Tapha Kubba miilaarraa umrii 32'n soorama kan bahe Eden Haazaardi akkamiin yaadatama?

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan duraanii Cheelsii fi Riyaal maadirid Eden Haazaardi tapha kubba miilaa irraa soorama bahuu hime.
Haazaardi bara 2019 Cheelsii irraa paawondii miliyoona 89’n Riyaal Maadirid galus, taphoota 54 qofa Maadiridiif taphachuun kilabicha gadhiisee bahe.
Turtii isaa Cheelsii keessatti waancaa Piriimer Liigii lama mo'ateera.
''Of dhaggeeffachuun, yeroo sirrii tahe irratti dhaabi'' jechuu qabda,'' jedhe Haazaardi. Haazaardi erga kontiraata isaa Maadirid waliin xumuree bilisaan bahee kilaba osoo hin argatiin tureera.
''Kubba miilaa keessa turtii waggoota 16 fi taphoota 700 booda, tapha kubba miilaa asumarrati dhaabuuf murteesseera,'' jedhe.
Tapha garee biyyaalessaa irraa mudde waggaa darbee soorama bahuu ibse.
Waancaa Adunyaa bara darbee Kaataaritti gaggeeffamuun biyyi isaa Beeljiyeem garee ishee keessaa osooo hin darbiin hafte keessatti erga hammatamee soorama bahuu ibse.
Kilaba Riyaal Maadirid waliin waancaa Shaampiyoonsi Liigii, Kilab Woorlid Kaappi, Suupper Kaappii Awurooppaa tokko, Laaliigaa lama, Kooppaa del Reey tokkoo fi Suuper Kaappii Ispeen mo'ateera.
Haazaardi yeroo gahumsa guddaa irra gahu Maadirid seenus, turtiin isaa garuu dafee jireenya kubba miilaa isaatti xumura kan godhe fakkaata.
Haazaardi Riyaal Maadirid qofa osoo hin taane, Zinadiin Ziidaan hedduu dinqisiifata.
Yeroo sana Ziidaan kilabicha leenjisaa waan tureef garas imalus akkuma Ziidaan baheen carraa taphaa isaa gadi bu'aa dhufe.
Miidhamnis itti hammaate. Taphoota waliigalaan taphate irratti galchii torba qofa lakkoofsiseef.
Haazaardi yeroo biyyisaa Beeljiyeem Waancaa Adunyaa keessaa ganamaan baatu, dhaloonni amma jiru kun waancaa mo'achuu hin danda'u jedhe.
Carraan keenya darbeera, taphattootni ammaa dulloomaa jiru jedhee ture.
Biyyi isaa Beeljiyeem sadarkaa Fifa'n baasuun walitti aansitee sadarkaa tokkoffaa irra turtus waancaa Adunyaa garuu mo'achuu hin dandeenye.
Piriimer Liigiin fuula marsariitii isaa irratti '' seenaa Cheelsii keessatti taphattoota jajjaboo darban keessaa isa tokko'' jechuun jajeera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haazaardi tapha pirofeeshinaalaa kilaba biyya Faransaay Liil waliin jalqabe. Taphoota 149 irratti galchiiwwan 50 lakkoofsisuun waancaa Liig 1 fi Kuup de Firaansi akak injifatan gargaareera.
Bara 2012 Paawondii miliyoona 32'n Cheelsiitti makame. Bara 2014-15 Taphataa Cimaa,PFA [waldaa Kubba Miilaa Pirofeeshinaalaa] tahuun badhaafame.
Haazaardi Cheelsiif taphoota 352 irratti taphatee galchii 110 lakkoofsiseera.
Seenaa Piriimer Liigii keessatti bara dorgommii tokko keessatti galchiiwan 15 fi isaa olii fi kubba galchii tahan mijeessee kenne 15 fi isaa ol galmeessuun taphataa arfaffaadha.
Kunis Teerii Heenerii, Maat Lii Tiiserii fi Erik Kaantoonaatti aanuun.
Kunis bara dorgommii 2018-2019 keessa yoo tahu galchiiwan 16 lakkoofsisuun kubba 15 ammoo mijeessee kennuudhaani.
"Yeroon taphataa turetti leenjistoota jajjaboo, taphattoota jajjaboo waliin wal baruukoo fi hojjechuu koon an carraa qabeessa. Hundi keessaniyyuu yeroo waliin dabarsineef hedduu galatoomaa,'' jechuun barreesse.
''Maatiikoo, deeggartoota, gorsitootaa fi hiriyyoota koo yeroo gaarii fi hamaatti na waliin dabarsitaniif galata addaan qaba,'' jedhe.
"Dhumarrati, dinqisiifattootni koo waggoota hamma kanaa na hordoftanii fi bakka deeme hundatti na deeggartan guddaa galatoomaa.''
''Amma yeroottan namoota jaalladhu waliin dabarsuufi muuxannoo jireenyaa biraa dabarsudha. Hiriyyootakoo dirree taphaan ala dhiyootti wal argina.''
Haazaardi biyya isaaf bara 2008, tapha Luukshenbargi waliin taasisan irratti yeroo jalqabaaf hiriiree taphate. Ergasii taphoota 126 biyya isaa Beeljiyeemiif taphachuun galchiiwwan 33 lakkoofsiseera.
Akkasumas taphoota 56 irratti dursaa garee biyyaaleessaa beeljiyeem tahuun gaggeesseera.
Waancaa Adunyaa bara 2018, Raashiyaan qopheesite fi kan Beeljiyeem sadaffaan xumurte irratti galchiiwwan sadii lakkoofsiseera.












