Manneen Barnootaa Afaan Oromoo Naannoo Amaaraa keessatti banamanii turan akkamiin cufamaa jiru?

Maxxanfame

Naannoo Amaaaraa Godina Shawaa Kaabaatti aanaan Aangoo Laalaa fi xarraa jedhamu Naannoo Oromiyaa Aanaa Qimbibiit wajjin wal daangessa.

Hawaasni aanaa kana gandoota ollaa aanaa Qimbibiit jiran hedduunis kan afaan Oromoo dubbatan yoo tahan, yeroo dheeraadhaaf mirga afaan dhalootaatiin barachuu gaafachaa akka turan himu jiraattonni BBC’n dubbise.

Maatiin isaa aanaa Aangoo Laalaa fi Xarraa keessa akka jiran kan himanii fi amma Magaalaa Shanoo kan jiraatan Obbo Shimallis, gandoonni aanaa naannoo Amaaraa kana jalatti hammataman kaan shira rifirandamii jalqaba bara 1990moota irratti taasifameen gara naannoo Amaaraatti hammataman jedhu.

“Hawaasni gandoota hedduu gara naannoo sanaatti kan hammataman shira rifarandamii fakkaatuun gageeffameen malee, nuti Oromoodha. Lafti kaan ammoo babal’ifannaadhuma yeroo dhihoo taasifameen gara naannoo Amaaraa jalatti hammataman,” jedhu.

Erga gara naannoo Amaaraa jalatti hammatamanii garuu tajaajilli mootummaas ta’e barnootaa kan argataa turan Afaan Amaaraatiin qofaa akka ta’es himu.

Manneen barnootaa Afaan Oromoo akkamiin banaman?

Obbo Shimallisi fi jiraataan aanichaa biraa maqaan isaanii akka hin ibsamne BBC gaafatan akka jedhanitti, naannoo Amaaraa aanaa Aangoo Laalaa fi Xarraa kanatti manneen barnootaa afaan Oromoo akka banamaniif sababa kan ta’e gaaffii uummataa dhiibbaa uumaa dhufedha jedhu.

“Waggaa afuriin dura yeroo naannoo Oromiyaa keessatti warraaqsi cimaan deemaa ture sana hawaasni aanaa kanaas afaan kanaan barachuu qabna jechuun dhiibbaa gochaa turan.

"Yeroo sana naannoo Oromiyaa kan bulchaa turan Obbo Lammaa Magarsaa Obbo Gadduu waajjin dubbachuun akka manneen barnootaa kun banamuuf ta’e,” jedhan jiraattonni.

Sababa kanaanis aanaa naannoo Amaaraa kana keessatti manneen barnootaa 20 tahan afaan Oromootiin akka barsiisan ta’ee hojiin jalqabame.

Waajjiira Barnootaa Aanaa Qimbibititti ogeessa Qorannoo Sirna Barnootaa kan tahan Obbo Masfin Raggaasaa ammoo ogeessa gara aanaa Aangoo Laalaa fi Xarraa deemuun deeggarsa gochaa turaniidha.

“Yeroo sana manneen barnootaa Afaan Oromoo 20 banuudhaaf hojjetamaa ture. Waajjira barnootaa aanaa Qimbibiit Xalayaan gaafachuun Aanichatti deddeebi’ee deeggarsa gochaan ture. Barsiisota qacaruu, kitaabaa fi kaan mijeessuu irrattin hojjechaa ture,’’ jedhan.

Manneen barnootaa Afaan Oromoo aanaa Aangoo Laalaa fi Xarratti banaman keessaa tokkotti barsiistuu akka taatee fi maqaan ishee akka ibsamu kan hin barbaanne shamarreen tokkos akkas jechuun akkaataa itti achatti hojii jalqabde himti.

“Ani kanan ramadame bara 2012ti. Beeksisichi naannoo Amaaraa kanatti afaan Oromootiin barsiisaan barbaadama kan jedhu argeen galmaa’e. Beeksisni kan bahe Naannoo Oromiyaa Shanootti. Achittin dorgomnee. San booda mana barumsaa irratti carraadhaan ramadamne” jetti.

Barsiisonni kunneen adeemsi qacarrii isaanii naannoon Oromiyaatti raawwatus itti waamamni isaaniis ta’e mindaa kan kanfaluuf garuu naaannoo Amaaraatiin.

Ogeessi barnootaa aanaa Qimbibiit Obbo Masfin yeroo sanaa kaasee hanga yeroo dhihootti qunnamtii gaarii qabna ture. Deeggarsa ogummaa hundumaa nutu kennaafi ture jedhan.

Walakkeessa bara 2014 kanaa asitti garuu hariiroon isaan wajjin qaban laafaa akka dhufee fi manneen barnootaa Afaan Oromootiin barsiisaa turan akka cufamaa jiran odeeffannoo qabaachuus himan.

“Ani kanin beekuu fi sirrittis deeggaraa ture manneen barnootaa Afaan Oromoo jahatu turan. Isaanis barattoota sirritti qabu. Daree tokko keessa hanga barataa 50 qabu. Hawaasni naannoos yeroos gammachuu qaba ture,” jechuun haala ture yaadatu.

Deeggarsa waajjirri barnootaa aanaa Aangoo Laalaa fi Xarraa waajjira barnootaa aanaa Qimbibiit gaafatuunis kitaabilee barnootaas naannuma Oromiyaa irraa argachaa akka turanis himu.

“Manneen barnootaa kun deeggarsa gahaa hin qaban. Kitaaba dhuunfaadhaanfaa warra Oromiyaa irraa ergifannee barsiisaa turre,” jetti baarsiistuun mana barumsichaa tokko.

Cufamuu manneen barnootaa fi rakkoo barattootaa…

Akka jiraattonni naannoo sanaa jedhanitti, gaaffii uummaataa waggoota afuriin dura ture deebisuf aanaa naannoo Amaaraa kana keessatti manneen barnoota Afaan Oromoo banamanii hojii jalqabanii fi adeemsarra turan 20 ta’u.

Isaan keessaa amma barumsa kan kennaa jiru manneen barnootaa sadi qofa yoo ta’u kaan isaanii dhaabbataniiru.

Mana barumsaa cufame tokko keessatti barsiisaa kan turee fi manni barumsichaa cufamnaan gara naannoo Oromiyaatti deebi’uu kan himu barsiisaa Guutaa Tolaa (Maqaan kan jijjiirame) haala ture akkas jechuun hima.

“Ani manni barumsaa sun banamee waggaattin achitti ramadamee deeme. Uummani naannoo sanaa hunduu afaan Oromootin baranna jedhanii sochii godhan. Booda kara aanaa sanaatiin barsiisota irratti dhiibbaa gochuun jalqabame.”

“Uummata keessa deemaniis ‘ijoolleen keessan silaa afaan Oromoo akkanaanuu beekti baratanii maal godhu? Eessatti ittiin hojjetu? jechuun dhiibbaa uummata keessatti godhamaa ture. Uummata tuttuqan. Uummannis deemee deemee yaadicha fudhatee manni barumsaa cufamuurra gahe,” jedha.

Kitaabni Afaan Oromoo waan hin jirreef ijoolleen barnoota afaan Oromoo kanaan seeraan barachaa hin jiranii kan jedhus dhiibbaa ture keessatti sababa ijoo akka ta’es eera barsiisaan kun.

Barattoonni manneen barnoota kun yeroo jalqabu barumsa jalqaban amma kutaa 4ffaa gahaniiru.

Manneen barnootaa Afaan Oromoo kun garuu kutaa tokkorraas barsiifamuun dhaabbateera, kutaa afuriin boodas hin jiru jedhu barsiisonni kunneen.

“Walgahii yeroo nu teessisan ‘Dhimma siyaasaatiif yeroo duraa sana asitti baname malee amma dhimma keenya miti’ nuun jedhan. Kun fedhii hawaasaas miti jedhan. Nuyi yoo gaafannummoo hawaasni fedhii qaba,” jedha Guutaan.

Manneen barnootaa kunneen keessatti barnoonni Afaan Oromootiin barsiifamuun akka dhaabbatuu fi kanneen kutaa 4ffaa gahanis bara dhufu kutaa tokkoffaa seenuun barumsa isaanii Amaariffaan akka baratan murteessanii jirus jedhu barsiisonni.

Itti gaafatamaa itti aanaa waajjira barnootaa aanaa Aangoo LaaLaa fi Xarraa kan turanii fi dhimma manneen barnootaa kanarratti itti dhiheenyaan aanaa Qimbibiit wajjin hojjechaa kan turaan Obbo Gallee Kidaanee bilbilaan dubbisnus amma odeeffannoo kennuuf fedhii akka hin qabne himan.

Dhimma kanarratti gaafachuuf Naannoo Amaaraatti Bulchaa Godina Shawaa Kaabaa kan tahan Obbo Taddasaa G/Tsaadiq argachuuf irra deddeebiin bilbillus sababa ‘walgahirran jira’ jedhuun argachu hin dandeenye.

Gama naannoo Oromiyaatiinis dhimma kana kan gaafanne Hoogganaa Itti aanaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Obbo Efreem Tasammaa, Nannoon Oromiyaa yeroo deeggarsa gaafatamu deeggarsa kennuun alati dhimma naannoo biraa keessaa seenee waan murteessu hin qabu jedhan.

“Deeggarsa yoo nu gaafatan nuti deeggarsa kennuuf qophiidha. Fakkeenyaaf godina addaa Oromoo keessatti deeggarsa kitaabilee hedduu ni kennina. Kan kenninu garuu yeroo naannichi nu gaafatudha. Saniin alatti daangaa bulchiinsa naannoo biraa keessa seennee kanatu siif mala jechuu hin dandeenyu,” jedhan.

Naannoo Amaaraa ollaa aanaa Qimbibiit kanatti sababa manneen barnoota afaan Oromoo banamanii turan cufamaa jiraniif barsiisonni achitti ramadamanii hojjechaa turanis hojii dhabdummaa, barattoota kutaa 4ffaa gahanis kutaa 1ffaatti deebi’uutu eeggataa jira.