Yukireen ministira dabalatee namoonni 18 balaa hilikooptaraan du'an

Bakka Hilikooptarri itti kufe
Maxxanfame

Ministira dhimma biyya keessaa dabalatee aanga'oonni olaanoon Yukireen balaa hilikooptaraan lubbuun isaanii darbe.

Balaan hilikooptaraa kun Kibba magaalaa guddittii biyyattii Kiiv naannoo oolmaa daa'immannii tokkotti har'a qaqqabe.

Balaa qaqabee kanaanis qondaaltoota mootummaa dabalatee namoota 18 galaafachuutu gabaafame.

Balaa lubbuun namoota 18 galaafate kana keessa daa'imman sadii kan argaman yeroo ta'u namoonni biroon 10 ammoo miidhamanii hospitaala galaniiru.

Ministira dhimma biyya keessaa Denys Monastyrsky dabalatee itti aanaan isaanii aanga'oota biroo torba waliin hilikooptara san keessa turan.

Hoogganaan Poolisii biyyaalessaa Ihor Klymenko yaada fuula feesbuukii isaanii gubbaatti maxxansaniin, hilikooptariin balaan kun irra gahe kan tajaajila yeroo balaa biyyattii ta'uu beeksisan.

Hilikooptarichi erga kufee caccabee booda ibiddi naannichatti qabatee ture. Ijoolleen oolmaa daa'immanii turaniifi hojjettootni bakka balaan kun gahe cinaa jiran atattamaan naannichaa akka bahan godhame.

Balaan hilikooptaraa kun qaqqabu dukkanaafi haalli qilleensaas hurriin kan guute ture. Akka qorannoon jalqabaa agarsiisutti hilkooptarri kun kufuu isaa dura gamoo oolmaa daa'immanii rukutee ture.

Gamoo rukutame irraa dabalatee namootni wadhaansaaf hospitaala galan walumtti 29 ta'u.