviziifi Niikaasil kana ta'a.

Wolviz taphoota afur darban hin injifatamne. Niiwkaasil ammoo miidhamni taphattootaa isa mudateera. Saandiro Tonaali ammoo adabbiin ji'oota 10 irra kahameera.

Leenjisaa Gaarii O'Niil hojiin Woolvizitti hojjechaa jiru dinqii ta'us, warri Maagpiis ittisarratti cimoodha jedha Suutan.

Suutan, Niiwkaasil tapha Shaampiyoonsi Liigiin dirreesaarratti Doortimuundiin injifatamuusaarraa bayyanachuuf tapha kana ni mo'ata tilmamaa jedhu qaba.

Taphani kun injifannoo Niiwkaasil 1-0 xumurama jedhee tilmaame.

Maanchistar Yunaatiid vs Maanchistar Siitii

Maanchistar Yunaayitiid ofirraa deebisanii jifachuurratti gaariidha, tapha Siitii waliin godhan irrattis malli kun ni gargaara jedha Suutan.

Gahumsi Yunaayitiid taphoota darbanii hedduu amansiisaa miti, faallaa kanaan Siitiin ammoo akka yeroo kaanii gahumsa isaanii ni agarsiisuu yoo ta'e taphni kun injifannoo guddaa kan irratti galmeessan ta'a jedha.

Barri drogommii kun eegaluu dura Yunaayitidiifi Siitiin gahumsaan hagam walirraa fagoodha kan jedhu gaaffii ture. Taphoota hanga ammaarraa hedduu walirraa akka fagaatan argineerra jedha Suutan. Taphni Dilbata godhamu kunis agarsiistuu garaagarummaa isaan gidduu jiruu ta'a jedha.

Yunaayitid carraa goolii galchuu argatus, Siitiin goolii hedduu akka galchu tilmaama.

Bara kana Erliing Haaland galchaa hin jiru jedhamee koomatamaa jiraatis Suutan warraa komatan keessaa miti. Tapha kanarrattis akka goolii galchu tilmaama.

Suutan taphni kun injifannoo Siitii 5-1 xumurama jedhee tilmaama.

Tilmaama taphoota kaanii

Liiverpuul vs Nootiingihaam Foorest

Liivarpuul dirreesaatti Nootiingihaam Foorestiin morkata.

Tapha kana Liivarpuul 3-0 akka injifatu tilmaame.

Biraayitan vs Fuulhaam

Torban darbe Biraayitaan Siitiidhaan 6-2 injifatama jedhee tilmaamee kan ture Suutan, taphichi injifannoo Siitii 2-1 erga xumuramee booda deeggartootaa Biraayitanirraa dheekkamsi irra gahuu ibseera.

Taphni kun garuu Biraayitaniif badaa hin ulfaatu jedhee tilmaame.

Biraayitan 2-0 Fulhaamiin injifata jedha Suutan.

Astoonviilaa vs Luutan Taawun

Astoonviilaan dorgommii Awurooppaatiinis kan liigiinis gahumsa gaarii agarsiisaa jira.

Qabxii 19n Liivarpuulitti aanee 5ffaarra kan jiru Viilaan, tapah kana 2-0n injifata jedhee tilmaame.

Weestihaam vs Evertan

Taphni dirree Weestihaamitti godhamu kun 1-1 goolabama tilmaama jedhu kaahe Suutan.

Boornimaawuz vs Baarnileey

Taphni kunis 1-1 goolabama tilmaama jedhu argate.